Kalaqa qulqullina naannawaa eeguufi balaa hir’isuuf gumaachu

Finfinnee: Balfa gogaa gatame deebisanii faayidaaf oolchuuf kalaqi kalaqame qulqullina naannawaa eeguufi balaa tibba gannaa mudachuu malu hir’isuuf gumaacha akka qabu jiraattonni Magaalaa Finfinnee beeksisan.

Agarsiisni hojii kalaqaa qulqullina naannawaarratti xiyyeffate Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti Waajjira Bulchiinsa Qulqullinaatti qophaa’e tibbana hoggantoota olaanaa magaalichaan daawwatameera.

Jiraattuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, Aanaa 11 Aadde Turungoo Gaashuu agarsiisicharratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, balfa gogaa gatamee naannawa faalu walitti qabuudhaan faayidaaf oolchuun wantoota garagaraa hojjetanii agarsiisaaf dhiyeesaniiru. Teessuma killee (buuphaa) waraqaarraa hojjetamee gatame, dungoo tajaajila kennee baqe akkasumas cilee daakuu gatamu walitti qabuudhaan waantota bakka qoraanii bu’anii tajaajilan kalaqanii agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

Hojiin kalaqasaanii waraqaa bakkee faca’ee naannawa faalu akka hambisu himanii; tibba gannaa daandii (ujummoo) yaa’aa balfa dhangala’aa cufuudhaan akka balaa lolaa hinqaqqabsiisneef kalaqisaanii gumaacha akka qabu ibsaniiru.

Ciramuu bosonaa hanga tokko hir’isuun naannawa kondominiyeemiitti bakka qoraan ga’aan hinjirretti fala ta’ee waan dhiyaatuuf anaafis galii ta’ee naannawaafis bu’aa ta’a jedhu. Yeroo ammaa daakuun cilees haaluma walfakkaatuun daandiirratti gatamee akka bakkee hinfaalle taasisuun deebisanii walitti maxxansuudhaan cilee ta’ee akka tajaajiluuf agarsiisicharratti dhiyeessaniiru. Hojichaan bittaa qoraaniirraa oolanii galiisaaniis akka fooyyeffataa jiran ibsaniiru,

Kondominiyeemii Shaaloom jedhamurraa kan dhufan Aadde Tsiyoon Tasfaayee hojii ogummaa harkaa meeshaalee mana miidhagsuuf oolan kanneen akka abaaboo, wantoota teessuma mana keessaarra taa’uun bareechan, keenyan manatti fannifaman, qodaa abaaboo balfa gatamurraa akka hojjetanii agarsiisaaf dhiyeessan ibsaniiru.

Meeshaaleen kunneen foolii aadaa hawaasichaa waan qabaniif keessumaa daandii cinaatti manneen buna gurguran bareechuuf gabaarratti barbaadamaa ta’aa jira. Meeshaaleen bareedinaa kunneen qarshii 300 irraa kaasee hanga qarshii kuma tokkoofi 500tti akka gurguraman himanii; meshaaleen kunneen balfa gogaa naannawaatti gatamanii naannoo faaluurraa oolchuun madda galii ta’aafii jira. Hojichi caalaatti akka bal’atuuf mootummaan leenjii bizinasii, bakka oomishaafi gurgurtaa yoo kenneef caalmaatti cimanii akka dubartoota biroof carraa hojii uuman ibsaniiru.

Aadde Beetelihem Nigusee gamasaaniin hojii balfa gatame deebisanii faayidaaf oolchanirratti bobba’uudhaan hojii kalaqaa hojjechaa akka jiran ibsu. Meeshaalee mana keessaa kanneen akka fireemii suuraa, boorsaa dubartootaa, abaaboo mana keessaa gaazexaafi kaartoonii gatamu walittiqabuun hojjetanii agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

Waraqaafi kaartooniin bakkawwan garagaraatti gataman naannawa faaluurraa oolchuun qulqullina naannawaa milkeessuuf gumaacha akka qabu himanii; dubartootni biroonis ba’anii waan danda’an tokko kalaqanii waan jireenya dhuunfaasaaniifi hawaasa fayyadu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

 

Recommended For You