Hojiin turizimii teknolojiin walitti hidhuu hojjatamaa jira

Finfinnee: Biyyoonni Addunyaa hedduun qabeenya uumamaafi namtolchee qabanitti fayyadamuun turistoota hawwatanii dinagdeesaanii utubu. Damicha teknolojiidhaan ammayyeessanii bu’uuraalee misoomaa sirnaan diriirsuudhaan madda galii olaanaa kan argataniifi maqaa gaarii biyyasaanii ittiin ijaaranis hedduudha.

Biyyi keenyas qabeenyawwan uumamaafi namtolchee ajaa’ibsiisoo hedduu qabaattus damichaaf xiyyeeffannoon otoo hinkennamiin tureera. Jijjiiramaa as garuu xiyyeeffannoo hoggansa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kenname hordofee Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee damdaneessa hojiirra oolchuun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjechaa jira.

Gooroowwan damee dinagdee damdaneessaa kunneenis Qonna, Maanufaakchariingii, Turiizimii, Albuudaafi Teknolojii Odeeffannoo yoo ta’an; imalichaanis bu’aalee jajjabeessoon argamaa jiru. Dameelee shanan heddummina dinagdee xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko turizimiidha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas Sektarri Turizimii dilbii hintuqamne ta’uu hubachuun kanneen dhokatan ifatti baasee, kaan awwaara irraa hurgufee, caaseffamaan tumsee inisheetiviiwwaniin utubuun qabeenya Oromiyaan qabdu bu’aqabeessa taasisuun utubaa dinagdee taasisaa jira.

Akka biyyaatti seektarri turizimii akka utubaa dinagdeetti fudhatamee fooyya’iinsa imaammataa taasifamuullee dhimmi teknolojiin walitti hidhuu ammas akka rakkootti kan fudhatamuudha jedhan Ministirri Turiizimii Aadde Salaamaawit Kaasaa.

Seekatarichi maqaa gaarii biyyaa ijaaruufi bu’aa akka qabu itti amanamee hojiin teknolojiidhaan walitti hidhuu hojjetamaa jira jedhan. Seektaricha teknolojiidhaan uubuuf qajeelfamoonni ba’uu eeraniiru.

Utubaawwan dinagdee shanan Itoophiyaa gara badhaadhinaatti ceessisu jedhamanii abdataman keessaa turizimiifi teknolojiin ni eeramu kan jedhan ammoo komishinara ittaanaa Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajooti.

Hojiilee hojjetaman teknolojiidhaan utubuun hawaasni salphumatti akka nuhubatuufi beekuu darbees akka ittifayyadamu gochuuf gargaara jedhanii; hojiin kanaan dura gama turiizimii teknolojiin walitti hidhuurratti hojjatame waan muraase tureef gabbisa hubannoorratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Komishinii Turiizimii Oromiyaatti Daarektarri Dhimma Dijitaalaafi Misooma Turiizimii Obbo Mul’ataa Alamuu gamasaaniin iddoowwan hawwata turiizimii dijitaalaayzeeshiniin deeggaruu, kalaqoota adda addaa gara turizimiitti fiduufi qunnamtii odeeffannoorratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dameeleen komishiniinsaanii magaalota Oromiyaa 23tti argaman karaa Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo (‘ICT’) walitti hidhamuu ibsanii; beeksisawwan turiizimii hundas gara dijitaalaatti jijjiiruuf akka hojjetamu eeraniiru.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

 

Recommended For You