Gooticha olompikii, guutuu addunyaatti hindagatamne

Irreessaa Abbabaa Biqilaa nama guutuu addunyaarratti beekamaafi jaalatamaa ta’edha. Haata’utii Abbabaa Biqilaa maal hojjeteetu guutuu addunyaarratti beekame? Mee waanuma muraasa isin haa dubbisiisnu. Irreessaa Abbabaa Biqilaa tapha olompikiirratti jalqabaaf kan hirmaate olompikii Roomirratti. Olompikiin Room kan adeemsifame bara 1953 yoo ta’u; dorgommiin maaraatoonii kan gaggeeffame Qaam’ee 5 bara 1953 ture. Fiigichawwan sanaan dura adeemsifamanitti atileetiin sa’aatii 2:20n dura raawwate akka hinjirre seenaan nimul’isa. Maaraatoonii Olompikii Room kanatti garuu atileenni lakkoofsa 11 uffatee miilasaa duwwaadhaan fiigaa ture sa’aatii 2:15.16n tokkoffaa ba’uudhaan raawwate Abbabaa Biqilaan, riikordii lammiin biyya Cheekozilovaakiyaa Emiil Zatoopiikiin qabamee ture daqiiqaa torbaan fooyyessuudhaani. Fiigichi maaraatoonii dheerina kiiloomeetira 42.195 qabu wayita xumuretti atileeticharraa dadhabbiin wayiituu kan hinmul’anne ta’uun ammoo hunda caalaa hawaasa addunyaa kan ajaa’ibsiise ture. Irreessaa Abbabaa Biqilaa dirree olompikiirratti jalqabaaf akka alaabaan Itoophiyaa tallisu taasisuusaatti biyyaafi ummatasaa biratti goota seenaa ta’ee galmaa’eera. Dorgommii atileetiksiitiin Afrikaarraa atileenni tokko wayita maaraatooniidhaan mo’u Abbabaa Biqilaa kan duraa ta’uusaatti ulfinni kun kan Afrikaas ta’ee seenaarratti galmaa’eera. Abbabaa Biqilaa qabxii boonsisaa Olompikii Roomirratti argateen kaka’uun olompikii Tokiyoofis qophii olaanaa taasisaa turus sana dura dhukkuba hidda mar’imaanii hamaadhaan qabamee ture. Sababuma sanaanis akka hospitaala ciisu murtaa’ee yaaliin baqaqsanii hodhuu taasisameeraaf. Osoo madaansaa sirriitti hi fayyiin guyyaa saddeet booda dhadhaabbataan gara Tokiyoo kan deeme Abbabaan; guyyoota 15n boodas shaakala godhachuu jalqabe. Guyyoota 36ffaa irratti ammoo atileetota beekamoo Addunyaa wajjin fiigicha maaraatonii Olompikii Tokiyootiif hiriiree haala hawaasa Addunyaa gaafii keessa galcheefi dinqisiseen fageenyicha sa’aatii 2:12.11.2n xumuruun riikordii isumaan qabamee ture daqiiqaa 3:04.8n waan fooyyesseef alatti dirree Olompikiirratti fiigicha Maaraatoniitiin walitti aansee mo’uun atileeti (nama) duraa ta’eera. Sanaa booda egaa yaadannoosaatiif walmorkiiwwan adda addaa akka adeemsisaman kilaboonni tokko tokko maqaasaatiin akka waamaman, dirreewwan oolmaa ispoortiifi istaadiyoomonni ammayyaa maqaasaatiin akka mogaaffaman kan taasifame. Gootichi Olompikii Abbabaa Biqilaa wayita lubbuun ture mootummaa Hayilasillaaseetiin mudamniifi badhaasiwwan adda addaa kennameeraaf. Akkasumas dhaabbileen biyya keessaafi biyyoota alaas badhaasawwan adda addaa badhaasaniiru. Shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa 16ffaan bara Barkumee 2000 Finfinneetti qophaa’erratti Konfedereeshiniin Atileetiksii Afrikaa Atileetota Afrikaa dirreewwan atileetiksii biyyoolessaarratti beeksisan filachuudhaan wayita badhaasetti Abbabaa Biqilaa jalqabarratti badhaafameera. Waggaa 50ffaa injifannoo Room sababeeffachuudhaan biyya teenyatti kabajamerrattis Abbabaa Biqilaa goota Olompikii ta’uudhaan badhaafameera. Injifannoo jalqabaa maaraatoniidhaan Afrikaaf kan argamsise Abbabaan; Addunyaarratti seenaa hojjete kanaan yoomiyyuu dhaloota Afrikaatiin kan faarfamuufi yaadatamuudha. Badhaasa Barkumee Konfedereeshinichaan qophaa’e Ministiraa Muummee yeroo sanaa Obbo Malas Zeenaawwiitiin maatisaaf kennameera. Abbabaa Biqilaa mo’annaa yeroo sadaffaatiif Olompikii Meekoorratti hiriire ture. Hiriiruu qofa osoo hintaane hanga kiiloo meetira 15tti dursaa ture. Haata’u malee hiddi miilasaa butamuusaatiin hawwiin inni yeroo sadaffaaf mo’uuf qabu osoo hinmilkaa’iin hafe. Haata’u malee Abbabaa waliin kan ture Irreessaa Maammoo Waldee gootummaa Abbabaa waan dhaaleef Itoophiyaan seenaa Olompikii keessattuu biyya walitti aansitee yeroo sadii maaraatoniin injifatte taasiseera. Wayituma kanas Alaabaan ishee kanneen biyyoota beekamoota caalaa ol kaatee akka tallistu, faaruunshees ummata Addunyaa maraa biratti akka dhaggeeffatamu taasiseera. Yeroo sadiif waliti aansee injifannoo dachaan argamuusaattis Itoophiyaan mootittii Olompikii ta’uudhaan maqaanshee warqiidhaan galmee Olmipikiirratti barreeffamee akka taa’u taasifamera. Yaadannoo gooticha kanaaf bara 1976 irraa kaasee maqaasaatiin dorgommiin maaraatonii Abbabaa Biqilaa akka adeemsisamu murtaa’eera. Haaluma kanaan Dorgommiin maaraatonii biyyoolessaa Abbabaa Biqilaa kun kanaan dura yeroo 40f magaalota naannolee adda addaatti adeemsisameera. Barana ammoo boru magaalaa guddoo Sidaamaa, Hawaasaatti adeemsisama. Maaraatonnii yaadannoo Abbabaa Biqilaa kanarratti atileetonni kilaboota beekamoo, kanneen naannoleefi dhuunfaa, akkasumas atileetonni manguddootaa umri 50 oliifi 50 gadii korniyaawwan lameeniinuu akka hirmaatan beekamera. Akka Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dheengadda ibsetti, dorgommiin kun Finfinneedhaa ala naannoleetti qophaa’uunsaa ummata atileetota beekamoo fageenyatti ilaaluudhaan hawwuuf carraa dhiheenyatti ilaalu kan taasisuudha. Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

Recommended For You