
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii Idilee 42ffaa dheengadda gaggeesseera. Walga’icharrattis Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad gaaffiiwwan Miseensota Mana Maree irraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru. Hojiilee hojjetamanirratti ibsa kennan keessaa dhimmoota dinagdeerratti xiyyeeffachuun akka maxxansaaf tolutti matadureedhaan qindeessuun akka armaan gadiitti dhiheessineerra.
Damee turizimii
Itoophiyaatti barana konfiransiiwwan idiladdunyaa 150 ol adeemsifamaniiru. Kunis kan bara darbee dachaan caala. riifoormii immiigireeshinii, hojii daandii qilleensaa, hoteelotaafi bakkeewwan turizimii babal’isuu, misooma koriidariifi hojiiwwan biroon hawwata turistii dabaluuf qooda guddaa qabu.
Bara bajataa kanatti namoonni miliyoona 1.5 ta’an Paarkii Tokkummaa, Addababa’ii Michoomaa, Godambaa Saayinsiifi Masaraa Biyyaalessaa daawwachuufi kanaanis galiin qarshii biiliyoona walakkaa ol argameera. Waggooa muraasa darbanitti bakkeewwan afran namoonni miliyoona 13.5 daawwataniiru.
Hojiiwwan sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamaniin lakkoofsi daawwattoota biyya keessaafi alaa sadarkaa olaanaan guddateera. Turizimiin utubaa ijoo damee tajaajilaa ta’uusaatiin mootummaan hojii damicharratti eegale cimsee ittifufa.
Carraa hojii
Bara bajataa 2017tti lammiilee miliyoona 4.5f carraan hojii uumameera. Bara bajatichaatti carraa hojii uumuun dameewwan tarkaanfiin guddaan itti mul’ate keessaa tokko. Carraan hojii lammiilee miliyoona 4.5f uumame keessaa miliyoonni 1.8 (%39) carraa hojii damee qonnaan argameedha.
Lammiileen miliyoona 1.6 damee tajaajilaan, lammiileen kuma 680 damee indastiriin carraa hojii argataniiru. Lammiilee kuma 500 caalan hojiif biyyoota alaa garagaraatti ergamaniiru.
Hojii fageenyaatiin (Remote work)n lammiilee kuma 60f carraan hojii uumameeraaf. Hojiin Ministeerri Hojiifi Ogummaa lammiilee biyya alaatti erguun walqabatee jalqabe waan gaariidha, cimee ittifufu qabas.
Daandii Qilleensaa Itoophiyaa
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa baay’ina xiyyaarota qabuu gara 180tti guddiseera. Guddinaafi bu’aawwan damee tajaajilaan galmaa’an keessaa agarsiiftuun tokko Daandii Qilleensaa Itoophiyaati. Daandiin Qilleensaa bara bajataa kanatti xiyyaarota 13 biteera. Bakkeewwan balalli haaraa ja’a dabaluun waliigala bakkeewwan balaliisaa gara 136tti guddiseera.
Bara bajataa kanatti biyya keessaafi alatti imaltoota miliyoona 19 ol imalchiiseera. Kunis kan jijjiirama dura ture waliin walbira yoo qabamu dachaan dabaleera. Bu’aa Daandiin Qilleensichaa argachaa jiru dabalatee milkaa’inoonni galmeessisaa jiru Itoophiyaatti guddinni akka jiru mul’isa.
Guddina indastirii
Barana damee indastiriin guddina dhibbantaa12 galmeessisuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Sosochii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhuun hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru. Kanaanis dandeettiin omishuu dhibbantaa 59 ture dhibbantaa 65 gaheera.
Kunis ittifayyadama omisha waarshaalee guddisuun kan hojjetame yoo ta’u, bara kanas fedhiin anniisaa indastirichaa dhibbantaa 40 gaheera. Kun guddina guddaadha, omishni simmintoo ol ka’eera, bu’aa sibiilotaan guddinni dhibbantaa 18 galmaa’eera. Itoophiyaan dandeettii sibiila omishuu gabbifatteetti; fedhii sibilaa guutuutti guuttachuuf hojiin eegalameera.
Waarshaan Daawwitii waggaatti toonii kuma 600 omishu ijaaramaa jira. Hojiin waarshichaa ulaagaa kamiinuu kan dinqisiifatamuudha. Baatiiwwan dhufanitti ni xumurama. Warshaaleen paaneelii soolaarii omishanis ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, yeroo dhihootti ni eebbifamu.
Uwwisa daandii
Dheerinni Daandii Itoophiyaa kiiloomeetira kuma 175 qaqqabeera. Pirojektonni baasii qarshii tiriiliyoonii 1.5 gaafatan 300 mirkaneeffamaniiru; waliigaltee mallatteessuun sadarkaalee garagaraa irra jiru.
Kanneen keessaa pirojektonni 169 daandii kiiloomeetira kuma 11 caalu ijaaramaa jiru. Barana daandiin kiiloomeetira kuma tokko ni eebbifama. Daandiin kiiloomeetira kuma 17 suphaan cimaafi jiddugaleessaa taasifamaafii jira. Walumaagala daandiin kiiloomeetira kuma 28 suphaafi haaraan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, daandii dabaluuf ittifufiinsaan hojjetama.
Wabii nyaataa
Qonni utubaa dinagdee Itoophiyaafi bu’uura galii daldala alergiiti. Qonni ummanni Itoophiyaa hedduun kallattiifi al-kallattiin kan keessatti hirmaatan waan ta’eef bakki guddaan akka kennamuuf godha.
Qonni barana dhibbantaa 6.1 guddina akka fidu karoorfamee, dameen qonnaa dameewwan kanirra xiyyeeffannoo addaa kan argate, Itoophiyaan birmadummaa nyaataa argachuu qabdi, biyyi omishtee nyaachuu hindandeenye faayidaa biyyaalessaa ishee mirkaneessuuf ni rakkatti jechuun, maniin qabamee hojjetameera.
Waggoota muraasa darbanitti lammiileen miliyoona 27 seeftineetiin qabamanii kan turan yoo ta’u, namoota kanneen seeftineetiirraa ceesisuuf hojjetamaa tureera. Kanaanis, Itoophiyaanonni hedduu bara dheeraaf seeftineetiin bulaa turan gara ofiin of danda’uutti ce’aniiru. Lammiileen Itoophiyaa miliyoona 23 gargaarsa seeftineetiirraa bilisa bahaniiru.
Kunis agarsiistuu bayyanachuu Itoophiyaa waan ta’eef itti boonuu qabna. Gargaaramtoota seeftineetii miliyoona afur hafan bilisa baasuun Itoophiyaa guutummaatti biyya wabii nyaataashee mirkaneessite gochuu barbaachisa; kanaafis lafti qotamu bal’aatu jira.
Omisha gaaziifi warshaa xaa’oo
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf omisha gaazii yeroo gabaabaa keessatti gabaatti baafti. Sirnoota mootummaa Itoophiyaa darbaniin gaazii baasuuf yaaliin taasifamaa ture. Jijjiiramaa as mootummaan gaazii omishuuf warshaalee dhaabuuf damee dhuunfaa faana walgaltee mallatteesseera. Kaampaaniiwwan haaraafi dandeettii qaban damee kanarratti akka hojjetanis taasifameera.
Haaluma Kanaan Itoophiyaan yeroo jalqabaaf omisha gaazii gabaatti ni baafti. Adeemsi gaazii omishuu kun marsaan jalqabaa xumuramee dhiheenyatti eebbifama; adeemsi omishuu marsaan lammataas ni jalqabama. Haala walfakkaatuun baatii 40 booda warshaan xaa’oo eebbifamee hojii jalqaba. Dameen qonnaa guutummaatti bu’aqabeessa kan ta’u yoo warshaan xaa’oo jiraatedha. Sababa xaa’ootiin omishtummaan gadi bu’uu danda’a.
Warshaa xaa’oo dhaabuuf Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa keessatti invastimantii hedduu kan qabu dureessa Naayijeeriyaa Aliikoo Daangootee waliin mariin jalqabameera.
Omisha warqii
Barana xiyyeeffannoon damee albuudaatiif kenname dinagdee biyyattii deggaruu dandeessiseera. Bara bajataa 2016 warqii toonii afur gabaa alaaf ergamuun galiin doolaarri miliyoona 300 kan argame yoo ta’u, kan bardheengaddaa waliin yoo qabamu jijjiirama olaanaa qaba.
Barana warqii toonii 37 gabaa alaaf dhiheessuun galii doolaarri biliyoonni 3.5 argameera. Damee kanaan jijjiirama olaanaa galmeessisuun kan danda’ame xiyyeeffannoo addaa damee garagaraaf kennameeni.
Mana jireenyaa
Itoophiyaa keessatti rakkoon mana jireenyaa rakkoo cimaadha. Rakkoo kana furuuf tumsa mootummaafi damee dhuunfaan hojjetamaa jira. Haala kanaan waggoota shanan darbanitti manneen miliyoona tokko ijaaramaniiru. Yeroo ammaa manneen jireenyaa kuma 265 ijaaramaa jiru.
Hidha Guddicha Itoophiyaa
Hidhi Guddichi Itoophiyaa yeroo dhiyootti eebbifama. Misir, Sudaniifi biyyoonni yaa’a gadii Fulbaanni ga’ee wayita roobni hir’atu eebba hidhichaarratti akka hirmaatan affeerra. Hidhichi biyyoota yaa’a gadiif kennaadha malee yaaddoo miti.
Ammatti qaamni Hidhi Guddichi Itoophiyaa akka hineebbifamne tattaaffii taasiisu hinjiru. Itoophiyaan misooma hunda waloon fayyadamuu barbaaddi malee qaama kamuu miidhuuf kaayyoo hinqabdu. Ijaarsi maddeen anniisaa hedduunis xumuramaa jiru.
Daddabarsa maallaqaa dijitaalaa
Waanjoon Idaa Doolaara biliyoona 3.5 Itoophiyaarraa kaafameera. Daddabarsi maallaqaa dijitaalaan tiriliyoona 12.5 ga’eera. Qarshii biliyoona 900 walittiqabne, qarshii tiriliyoona 1.2 baasii taasifameera. Dhaabbileen misoomaa galii qarshii tiriliyoona lamaa argataniiru.
Dargaggoonni miliyoona 11 ta’an qarshii biliyoona 24.5 liqeeffataniiru. Hojiin Riifoormii Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti riifoormii dinqisiifannaa olaanaa argateedha.
Doolaara biliyoona shanii al ergiirraa argachuuf karoorfamee Doolaara biliyoona 8.1 ol argachuun danda’ameera. Guddina qonnaa, tajaajilaafi faayinaansii yoo walitti ida’ame guddinni tokko tokkoo seektarootarratti mul’ataa jiru guddinaa dinagdee karoorfame ol galmeessisuu danda’a.
Itoophiyaan dameelee hundaan guddina galmeessisuuf karoorfattee ol galmeessisuu akka dandeessu agarsiiftuuwwan hedduutu jira. Kana dhaabbileen idiladdunyaas ragaa bahaa jiru. Riifoormiin dinagdee utuu duubatti hindeebi’iin yoo ittifufe badhaadhinni biyyattii mirkanaa’uu danda’a.
Qonna
Bara omishaa kanatti kuntaala biliyoona 1.5 walittiqabuun danda’ameera. Hidhaaleen lafa hektaara kuma 84 misoomsuu danda’an ja’a barana ni eebbifamu. Barana lafti asiidummaan miidhame hektaarri kumni 50 ol wal’aanamuun hojii qonnaaf oolfameera. Aadaan hojii qonnaa waggaatti lama sadii omishuu cimee ittifufeera.
Itoophiyaan xiyyeeffannaa damee qonnaaf kenniteen jalqabbiin jiru jajjabeessaa ta’us gara fuulduratti hojii dabalataa barbaada.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017