Dargaggoonni gaafa lolaaf aarii qofa osoo hintaane; gaafa makkoofi mariittis dursa argachuu qabu

Itoophiyaan waggoota shanan darban rakkoolee garagaraa keessa dabarte. Addumatti rakkoon nageenyaa biyyattii bitaa mirgatti darbee darbee mul’atu ummata yaachisee, dargaggoo hojii dhabee mana jirutti sodaa biraa buuse.

Osoo waraanni Itoophiyaa kaabaa hineegalamiin dura, duraanuu waraana Oromiyaatti mootummaafi murnoota hidhatanii socho’an gidduutti asiifi achitti uumamaa tureen qonnaan bulaan humna guutuudhaan bahee qotachuu dhabuunsaa dinagdeerrattis dhiibbaa fidee ture.

Waraanni ALA Sadaasa 3, 2020 Itoophiyaa kaabaatti eegalamee gaafa Sadaasa 02, 2022 waliigaltee nagaa Piriitooriyaatti mootummaafi ‘TPLF’ duraanii gidduutti mallattaa’een xumura argate ammoo haala nageenya biyyattii yaaddoo guddaa keessa galee ture bayyanachiisee ummata abdachiise.

Yeroo waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture sanatti qaamolee walwaraanaa turan gama mootummaatiin milishoonni, raayyaa ittisa biyyaafi dargaggoonni hedduu bifa haaraan raayyaa biyyaatti akka dabalaman taasifamuun waraanarratti hirmaataniiru.

Gama Tigraayiinis dargaggoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman hiriiranii mootummaa Federaalaa wajjin wallolaa turan. Gama lamaaniinuu daraggoonni baay’een waraanicharratti hirmaataniiru.

Kanaaf waraana sababa kamiinuu qaamolee lama gidduutti uumamuuf gamanaa gamasii loltuu ta’ee kan walitti dhukaasu dargaggoota jechuun nidanda’ama. Kana jechuun immoo rakkooleen jiran karaa nagaatiin furamuu dadhabanii keessumaa gareen ‘TPLF’ duraanii tattaaffii mootummaan federaalaa rakkoo kamuu karaa nagaan furuuf taasisaa ture maddiitti dhiisuun waraanatti seenuun dargaggoota baay’ee miidhaaf saaxileera.

Kutaalee hawaasaa hunda keessaa dursummatti kan miidhamu dargaggeessa waan ta’eef, dhimmootni atakaaroo uuman yoo jiraatanis gara mariitti malee gara waraanaatti akka hingalamne gochuu keessatti shoorri dargaggootaa olaanaa ta’uu qaba.

Biyyi tokko gaafa waraana keessa seentuufi sababa rakkoo nageenyaan tasgabbii yoo dhabdu kallattiinis ta’e alkallaattin caalmaatti kan miidhaman dargaggoota ta’uu ragaaleen ni agarsiisu.

Yunivarsitii Finfinneetti Saayinsii Siyaasaan kaadhimamaa ‘PhD’ Obbo Shimallis Hayiluu waltajji marii Komishiniin Marii Biyyaalessaa tibbana dargaggoota wajjin Finfinneetti adeemsiserratti akka jedhanitti, biyya tokko keessatti waraanni yoo ka’u caalaatti kan hirmaachisu dargaggoota. Akka isaan jedhanitti, rakkoowwan dargaggoonni ittiin miidhaman keessaa tokko hojii dhabdummaadha.

“Waraanni, lolli biyya tokko keessatti yoo ka’e dargaggoonni warra miidhamaniidha. Jalqaba hojii dhabu. Dargaggeessi hojii barbaada; biyya waraana keessa jirtutti ammoo hojiin hinargamu,” jechuun yemmuu nageenyi dhabamu dargaggootarratti dhiibbaa guddaa akka qabu himu.

Waraana Itoophiyaa kaabaatti gaggeeffame hordofuun carraa silaa Itoophiyaan meeshaalee alergii gabaa ‘US’tti ashuurarraa bilisaan itti gurgurattu ‘AGOA’ jedhamu keessaa baafamtee turte.

Kanaanis paarkiiwwan industirii keessatti hojjachuun kanneen of jiraachisan hojiin dhabamuurraa kan ka’e miidhaawwan gara garaaf saaxilamaa turan.

Gama biraan ammoo osoo waraanni Itoophiyaa kaabaatti hineegalamiin dura dargaggoota keessumaa kan magaalaa gurmeessuun carraa hojiilee garaa garaarratti akka bobba’aniif carraa banaaf ture.

Erga Itoophiyaa kaabaatti nagaan bu’ee as manneen barnootaa banamanii dargaggoonni carraa barachuu waggoota lamaaf dhabanii turanitti deebi’aniiru.

“Waraanni gaggeeffamu hundisaa dargaggootarratti gama hundaanuu. Mootummaan akka raayyaa ittisaa, poolisiitti akkasumas warri mootummaadhaan lolan leenjisanii kan bobbaasan gama lachuunuu dargaggoota. “Akkuma waliigalaatti waraana keessatti dargaggoonni miidhamoodha” jedhu.

Saayinsii waraanaa keessatti yeroo baay’ee hojii humna nageenyaa ykn loltummaaf kan filatamu dargaggoota. Sababni ammoo humna ho’aafi waa fudhachuuf banaa ta’uurraa kan ka’e salphaatti leenjii loltummaafi indoktirineeshinii fudhachuu akka danda’antu himama.

Itoophiyaattis taanaan, namni tokko loltuu ta’ee leenji’uuf ulaagaalee kaa’aman keessaa dargaggoota akkasumas kan gaa’ila hingodhanneefi ilmoo hingodhanne ta’uu akka qabu ni jira.

Kun ammoo namni gaa’ela ykn ilmoo hinqabne yeroo leenjiitti gaa’ela koo ykn ijoollee koo jedhee osoo hin yaadda’iin qalbiifi garaa guutuun leenjiifi indoktirineeshinii loltummaa akka fudhatu gargaara.

Ulaagaaleen kunniin biyyaa biyyatti garaa gara ta’uu malanis, humni dargaggummaa leenjii loltummaaf murteessaa ta’uunsaa waanuma baramaadha.

Haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruunis yoo ilaalame, hidhattoonni garagaraa mootummaa wajjin wallolanis kan leenjii waraanaaf ofitti dabalan humnuma dargaggeessaa kana.

Obbo Shimallis akka jedhanitti dargaggoonni humna waa hojjachuu barbaadan waan ta’eef carraa isaanii banameefi waan naannoosaanii jiruun oofamuu akka danda’an kaasu.

Rakkoolee kanaan alatti sochiin geejibaa, tajaajiloonni gara garaa danqamuurraa kan ka’e sochiin dinagdee daran danqamaadha.

Gama biraan hidhattoonni abbootii qabeenyaafi namoota dhuunfaa ukkaamsuun maallaqa gaafachuufi saamuunis waggoota dhiyoo as waan akka malee baramaa dhufeedha.

Bakkeewwan kanneenitti sababa rakkoo nageenyaatiin misoomni, barnoonni, daldallifi tajaajilli garagaraa waan danqamaniif dargaggoonni carraan meeshaa hidhatanii humnoota adda addaatti dabalamuusaanii bal’aa akka ta’es nikaasu Obbo Shimallis.

“Dargaggeessi humna ho’aa waan ta’eef hojjachuufi waan haaraa arguu barbaada. Kanaaf garuma itti geessitetti deema,” jechuun haalli naannichi keessa jiru akka isaan qajeelchu ibsu.

“Mana dhugaatii yoo banteef achuma oola, mana araada gara garaa yoo banteef achuma oola, waraanas yoo banteef dhaqee lola jechuudha. Yeroo meeshaa qopheessiteefii leenjiste waraanatti gala jechuudha.

Akka isaan jedhanitti; Itoophiyaan haala qabatamaa irra jirtuun dargaggootaaf hojii gahaa uumuu dadhabuurraa kan ka’e dargaggoonni heddumminaan humna mootummaafi humna hidhattootaatti dabalamuun waraana keessa galu.

Keessattuu dargaggoonni qaama hundaanuu irratti xiyyeeffatama. Yookiin mootummaadhaaf ergamtee dhufte jedhama. Yookiin ammoo mootummaan isaan [hidhattoota] wajjin deemte jedha; qaamni kaan halkan dhufee saama.

Rakkoon nageenyaa biyyattii ijaarsa biyyaarratti waliigaluu dadhabuufi haalli siyaasa bu’uura dogoggoraarratti ijaaramuudha kan jedhan Obbo Shimallis, biyyattiittii sirna ummanni hundi irratti waliigale ijaaruun furmaata akka fidu himu.

Sirna ummatni biyyattii hundi irratti waliigalu uumuuf immoo mareen biyyaalessaa murteessaa waan ta’eef as keessatti hirmaannaan dargaggootaa olaanaa ta’uu qaba.

Dargaggootni yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiran kan qaamota walwaraanuuf akka meeshaatti gargaaran osoo hintaane, waldhabdeewwan jiran hundi karaa nagaafi mariitiin akka furaman taasisuurratti kan hojjetan ta’uu Kaawunsilii Dargaggoota Itoophiyaatti Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Dargaggoo Muhaddiin Nasruu ni ibsa.

Akka ibsasaatti; jaarraan amma keessa jirru kan rakkoolee jiran hunda gara mariitti ittifidan malee kan qawwee baatanii walitti itti fiiganii miti. Keessattuu mariin biyyaalessaa amma biyyattiin taasisaa jirtu carraa dhumaa dhimmoota ijoo biyyattiirratti ejjannoo tokko qabaachuuf nu gargaaru waan ta’eef, hirmaannaan dargaggootni gama kanaan qabanis olaanaadha.

Qaamolee hawaasaa marii biyyaalessaa keessatti qooda guddaa qabaachuu qaban jedhamanii adda bahan shanan keessaa dargaggoonni warra jalqabaa ta’uu immoo Komishiinarri Olaanaan Komishiinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Arayaa ni dubbatu.

Kanaafuu, mariiwwan sadarkaalee hundatti gaggeeffaman ajandaa walitti qabuu dabalatee qaamni shoora dursaa fudhachuu qabu dargaggootaa ta’uu kaasu.

Bu’uuruma kanaan dargaggoonni waltajjiilee 14 komishinichi ajandaa walittiqabuuf adeemsiserratti hundeewwan hawaasaa 10 keessaa tokko ta’uun karaa bakka bu’ootasaanii dhimmoota ijoo addaan baasuudhaan hirmaataniiru.

Dargaggoonni akka kutaa hawaasaa tokkootti hirmaachuun ala waltajjiilee hojjetaa mootummaa, dubartootaa, hawaasa daldalaa fa’irrattis qooda fudhachuun gumaachasaanii bahataniiru.

Waltajjiilee funaansa ajandaa sadarkaa naannoleetti adeemsifamanirratti keessumaa karaa jaarmiyaaleesaanii hirmaannaa ho’aa taasisanii dhimmoota ijoo waliigalteen biyyaalessaa irratti uumamuu qaba jedhan gurmeessanii dhiyeessaniiru jedhan.

Walumaagalatti; yemmuu nageenyi boora’ee biyyi gara waraanaatti galtu kutaalee hawaasaa kamuurra kan miidhamu dargaggoota waan ta’eef marii biyyaalessaa dabalatee dhimmoota nageenya biyyaa itichuuf taasifaman hundarratti kutaa hawaasaa murteessaa kanaaf bakka guddaa dhiisuun xiyyeeffannaa argachuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

Recommended For You