“Balaan ibiddaa nu mudatee ture hamaa ta’us amma bayyanachaa jirra” -Daldaltoota Dirre Dawaa

Dirre Dawaa: Daldaltoonni Dirre Dawaa balaa ibiddaa hamaa waggaa lama dura isaan mudateen qabeenyisaanii guutummaatti barbaadaa’ee ture deeggarsa bulchiinsi magaalattii taasiseefiin bayyanachaa jiraachuu dhiyeenya kana Gaazeexaa Bariisaaf ibsan.

Obbo Mahaammad Araggaa Walittiqabaa Waldaa Gabaa guddichaa, Daanoo Daagii jedhamuu, lafa kaaree 7000 irraa hafateefi qabeenyi suuqiiwwan 450 keessa ture guutummaatti manca’eeti.

Akka isaan jedhanitti, lubbuu namaarra balaan ga’uu baatus dafqaafi ifaajni baroota dheeraa haftee tokko malee irbaata ibiddaa ta’e. Daldaltoonni hundi gabaa ayyaanaa Hagayya 19f akka ta’utti waan qaban daguuggatanii meeshaa bituun osoo mankuusni hinhafiin olkaa’anii turan.

Gaafa balaan ibiddaa kun tasa mudatu waantonni hundi to’annaa ol waan ta’aniif qabeenya muraasallee baraaruun hindanda’amne. Boquun daldaltoota 450 cabee, kanneen abdii muratanii ijaafi gurra qabatanii badaniifi booda bilbilaan waamamanis turaniiru.

Balaa suukanneessaan kun kan isaan rifachiise Kantiibaan Magaalattii Obbo Kadir Juwaar bakka daldalaa daldaltoota  hundaaf kennuu himanii, daldaltoonnis osoo oolanii hinbuliin bakkee argan hundaa walitti fiduun suuqii ijaarratanii amma daldala idileesaaniitti deebi’aniiru. Dabalataanis daldala ammayyaa adeemsisuuf akka tolutti lafa gamoo irratti ijaarratan bulchiinsa magaalaan kennameefii yeroo ammaa ijaarsaaf qophiirra jiraachuu ibsaniiru.

Wayita sana naannoleen hundi isaan cina dhaabachuuf waadaa galanis sababa sigiga lafa Godina Gaamootti mudateen namni hundi fuulasaa garasitti deebisuun dagatamuusaanii yaadachiisanii; ta’us sadarkaa yaadameen ta’uu baatus qarshii muraasni ummatarraa walitti qabame akka jiruufi yeroo dhiyootti daldaltootaaf qooduuf qophiirra jiraachuu dubbataniiru.

Miseensa Boordii Waldaa Gabaa Daanoo Daagiifi Daldalaa kan ta’an Obbo Kadir Huseen gamasaaniin, godaannisni balaan ibiddaa buusee darbe maatii daldaltoota hedduu daandiitti kan baasu akka ture eeranii; bulchiinsi magaalaa lafa daldalaa hatattamaan daldaltootaaf kennuun salphina baraaramne jedhaniiru.

Daldalaan Dirre Dawaa hojii malee kadhaa hinbeekan. Daldaltoonni kunneen kaleessa halkanii guyyaa hojjechuun mootummaa cina dhaabatanii hawaasa harkaqal’eeyyiif birmachuun cinatti hojii misoomaarratti hirmaataa turan. Har’a garuu humnisaanii balaa ibiddaatiin waan hubameef hojjetanii bakka kaleessaatti deebi’uuf gargaarsi akka isaan barbaachisu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa lafa daldalaa kennuufii cinatti liqii baankiillee mijeessaafii jiraachuu eeranii; gamoo kana ijaaranii xumuruuf qarshii miliyoona 450 ol waan isaan gaafatuuf tumsi hawaasaa akka taasifamuuf gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Recommended For You