Komishinichi Tigraayitti marii ajandaa walittiqabuu adeemsisuuf tattaaffii cimaa taasisaa jira

Finfinnee: Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa marii ajandaa walittiqabuu naannoo Tigraayitti adeemsisuuf pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu ibse.

Dubbi himaan komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, komishinichi marii ajandaa walittiqabuu naannoo Tigraayitti adeemsisuuf pirezidaantii bulchiinsa yeroo naannichaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin tattaaffii cimaa taasisaa jira.

Komishinichi qaamolee hidhatanii bosona jiran, paartiilee siyaasaa kanaan dura gara marichaatti hin hirmaanneefi hirmaachaa turanii keessaa bahan, namoota siyaasaa mana murtiitti himatamanii murtiinsaanii adeemsarra jiruufi hawaasa diyaaspooraa maricharratti akka hirmaataniif tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Komishinichi marii ajandaa walittiqabuu Tigraayitti adeemsisuuf pirezidaantii yeroo naannichaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin haasa’aa jiraachuu himanii, mariin kun dhalattoota Tigraay Finfinneetti argaman faana adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hanga ammaatti marii ajandaa walittiqabuu naannichatti adeemsisuuf haalli mijataan uumame kan hinjirre ta’uufi tattaaffiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu himaniiru.

Hanga ammaatti mariin ajandaa walittiqabuu naannichatti mijachuu dhabuun hojii komishinichi waggaa keessatti karoorfatee hojjechaa jirurratti dhiibbaa akka uumu eeranii, paartiilee siyaasaa hanga ammaatti gara marichaatti hindhufneefi keessa turanii keessaa bahaniifi qaamolee hidhatanii socho’an gara marichaatti fiduuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa kun rakkoolee mul’atan mariin furuuf kan gargaaru ta’uu eeranii, kanaafuu qaamoleen gaaffii qaban hundi gara marichaatti dhufanii akka mari’ataniif haalli mijataan jiraachuu dubbataniiru.

Komishinichi raawwii hojii hanga ammaatti jiruun naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoleefi magaalota biyyattii gara garaatti marii ajandaa walittiqabuu adeemsisuu dubbatanii ajandaan marii erga walittiqabamanii xumuramanii booda ajandaaleen yaa’ii marii waliigalaarratti dhiyaatan kan bocu ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ii marii waliigalaarratti namoonni kuma afuriifi 500 kan hirmaatan ta’uu himanii, dubartoonni, dargaggoonniifi miidhamtoonni qaamaa haala hiika qabeessa ta’een kan hirmaatan ta’uus dubbataniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 28 Bara 2017

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You