Waljijjiirraa muuxannoo aadaa ijaarsa biyyaatiif

Aadaan ibsama eenyummaa saba tokkoo yoo ta’u, haalaan kunuunfameefi eegamee dhalootatti yoo darbe lammii gaarii horachuufi ijaarsa biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qaba. Keessumaa yeroo addunyaan gara tokkotti dhufaa jirtu kanatti guddina teknolojii yeroodhaa yerootti jijijjiiramuun walqabatee aadaa ofiitti deebi’uun murteessaadha.

Kanaafi, keessumaa mootummaan Itoophiyaa aadaan biyyattii ganamaafi beekumsi xabboo misoomee guddina biyya keessatti gaheesaa akka ba’atuuf hojjetaa kan jiru. Aadaa misoomsuun dhaloota qaruuf qofa osoo hintaane madda dinagdeellee taasisuun ni danda’ama.

Akka Oromiyaattis sirnoota ittiin bulmaata sabichaa guguddoo ganamaatti deebi’uun hojii boonsaan hojjetamaa jira. Sirna Gadaa cimsuun cinaatti sirnoota kanneen akka jaarsummaa, buusaa gonofaa, gaachana sirnaa jedhaman kan Oromoon ganama ittiin jiruufi jireenyasaa gaggeeffataa ture akka hojiif tolutti caaseessuun hojiirra oolchaa jira.

Jaarsummaan walqabatee rakkooleefi waldhabdeewwan namoota yookiin hawaasa gidduutti uumaman, bu’uura ulfaatinasaaniitiin naannawumatti akka hiikamaniif sirna Jaarsummaa cimsuun Manneen Murtii Aadaa hundeessuun hojii hedduun hojjetamaa jira.

Kana malees aartiin calaqqee saba tokkoo isa ijoo ta’uusaatiin hojiilee jajjabeessuufi ammayyeessuurrattis jalqabbii gaariin jiru.

Hojiilee kanneenis abbummaadhaan kan hordofu Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa yoo ta’u, dhiheenya kanas waltajjii muuxannoo qooduu qopheessuun hoggantootaafi ogeessoota damichaa naannooleefi bulchiinsoota magaalaarraa dhufan hojiilee misooma aadaa hojjetamaa jiran daawwachiisee, irrattis mariisiseera.

Sirna daawwannicharratti Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamilaa Simbiruu akka jedhanitti, hojii misooma aadaa hojjetameen beekumsawwan sirna barnootaaf galtee ta’an horachuun danda’ameera. Kanaanis Inistitiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo Aadaa Oromoo kitaabilee qorannoo 80 ol Afaan Oromoo, Amaariffaafi Afaan Ingiliziitiin maxxansee raabseera.

Baandiin biiftuus teknolojiifi meeshaalee muuziqaa addunyaan qaqqabeen akka guutamuuf, istuudiyoon akka ijaaramuufiif, sadarkaa aanaatti gareen aadaa akka hundaa’uufi amaatarootaaf leenjiin akka kennamu ta’eera.

Manneen murtii aadaatiin walqabatees, manneen murtii aadaa guutummaatti hirmaannaa ummataatiin sadarkaa aanaatti, dhaddacha manneen murtii oliyannoo godinaaleetti ijaaramanii abbootii Gadaatiin tajaajilli murtoo bilisaa kennamaa jira. Kanaanis waldhabdeewwan kuma 388 hiikuun hojiin nageenya buusuu hojjetaniiru. Beekumsa omishuun aadaa, ogummaafi dinagdee ceesisuufi waliigaltee cimsuun hojiin ammayyeessuu hojjetameera. Haaromsa aadaa mirkaneessuufi pirojektiiwwan aadaa baay’inaan hojjechaa jiraachuu muuxannoo jiru qoodaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawwiit Shaankaas muuxannoowwan kunneen babal’atanii guutuu biyyaatti hojiirra akka oolaniif kan hojjetamu ta’uufi kanaafis sosochiin ji’oota aadaa hanga Fulbaana 30 bara 2018tti turu akka adeemsifamu himaniiru.

Akka waliigalaatti misoomni aadaa dinagdee biyyaa guddisuun cinaatti lammii biyyasaa jaalatu, kabajuufi naamusa qabu horachuu keessattis qoodni qabu olaanaa ta’uusaatiin bakka hundatti xiyyeeffannaan kennamuufii qaba.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

Recommended For You