“Utubaawwan ijaarsa biyyaa keessatti xiyyeeffannoo addaa barbaadan keessaa tokko haqa hawaasaati” – Obbo Gaazaalii Abbaasimal

Finfinnee: Waltajjiin marii Gumii Balal marsaan 43ffaan mataduree, ‘Haqa waloof Mana Murtii Aadaa’ jedhuun kaleessa bakka hoggantoonni olaanaan, abbootiin Gadaafi hayyoonni garagaraa argamanitti Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffameera.

Marichi mana murtii aadaarratti kan xiyyeeffate yoo ta’u; haasaa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti, Jiruufi jireenyi Oromoofi Oromummaa guutuun safuun masakamee aadaafi duudhaanis qajeelfama.

Walittidhufeenyi hawaasummaa, hariiroon uumaafi uumamaas dirata aadaa, duudhaafi safuun qajeelfamee bilisummaa, walqixxummaafi haqummaan ijaaramee yaadama mandhaleen jiraatuudha jechuunis ibsaniiru.

Sirni Gadaa jaarmiyaalee guguddoo jiruufi jireenyi guutuun ittiin qajeelfamu ardaawwan jilaafi gaaddisni lallaba seeraa ittilallabamuufi murteen sabaa ittiin qajeelfamu ofkeessaa qabaachuus himaniiru.

Kanneen keessaa Gumiin Balal isa tokko ta’uu yaadachiisanii; mootummaan naannichaas Gumii Balal sirneessuun ajandaa dhimma Oromoofi Oromummaa akkasumas kan biyyaalessaa qorannoon utubuun irratti dhiyaachaa jira jedhan.

Waltajjiin yaadama haaraa duudhaa ganamaarraa maddeen gaggeeffamu kun maqaa gaarii naannoofi biyyaa ijaaruufi ilaalcha biyyaalessummaa dagaagsuu keessatti gumaacha olaanaa bahaa jiraachuus ibsaniiru.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimalis utubaawwan ijaarsa biyyaa keessatti xiyyeeffannoo addaa barbaadan keessaa tokko haqummaa hawaasa gidduutti mirkaneessuun akka jiruufi jireenyi dhala namaa wabii qabaatu gochuudha jedhan.

“Biyyi jireenya dhala namaatiif mijoofte guddina ittifufiinsa qabu milkeessuufi haqa olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e ijaaruuf qaamoleen mootummaa sadan bulchiinsa aangoosaanii keessatti sirnaan hojjechuutu irraa eegama” jedhan.

“Akka falaasama Oromootti dhugaan ilmoo Waaqaati, yommuu hawaasa keessatti badiin wayii raawwatamu lafa qofarratti kan raawwatame otoo hintaane Waaqaafi lafarratti akka raawwatametti ilaalama. Kanaaf yoo badiin raawwatamu seera qofa otoo hintaane Waaqaafi lafatu dallane, maraafi marabbaatu kabaja dhabe waan ta’eef nama, Waaqaafi lafa gidduutti araaramuu barbaachisa” jechuun ibsan.

Gaaddisa mana murtii aadaatti beekumsa xabboo ganamaatti dhugaan dubbatamee, haqni dabe qajeelee, araarri bu’ee, nagaan waaraan mirkanaa’ee jiraatama. Gaaddisni murtii haqaa kennuu qofa otoo hintaane araara buusuufi nagaa ittifufiinsa qabu kan ijaaruudha. Kanaaf sirna guddaa akkanaa deebisnee dhaabuun dhimma filannoof dhiyaatu otoo hintaane dirqama dhaloota kanaa ta’a jedhan.

Yaada ka’umsa marii kan dhiyeessan Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti Qorataafi Leenjisaan Seeraa Obbo Milkii Makuriyaa ibsa addatti DhPIf kennaniin akka jedhanitti; manni murtii aadaa gandoota Oromiyaa %94 keessatti manneen murtii aadaa kuma jahaafi 900 ol hundeeffamaniiru.

Gandoota kanneenitti tajaajilli haqaa kennamaa jiraachuus kaasanii; barana qofa ji’oota sagalitti galmeewwan kuma 300 ol ilaalamanii kanneen keessaa %86 furmaata argachuu himaniiru.

Tajaajilichi baasii xiqqaa gaafachuu, dhiyeenyatti argamuu, haqni kanirratti mirkanaa’u ta’uu, qaamoleen walhimatan erga dubbiin furamee booda araara buusuufi kkf sababoota mana murtii aadaa filatamaa taasisan keessaa muraasa ta’uus eeraniiru.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

 

Recommended For You