Tapha Itoophiyaa Guutuu 6ffaa miidhaginaan jalqabamee milkaa’inaan goolabame

Jimma: Taphni Itoophiyaa Guutuu akaakuuwwan ispoortii adda addaa mootummaa federaalaa, naannoleefi bulchiinsota magaalaatiin xiyyeeffannaa olaanaa argateedha.

Dirree ispoortii kanarratti dargaggoonni, hirmaattonni, leenjistoonni, ittigaafatamtoonni waajjiraalee dhimma dargaggootaafi ispoortii naannoleefi godinaalee, bulchiinsonni magaalaa baranas bakka ispoortii, kan obbolummaafi nagaa kanatti walarguudhaan muuxannoo qaban waljijjiraniiru.

Taphawwan Itoophiyaa Guutuu waggaa afuritti altokko akka adeemsifamuf murtaa’e kun dargaggoota biyyattiifis bu’aa olaanaa argamsiisaa jira. Kana maddiittis walmorkiiwwan gara fuula duraa Taphawwan Afrikaa Guutuu, shaampiyoonaawwan biyyoolessaa adeemsifamaniif bakka bu’oota Itoophiyaa ga’inaan dhiheessuuf kan fayyaduudha.

Dorgommiiwwan Itoophiyaa Guutuu kan baranaa torban lamaaf keessummeessummaa Oromiyaatiin magaalaa seenaqabeetii, Jimmatti adeemsifames jecha kana kan dhugoomsuudha. Magaalattiin Waxabajjii 10 hanga 19 bara 2017 ganda Olompikii xinnoo turte yoo jenne dubbi arbeessuu hinta’u.

Sababiinsaas ispoortessitoonni naannolee wayita taphicha xumuran gammachuu olaanaadhaan sirba aadaa naannoosaanii arguun kan nama ajaa’ibsiisuudha. Akkasumas Keessummootashees akkuma gammachuudhaan simatte haala gaariidhaan keessummeessuun gaggeessiteetti.

Taphni Itoophiyaa Guutuu kun waggoota sagaliif addaan citus kan baranaa dabalatee marsaawwan 6ffaaf qophaa’e naannolee hedduu kan hirmaachiseedha.

Sidaamaan, Itoophiyaan Giddugaleessaa, Itoophiyaan Kibba Lixaafi Itoophiyaan Kibbaa naannolee barana hirmaataniidha. Kunis taphicha adda taasiseera. Keessummeessaan shaampiyoonichaa, Oromiyaan baranas olaantummaa gonfachuu danda’eera.

Akkaakuuwwan ispoortii 26n atileetota kuma tokkoofi 200n kan hirmaate Oromiyaan walumaagalatti osoo qabxii Paaraalimpikii hindabalatiin meedaaliyaawwan 239 argachuudhaan akkuma Tapha Itoophiyaa Guutuu lammaffaa, sadaffaafi shanaffaa olaantummaa gonfateera. Meedaaliyaawwan kanneen keessaa warqii 91, meetii 84fi nahaasa 64 ta’usaa beekameera.

Naannichi tapha paaraalimpikiitiinis meedaaliyaawwan warqii 44, meetii 42fi nahaasa 25n walumaagalatti meedaaliyaawwan 111 argateera. Dorgommii olompikii namoota gurraan hindhageenyeen (‘Deef’) ammoo meedaaliyaa warqii 10n, meetii 11, nahaasa jahaan walumaagalatti meedaaliyaawwan 27 fudhachuu danda’eera.

Haaluma kanaan Oromiyaan Taphawwan Itoophiyaa Guutuu marsaa 6ffaa kana Paaraalimpikiifi dorgommii Deef dabalatee meedaaliyaawwan 377 hammaarachuudhaan olaantummaa gonfateera.

Naannichi dabalataan Taphawwan Itoophiyaa Guutuu baranaa kana dimshaashumatti korniyaawwan lameeniinuu qabxii waliigalaan shaampiyoona ta’uusaatti waancaawwan sadiis fudhateera. Misooma ispoortiitiin sadarkaa gaariirra kan jiru Oromiyaan kan baranaa dabalatee yeroo 4ffaa shaampiyoona ta’uu danda’eera.

Oromiyaan Tapha Itoophiyaa Guutuu kanarratti hirmaachuuf gandaa kaasee hanga naannootti dorgommiiwwan adda addaa gaggeessuudhaan ispoorteessitoota kuma 40 ol hirmaachisuun isaan keessaa sadarkaa sadarkaadhaan calalee ispoorteessitoota kuma tokkoofi 200 qabatee dorgommmicharratti hirmaate.

Atileetonni Oromiyaa qophii olaanaa taasisuun dorgommiiwwan irratti hirmaatan hedduun injifannoo boonsaa gonfataniiru.

Naannichi atileetiksii qofarratti osoo hindaanga’in akkaakuuwwan ispoortiiwwan biroonis olaantummaa akka qabu mul’iseera.

Burqaa ispoorteessitootaa, keessumaa kan atileetotaa kan ta’e Oromiyaan Taphawwan Itoophiyaa Guutuu kana haala milkii qabeessa ta’een qopheessee olaantummaadhaan xumuruusaatti ummanni naannichaa sochiilee misooma ispoortii keessatti xiyyeeffannaadhaan hirmaachaa akka jiru ifatti kan mul’iseedha.

Taphni Itoophiyaa Guutuu kan jalqabame bara 1999 qopheessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin yoo ta’u; shaampiyoona kan ta’es isuma. Lammaffaan qopheessummaa Oromiyaatiin Finfinneetti, sadaffaanis Oromiyaadhaan Magaalaa Adaamaatti kan qophaa’e yoo ta’u; lameenuu walitti aansee olaantummaan kan xumure Oromiyaadhuma.

Afraffaan Magaalaa Baahir Daar, Naannoo Amaaraatiin kan qophaa’e yoo ta’u; naannichi akkuma qopheesse shaampiyoona ta’uunsaa kan yaadatamuudha. Taphni shanaffaan ammoo yeroo san Naannoo Ummatoota Kibbaa jedhamun kan beekamu Magaalaa Hawaasatti yoo yoo ta’u; olaantummaadhaan kan xumure Oromiyaadha.

Taphawwan Itoophiyaa Guutuu baranaatiin Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee warqii 84, meetii 64, nahaasa 68 walumaagalatti meedaaliyaawwan 216 argachuudhaan Oromiyaatti aanee lammaffaa ta’eera.

Akkasumas dorgommii Paaraalimpikiitiin meedaaliyaawwan warqii 31, meetii 24fi nahaasa 25n dimshaashumatti meedaaliyaawwan 80 argateera.

Dorgommii olompikii Deefiin ammoo meedaaliyaa warqii sagal, meetiifi nahaasa torba torbaan meedaaliyaawwan 23 kan fudhate yoo ta’u; waliigalaan meedaaliyaawwan 319n Oromiyaatti aanee sadarkaa lammaffaa argateera.

Naannoon Amaaraa meedaaliyaawwan warqii 46, meetii 45, nahaasa 48 walumaagalatti meedaaliyaawwan 139 argachuudhaan sadaffaa ta’eera. Dorgommii paaraatiin meedaaliyaa warqii saddeet, meetii 11fi nahaasa 17 walumaagalatti meedaaliyaa 36n, deefiin ammoo warqii afur, meetii torbaafi nahaasa 11n walumaagalatti meedaaliyaawwan 22 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 199 argachuudhaan Finfinneetti aanee sadaffaa ta’eera.

Karaa gara biraatiin Magaalaan Jimmaa misooma koriidariitiin sochii olaanaa gochaa jirtu hirmaattonni taphichaa yeroo aara galfannaasaanii daawwachuun jajaniiru.

Akkasumas Artistoonni Tapha Guutuu Itoophiyaa marsaa 6ffaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffame kana baniinsarraa kaasanii miidhagsuuf achitti argaman hojiiwwan misoomaa magaalaafi aanaalee Godina Jimmaa daawwachuudhaan dinqisiffataniiru.

Tapha Itoophiyaa Guutuu 6ffaa Oromiyaan haala miidhaginaafi milkaa’aan kan keessummeesse yoo ta’u, Naannoon Tigraay marsaa 7ffaa waggaa afur booda keessummeessuuf Oromiyaarraa asxaa fudhateera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

Recommended For You