
Shaashamannee: Warraaqsa siyaasaa akka biyyaatti taasifamaa tureen gaaga’amni hawaas dinagdee Shaashamannee mudatee ture hammaataa akka ture beekamaadha.
Bu’uuruma kanaan magaalattiin waggaa shantamattuu hinjijjiiramtu jedhamee tilmaamamaa turus hawaasni mootummaa wajjin walta’ee ceesisaa jiraachuu kantiibaan magaalittii dubbatan.
Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanaa Taklagiwoorgis turtii dheengadda addatti Gaazexaa Bariisaa waliin waajjirasaaniitti taasisaniin magaalittiin haaromsaa as hawaas dinagdeefi siyaasaan haara’aa jirti jedhu. Sirna jijjiiramaa kana fiduuf wareegama qaalii kan kaffale hawaasni magaalattii sirna dhiigasaan fideef kabaja waan qabuuf mootummaa wajjin hojjetaa jiraachuu himu.
Yeroo ammaattis karroonni shanan Shaashamannee marti nageenyisaanii qabatamaan mirkanaa’ee misooma saffisaa miidhaginashii addaan dabalu koriidariin ijaaramaa simboo addaa horataa; warraaqsi dinagdee akka magaalattiitti jirus saffisaa jiraachuufi galiishii guddisaa imala badhaadhinaarra jiraachuu ibsu.
Galii baranaatiin walqabatee hanga ammaatti qarshiin biiliyoona sadiifi miliyoona dhibbaa ol walittiqabamuu kan himan kantiibichi, gama hordoffii kontirobaandiitiin meeshaaleen qarshii miiliyoona 34tti tilmaamaman mootummaaf galii ta’uu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa garagaraas invastimantiin simatamanii hojii boonsaa biyyaaf fakkeenya ta’u hojjetaa jiraachuus ibsanii, misooma barnootaan, mana barumsaa bu’uura boruu, sadarkaa 1ffaafi 2ffaa ijaaruu keessattis qoodni abbootii qabeenyaa yeroorraa yerootti cimaa dhufuus kaasu.
Shaashamanneen guyyaa guyyaan imaltoota keessa qaxxaamuranii darban kuma 70 hanga 80 keessummeessuun dinagdeenis of cimsaa akka jirtu eeranii; magaalattii ammayyeessuun walqabatee ijaarsawwan garagaraa babal’ataa jiraachuufi teknolojii dijitaalaan deeggaruufillee hojiitti seenamuu ibsaniiru.
Alseerummaafi yakki sadarkaa yaaddessaa keessa turuu himanii, fooyya’insi amma jiru hojiifi misoomaaf kan nama onnachiisu ta’uufi nageeya waaraa mirkaneessuuf tattaaffiin caasaalee nageenyaa qofti gahaa waan hintaaneef ittifayyadamni kaameraa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
“Biyya jijjiiruuf qoodni dargaggootaa olaanaa ta’uusaatiin siyaasaafi hawaas dinagdee keessatti akka qooda fudhatan taasisuun murteessaadha. Ta’us hudhaalee dargaggoota duubatti harkisaa jiran jedhamanii foo’aman keessaa baalli sammuu namaa hadoochu isa tokko. Hudhaa kana furuuf tattaaffii caasaalee nageenyaafi eeruu ummataa giddugaleeffachuun baalli sammuu namaa hadoochuufi maariwaanaa jedhamu kuntaalli 124 ol dhabamsiifameera. Baadiyyaattillee biqiltuunsaa akka barbadaa’u taasifameera” jedhu.
Galii magaalattii harcaatii malee sassaabuun walqabatees ciminaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii; karoorri qabame milkaa’aa jiraachuus kaasaniiru.
Akka ibsa Obbo Adaanaatti sabootaafi sablammoota 27 oliifi lammiilee biyya alaa hammattee jiraachisaa kan jirtu magaalattiin maqaa Itoophiyaa xiqqoo jedhamuun beekamti. Shaashamanneen daandii imala jijjiiramaa keessa seenuun magaalaa miidhagduufi teknolojiin deeggaramtee misoomaa jirtu taateetti. Misoomni lafa qabachaa jiru hirkattummaa kan maqsuufi dargaggoota wabii biyyaa kan jajjabeessudha.
Jjjiiramaa as ijaarsi koriidariifi misoomni qarqara laga Bishaan Gurraachaa dachaan dabalaa kan jiru yoo ta’u qe’eetti misoomsanii dinagdee waloo utubuun murteessaadha jedhaniiru.
Isa kanaaf imalli badhaadhinaa akka ittifufuuf hawaasniifi dargaggoon magaalittii tokkummaan dhaabachuun misooma biyyaa keessattis ashaaraasaanii qubachiisaa akka deemaniif dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017