
Finfinnee: Paartiin morkataa alatti waa baay’ee dubbatu kaayyoo qabate ibsachuuf sababni marii biyyaalessaarraa qoollifatuuf akka hinjirre Gorsaan Tarsiimoo ABO Obbo Ibsaa Nagawoo dubbatan.
Obbo Ibsaan Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, mariin biyyaalessaa rakkoo buleeyyii qabsoo hidhannootti geessan karaa nagaan furuuf ajandaa marii walitti qabuu hawaasarraa jalqabuun egereen biyyattii ifaa ta’uusaatiif agarsiistuu guddaadha.
Paartii morkataan alattuu waan baay’ee dubbatu carraa addaa kana mitii walga’ii Sheexanaayyuu osoo ta’ee kaayyoo qabu ibsachuurraa qoollifachuun waan ta’uu qabu hinture. Mariin kun dirree siyaasaafi aadaa marii hayyoota qofarratti rarra’aa ture maqsuun hawaasa bal’aafi dagatamaa hirmaachisuu danda’uun seenaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraadha.
Yaadni paartiileen siyaasaa morkattootaa qabatanii socho’aa jiran marti marii kana keessatti akka hammatamuuf hawaasni sadarkaan jiru yaada kennaa jiraachuu eeranii; bu’uurumattuu, paartiin morkataa yaada ummataa qabatee qabsaa’a malee yaada dhuunfaasaa waan hintaaneef yaada ummataa kabajuun dirqamasaati. Dimokraasiin hirmaannaan malee qoollifannaafi mufannaan dhugoomsan akka hinjirres eeraniiru.
Akka isaan jedhanitti, biyya kamuutti gaaffii hundaaf deebii kennuu yookiin argachuun hindanda’amu. Ta’us, sirna dimokraasii keessatti murtoon ummata wayyabaa wayita hojiirra oolu, yaadni ummata muraasaa ammoo nikabajama. Biyya sirna federaalaan bulaa jirtu Itoophiyaatti paartiin kamuu kanaan alatti waan godhu hinqabu. Addunyaafi dhaloota saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti duubatti harkifachuurra mariifi marabbaan fuulduratti tarkaanfachuun mul’ata biyyaa dhugoomsuuf of qopheessuun barbaachisaadha.
Mariin ala duulli akka nageenyi boora’uuf alaafi keessaa taasifamu badiisa malee faayidaa tokkollee hinqabu. Kaleessa qaamni waraanaan aangoo qabachuu barbaade ummata miliyoonatti lakkaa’amu fixuurraa kan hafe abjuusaa milkeessuu hindandeenye, har’as wixxirfannaan taasifamu dhumaatii dabalataafi. Haa ta’uutii, garaagarummaan ilaalchaa diinummaa waan hinqabneef dhaabatanii of ilaaluun mariitti deebi’uun barbaachisaadha jedhaniiru.
Nageenya biyya keessaa miti kan addunyaayyuu gaaga’ama gama hundaa uumaa jiraachuu himanii; dhiiga ol adeemaan hafata/ hafanni diimaan aangootti ol ba’uuf yaaluun gaaffii seenaa jalaa akka nama hinbaasne dubbataniiru.
Gaaffii ulaa galaanaa ilaalchisee, biyyootni hedduun galaana meeqa kutanii dhufuun wayita ulaa galaanaa dabalataa horachaa jiraniiti Itoophiyaan bobaashee jalatti ulaa ganaanaa dhiisuun harka marattee taa’uun waan hin malledha jedhanii; sochii Itoophiyaan gama kanaan eegalte dhugoomsuuf hawaasni sadarkaan jiru tumsa akka taasisu dhaamaniiru.
Marii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana hawaasa sadarkaan jiru waliin taasisaa jiran nageenya waaressuufi misooma milkeessuu keessatti gumaata guddaa qaba. Rakkoo hawaasaa ittidhiyeenyaan hubatanii furmaata kennuufis murteessaadha jedhanii; faallaa ministira muummee hoggansi sektaroota garagaraa keessatti rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun hawaasa gidirsan seecca’amuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017