Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa Magariisaa Waxabajjii 24 eegalama

Finfinnee: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyaatti waggaa waggaan adeemsifamu kan waggaa torbaffaa akka Oromiyaatti Waxabajjii 24 bara 2017 akka eegalamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.

Hogganaa ittaanaan biirichaafi Ittigaafatamaan Damee Qabeenya Uumamaafi Wabii Nyaataa Obbo Eeliyaas Kadir gaafdeebii kaleessa Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa guutuu biyyaatti waggaa waggaan adeemsifamuun akka Oromiyaatti waggoota ja’an darbanitti biqiltuun biliyoonni 23.4 lafa heektaara miliyoona 5.8 irra dhaabamaniiru. Kanneen keessaa %84.5 latanii egeree dhaloota boruu qofa osoo hintaane kan har’aafillee faayidaa buusaa jiru.

Hojii ganna hojjetamu cinaatti gama eegumsa biyyeefi bishaaniitiin hojiileen bona hojjetaman fuulduree biyyaaf ashaaraa kan kaa’an ta’uu himanii, barana qofa sululawwan kuma ja’aafi 495 lafa heektaara miliyoona 3.3 irratti duula guyyaa 60n hojii bal’aan haala qilleensaafi taa’umsa lafaa godinaalee bu’uureffate hojjetamuu ibsu. Gaarreen hedduu manca’an bakkatti deebisuuf haala qabatamaa godinaaleetiin hawaasni miliyoona 9.8 hojii bonaa kanarratti hirmaachuu eeru.

Ganna kanas hojii ashaaraa magariisaaf Fulbaana bara 2017 irraa eegalee qophiin barbaachisu taasifamaa turuu himanii, qophii biqiltuufi galteewwan barbaachisan hundi taasifamuu ibsu.

Haaluma kanaan baranaaf biqiltuu biliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfamee hanga yoonaa biliyoonni 5.3 qophaa’uufi biliyoona 4.95 lafa heektaara miliyoona 1.1 irratti dhaabuuf qophiin xumuramuufi sagantichi ifaan Kibxata dhufu akka eegalamu himu.

Saganticharratti ummanni miliyoona 14.7 nihirmaata jedhamee akka eegamu ibsanii; duula guyyaa tokkootiin biqiltuulee hedduu dhaabuunis akka adeemsifamu eeraniiru. Kaanis riikardii akka Oromiyaatti qabame biqiltuu miliyoona 570 dhaabame fooyyessuun akka hojjetamu kaasu.

Akka ibsa Obbo Eeliyaasitti, godinaalee irra deddeebiin hongeef saaxilamanitti dhaabbiin biqiltuu dursee gaggeeffameera. Biqiltuu waliigala qophaa’e keessaa %11 fuduraafi muduraa nyaataaf oolan kanneen akka avokaadoo, maangoo, paappaayyaa, muuziifi kkf qabata.

Hojii waggoota ja’an darbanitti hojjetamaniin bu’aaleen heddu argamuu eegaluu eeranii, maddi bishaanii yeroo dheeraaf bade bakkatti deebi’uun haroowwan guguddaa kanneen akka Haroo Haramaayaafi Carcar Odaa Bultumfaa misoomuu, omishni midhaanii, bunaa, muduraafi beeladaa dabaluu, dargaggootaaf carraan hojii kumaatamatti lakkaa’amu uumamuu, uwwisni bosonaa naannichaa %17 irraa gara %23tti guddachuun muraasa ta’uu ibsu.

Hojiin qabeenya uumamaa hidda dhiigaa qonnaa ta’uusaatiin hawaasni yeroo kamuurra uumama eegee kunuunsuun dhalootatti dabarsuuf akkasumas irraa fayyadamuu akka qabu gaafatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

 

Recommended For You