
Gaaffii mindaafi faayidaa ogeessonniifi hojjattoonni fayyaa Itoophiyaa tibbana dhiyeessaa turaniin walqabatee sirna fayyaa biyyattiitiif qormaata ta’aa tureera. Gama tokkoon ogeeyyiin fayyaa gaaffilee ijoodha jedhan 12 tarreessuun ji’a tokkoof erga mootummaa gaafataa turaniin booda Caamsaa 13 irraa kaasee hanga mootummaan deebii quufsaa kennutti lagannaa hojii gariin jalqabuu yemmuu ibsan, gama tokkoon immoo mootummaan rakkoolee jarri kaasaniif furmaata kennuuf hojjachaa jiraachuu kaasaa ture.
Tajaajila hatattamaa, dahumsaafi kutaa wal’aansa xiyyeeffannoo addaa (‘ICU’) irraan kan hafe wal’aansa akka addaan kutan ibsaa kan turan ogeessotni fayyaa kunniin, sana hordofees hospitaala kutaalee biyyattii garagaraatti danqaan tajaajila barbaadan yeroo barbaadanitti argachuu dhabuu iddoowwan tokko tokkotti uumamee kan ture ta’uunis kan yaadatamuudha.
Lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa taasisaa jiraniin namooni yaala barbaacha dhufan, Finfinnee hospitaalota akka Xiqur Anbassaa, Paawuloos, Yakkaatit 12, Pheexiroosiifi Minilik, Oromiyaa keessaa ammoo Hospitaala Kolleejii Meedikaala Adaamaa, Hospitaala Barnootaa Salaalee, Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa, Hospitaala Riifaraalaa Asallaafi Tigraayitti Hospitaala Riifaraalaa Ayidaritti danqamaa turuutu gabaafamaa ture.
Pirezidaantii Waldaa Hakimootaa dabalatee ogeeyyiin 81 ol hidhamuu kan hime Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa-EHPM, amma ogeeyyiin fayyaa 19 ammoo hiikamuu ibseera. Gaaffiin ogeeyyotni fayyaa kaasaa turan qaamolee daldala siyaasaatiif ittifayyadamuu barbaadaniin butamuunsaa walshakkii mootummaafi ogeeyyota jidduu ture kan bal’ise ta’uusaatiin, mootummaanis gaaffichi gaaffii ogeeyyotni fayyaa fayyadamummaa haqaqabeessaaf kaasan qofa osoo hintaane, gaaffii siyaasa dhokataa of keessaa qabu ta’uu shakkuu eegale.
Haaluma kanaan qaamotni gaaffii gaafataniifi qaamni gaaffii gaafatames yaadaan walhubachuu dadhabanii ummata gidduutti yeroo muraasaafis ta’u walshakkiin uumame.
Keessumaa hospitaalota barnootaa (‘Teaching hospitals’) hakimoonni bakka hojii ramadamanitti kan hinargamne yoo ta’e mooraa gadhiisanii akka bahan akeekkachiisuun, akkasumas doorsisuun gariin ammoo hidhaan tarkaanfii mootummaan dhimmicha furuuf dursa fudhateedha.
Sana hordofuun hospitaalota akka Xiqur Anbassaa, Paawuloos, Kolleejii Hospitaala Adaamaa, Yunivasitiiwwan akka Hawaasaa, Walqixxeefi Gondarfaa keessaa hakimoonni intarniifi reezidantoonni amma tokkoo mooraa lakkisanii sadarkaa bahuutti gahanii akka turan gabaafamaa tureera.
Gaaffileen ijoo 12 ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa gaafataa jiran “Gaaffii daabbooti malee siyaasa tokko of keessaa hinqabu” jedhan. Murtoon mootummaan gaaffii isaanii deebisuu dhiisee ogeeyyii doorsisuufi hidhuu filachuun murtee dogoggoraa ta’uus kaasaa turan.
Hospitaalli Paawuloosis bifuma walfakkaatuun hakimoonni intarnii fi reezidantootaa waliigalaan dhibba shan caalan hojii dhaabuu kan himan reezidaantiin moorichaa, tajaajila hatattamaarraan kan hafe hojiin kenna tajaajila fayyaa Hospitaalicha keessatti kennamaa ture danqamaa tureera. Narsoota muraasaafi hakimoota buleeyyii muraasaan hojiin hojjetamu kun wal’aansi akka baqaqsanii yaaluu kan ogeessa baay’ee barbaadan qormaata keessa galuusaaniitiin hawaasnis tajaajila barbaachisu osoo hin argatiin hafuuf dirqameera.
Hospitaalichatti wal’aansa bal’aa taasisaa kan turan hakimoota intarniifi reezidantoota ganna tokkoo hanga shanii jiran umrii ummatasaanii tajaajiluu qabanitti sababuma atakaroo gaaffii ogeeyyota fayyaatiin ka’e hordofee humna guutuudhaan hojitti bobba’uu hindandeenye turan.
Kanaaf, haalli wal’aansaa amma qabatamaan jiru bifa sanaan ittifufnaan tajaajilli fayyaa hawaasaa rakkina guddaa keessa galuu waan danda’uuf halaalarraa maqaa walxureessuurra walitti dhihaatanii mari’achuun barbaachisaa ta’ee argame.
Kanaanis ogeeyyotni fayyaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti argaman gaaffii yeroo dheeraaf keessotti qabatanii waliin rakkachaa turan qabatanii furmaata barbaachaaf gara masaraa mootummaatti qajeelanii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waliin mari’atan.
Gara Ministira Muummee dhufanii mari’achuun dura garuu atakaroo uumamaa tureen kenni tajaajila fayyaa rakkoo hamaa keessa akka hingalleef gaaffiin ogeeyyota fayyaa sirrii ta’uu amanuudha, haa ta’uummoo dhimmi gaaffii dhimma guddina dinagdee biyyaatiin kan walqabatu waan ta’eef hanga humni dinagdee biyyaa heyyameen furmaata kennuuf qophii ta’uu Ministirri Fayyaa Itoophiyaa ibsaa turaniiru. Ministirittiin Doktar Maqdas Dhaabaa turtii Caamsaa 19 miidiyaa biyyaalessaa waliin taasisaniin namoonni yaala barbaadan sadarkaa biyyaalessaatti addaan citinsa tajaajilaa tokko malee wal’aansa argachaa akka jiran ibsanii turan.
Warreen ciisanii tajaajilamanis ta’ee deddeebi’anii wal’aanaman danqaa tokko malee tajaajilli kennamaafii jiraachuus ibsuun, rakkoon muraasni turaniiru jedhan.
Hospitaalota baruufi barsiisuu muraasa keessatti addaan citinsi tajaajilaa akka mudate kaasuun, hakimoota buleeyyiifi narsoota waliin ta’uun rakkinicha furuu dandeenyeerra jechuun ibsanii turan.
Dhiheenya kanatti ogeeyyota fayyaa guutuu biyyattiirraa walitti qabaman waliin marii kan taasisan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gamasaaniitiin, jijjiirama booda toorri xiyyeeffannoo damee fayyaa dhukkuba dursanii ittisuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu kaasanii, kana jechuun garuu isa dhukkube hin yaallu jechuu akka hintaane ibsaniiru.
Akka haasaasaaniitti; dhukkuba akka koviid 19 fa’a yemmuu ilaallu dursanii tiisuun barbaachisaa ta’us, erga namni tokko dhibee kanaan qabameen boodas garuu hanga namni sun dhibee sanarraa fayyuutti yaalii barbaachisu hunda taasisuun murteessaa ta’uun ifaadha.
Jijjiiramaan asitti hojii nuti akka mootummaatti hojjachaa jirru yemmuu ilaaltan, hojiin koriidarii, daandiin imaltoota lafoo, iddoowwan tursiisa daa’immaniifi kanneen biroo hundi dhukkuba dursanii ittisuu waliin kan walqabataniidha.
Finfinnee qofatti hojii misooma qarqara lageeniitiin, laga magaalaa jidduu yaa’uufi kanaan dura xuraa’ee madda dhibeewwan garagaraa ta’aa ture san kiiloomeetira 24 kan dheeratu yeroo ammaa bifa qulqullinnisaa eegameefi qalbii namaa hawwatuun ijaaruun danda’ameera. Hojiin kun qarqara lageenii miidhagsanii misooma turizimiitiif oolchuudhaan galii dabalataa kan argamsiisu yemmuu ta’u, gama biraatiin immoo naannawa kosiifi xuraawaan itti darbatamee ilbiisota dhibee namatti fidaniin weeraramee ture qulqulleessuun immoo hojii tajaajila fayyaa dursanii dhibee ittisuutiin kallattiin kan walitti hidhamuudha.
Riifoormii damee fayyaatti taasifame keessaa tokko dameen kun bajata barbaachisaa argatee tajaajila qulqulluufi dhaqqabamaa ta’e ummataaf akka kennu dandeessisuun murteessaa waan ta’eef bajatni Ministeera Fayyaatiif jijjiirama dura ramadamaa ture qarshii biliyoona 70 hincaalu ture, yeroo ammaatti garuu biliyoona 120 ol ramadaa jirra. Kunis damee kanaaf xiyyeeffannoon olaanaa ta’e kennamuu kan agarsiisuudha.
Biyyootni ollaa Itoophiyaa tokkollee hanga Itoophiyaan damee fayyaatiif maallaqa olaanaa ramaddu kan ramadan hinjiran. Kana jechuun maallaqni yeroo ammaa ramadamaa jiru gahaadha jechuuf miti.
Damee fayyaa keessatti kanaan dura hojiin hojjatamaa ture hundi mootummaa qofaan bajatni kan ramadamaafii ture osoo hintaane, dhaabbileen deggarsaa garaa garaa maallaqa olaanaa ta’e keessatti kan ramadaa turan waan ta’eef yeroo ammaa kanatti yeroo biyyootni dura deggarsa taasisaa turan sun harkasaanii sassaabatanitti hanqinni uumamu salphaa miti.
Kanaaf ogeessi fayyaa naamusaafi waadaasaa eeggatee dirqama itti kenname bahatu akkuma jiru. Inni qabeenya mootummaatti qoosuufi ummataaf tajaajila isarraa eeggamu hin kennines jira.
Gaaffiin ogeessi fayyaa qabu sirrii ta’ee osoo jiruu, daldaltoota siyaasaa dhalootaafi biyya ijaaruu hin beekneen butamuunsaa atakaroo mootummaafi ogeeyyota giddutti uumameef sababa ta’ee jira.
Kana qofa osoo hintaane, isin keessaallee namootni siyaasaa huccuu ogeeyyota fayyaa uffatanii ogeeyyotni fayyaa akka hinmalletti akka hubatamaniif hojjatan waan jiraniif, isaan akkasiillee saaxiluun barbaachisaadha.
Walumaagalatti; gaaffiin ogeeyyotni fayyaa kaasaa turaniin walqabatee miirri walhubachuu dhabuu mootummaafi jara gidduutti uumame sun qaama kamiyyuu caalaa kan miidhu ummata. Mootummaas ta’e ogeeyyotni kunniin tajaajiluuf waadaa kan galan ummatuma.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017