Gareen Maaraatoonii Itoophiyaa filatame

Finfinnee: Waggaa lamatti altokko biyyoota adda addaatti kan qophaa’u Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 20ffaan ALA Fulbaana 13-21 bara 2025 magaalota Jaappaan, Tokiyoofi Osaakaatti adeemsifama.

Shaampiyoonicharratti atileetonni kuma lama biyyoota miseensota Waldaa Atileetiksii Addunyaarraa babahan akaakuuwwan ispoortii atileetiksii 49n ni hirmaatu jedhamee eegama.

Itoophiyaanis shaampiyoonicharratti hirmaachuuf sadarkaalee adda addaatiin atileetota hirmaatan filachuudhaan qophii jalqabuunshee ibsameera.

Koreen Teknikii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Waxabajjii 14 bara 2018 atileetota korniyaawwan lameeniinuu dorgommii maaraatooniitiin hirmaatan ifa taasiseera.

Haaluma kanaan dubaraan waggaa lama dura shaampiyoona kan turte Amaanee Bariisoo, Olompikii Tokiyootti lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii tan argatte Tigisti Asaffaa, Suutumee Asaffaafi Yaalamizarfi Yahiwaalaa; dhiiraan ammoo shaampiyoonaan olompikii Tokiyoo Taammiraat Tolaa, Darrassaa Galataa, Taaddasaa Taakkalaafi Milkeessaa Mangashaa ta’uun beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017

 

Recommended For You