
Finfinnee: Dorgommiin teknolojii qonnaa ammayyeessuu “HEIFER Ethiopia”n qophaa’eefi dargaggoota kalaqa teknolojii qonnaa qaban 500 hirmaachisee dorgomsiisaa ture Roobii darbe xumurameera.
Dorgommiin teknolojii qonnaa ammayyeessuu “AYute Africa Challenge Ethiopia 2025” jedhamu kun marsaa 4ffaan gaggeeffameera. Hirmaattonni dorgommichaa karaa marsariitii “AYuTe International”n onlaayiniin galmaa’anii dorgomaa turan.
Dorgommichi damee qonnaa ittifayyadama teknolojiitiin ammayyeessuun, jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuufi dandeettii kalaqa teknolojii dargaggootaa guddisuu kan akeekeedha.
Kalaqawwan teknolojii dhiyaatan 500 keessaa kanneen daran fooyya’oo ta’an takkoffaa hanga shanaffaatti filatamuun akkuma sadarkaasaaniitti badhaafamaniiru.
Doolaarri kuma 40 badhaasaaf kan qophaa’e yoo ta’u, kanaanis 1ffaa hanga shanaffaatti doolaara kuma 15, doolaara kuma 10, doolaara kuma torba, kuma shan akkasumas kuma lamaafi 500 argataniiru.
Hirmaattota dorgommicha injifataniif badhaasa maallaqaan dabalatatti kalaqnisaanii hojiirra akka ooluuf deeggarsi nitaasifamaaf jedhameera.
Hojigaggeessaa dhaabbata Giroowuz Tiip Konsaltiingi Obbo Hamdinoo Miidhagsoo akka jedhanitti dorgommiin qonnaafi teknolojii dargaggootaa kun qonna ammayyeessuuf qofa osoo hintaane dargaggoota kalaqaafi rakkoo furuu danda’an jajjabeessuuf qophaa’e.
AYuTe’n kalaqa dargaggoonni qormaata qonnaa furuuf qopheessaa jiran akka deeggarus himaniiru. Damee qonnaa deeggaruufi dargaggoota humneessuu keessatti dameen dhuunfaa akka tumsus waamicha dhiyeessaniiru.
Daarektarri Olaanaan ‘HEIFER Intarnaashinaal Ethiopia’ Obbo Teediroos Yashiwarqi Ayyalaa gamasaaniin ‘AYuTe’ jechuun qonna, dargaggootaafi teknolojiidha. Kaayyoo ijoon ‘HEIFER International’ kalaqa teknolojii qonnaa dargaggootaan durfamu guutuu Afrikaatti adda baasuu, deeggaruufi guddisuu ta’uus himaniiru. Itoophiyaattis ‘AYuTe’n dhaloota jijjiirama qonnaa fidu argachuuf waltajjii cimaadha jedhan. Namoota damee qonnaarratti hojii kalaqaa qaban jajjabeessuufi humneessuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Gama biraatiin dorgommicharratti xaa’oo uumamaa orgaanikiiwwan adda addaarraa qopheessuun dhiyeessee 1ffaa ba’uun kan injifate dargaggoo Amaaraa Aaddis dorgommicha injifachuu isaatti hedduu gammaduu himee; waanin ilma qonnaan bulaa ta’eef rakkoon maatiin koo xaa’oo argachuuf dabarsaa ture kalaqa koo kanaaf ka’umsa ta’eera jedha.
Gara fuulduraattis dhaabbata akka Afrikaatti xaa’oo uumamaa omishu Itoophiyaaatti hundeessuun baasiifi hanqina gama xaa’oo argachuun qonnaan bulaa qunnaman hambisuuf kaayyeffachuu nuu kaaseera.
Dargaggoonni hojii kalaqaa qaban qormaatawwan isaan qunnamuu danda’aniif osoo harka hinkenniin yoo waan tokko irradeddeebi’anii yaalan manii kaawwatan bira ga’uu waan danda’aniif cichoominaan hojjechuu akka qaban dhaamee, qaamolee waldorgommicha qopheessaniifi carraa kana mijeessan galateeffateera.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017