
Dirre Dhawaa: Jijjiiramaan dura dargaggeessi gurmuun jeequmsa kaasuun wareegamaa ture har’a gurmuun nageenya magaalattii akka eegu taasisuu Komishiniin Poolisiin Magaalattii beeksise.
Komishinar Ittaanaa Komishinii Poolisii Dirre Dhawaa Komishinar Maa’oo Tashoomaa tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, jijjiiramaan dura magaalattiitti alseerummaan dagaaguun sochiin daldalaafi invastimantii laamsha’uu qofa osoo hintaane ba’anii galuun yaaddoo guddaa ture.
Alseerummaa kan hadheesse haala siyaasaa tureefi qooda fudhannaa qaamolee nageenyaati. Magaalaan jaalalaan hunduu walkabajee keessa jiraatuu bakka jeequmsaafi dheebuun nageenyaa ittihammaate taatee turte.
Riiformii qaamolee nageenyaa sadarkaa biyyaatti taasifame hordofee magaalichattis riiformiin taasifamuu eeranii; gurmaa’iinsaafi dandeettii seera kabachiisuun hanqinoota walqabatan adda baasuun battalattti akka furamu taasifameera. Hojii nageenya kabachiisuufi nageenya mirkaneessuu keessatti hirmaannaan hawaasa bal’aa bakka guddaa argachuun bu’aa olaanaa argamsiisuu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, riiformiin taasifame utubaalee kanneen akka walitti dhufeenya, hojmaata, fayyadama teknoloojiifi loojastiksiirratti xiyyeeffata.
Dhimmoota kunneenirratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuun ammaan tana bu’aa abdachiisaan akka argamu taasifameera.
Kaleessa waldhabbiin amantaafi sabummaa yaaddoo ta’e har’a madda jaalalaafi kabajaa ta’uun waliin jireenyi fakkeenyummaa qabu akka ittifufu ta’eera. Tibba ayyaana musiliimotaas ta’e kiristaanotaa nyaataafi dhugaatii waliif dhiyeessuun walcina dhaabachuun bal’inaan calaqqisaa jira.
Nageenyi biyyoota Somaaliyaafi Jibuutii nageenya Dirre Dhawaa waliin hariiroo kallattii qaba jedhanii; rakkoon nageenya biyyoota kanneen mudate Dirre Dhawaa dafee dhaqqabuuf carraa bal’aatu jira.
Namootni bakkeewwan rakkoo nageenyaa qabanirraa gara kana dhufanis jiru. Kanaaf, sochiin daladalaaf, invastimantiifi geejibaa nagaqabeessa akka ta’uuf teknoloojii, humna namaafi hojimaataan of ga’oomsuurratti hojii bal’aan hojjetamuu eeraniiru.
Gama biraan Dirre Dhawaan Godina Harargee Lixaa bakkeewwan hidhattoonni ABO Shanee keessa socho’aniin waan waldaangessuuf wayita tarkaanfiinn waloon fudhatamu huccuu jijjiirrachuun oggaa Dirre Dhawaa seenanii sodaa nageenyaa uuman ni jira jedhanii; rakkoo kana maqsuuf manni maree nageenyaa waloo Itoophiyaa Bahaa naannolee Oromiyaa, Hararii, Sumaalee, Affaariifi Dirre Dhawaa hundaa’ee sochiirra jiraachuu dubbataniiru.
Ittifayyadama teknoloojiin hojii bal’aa hojjetameen Yuunivarsitii Dirre Dhawaa waliin ta’uun daataa beezii yakka ittisuu, balaa tiraafikii hir’isuufi kenniinsa tajaajilaarratti xiyyeeffate hojiirra oolchuun hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetamuu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017