
Finfinnee: Akkiriditeeshiniin adeemsa beekamtii idilee qaamni aangoo qabu dhaabbileef ulaagaalee mirkaneessa qulqullinaarratti hundaa’ee hojiiwwansaanii madaaluun mirkaneessuudha.
Tajaajilli Akkiriditeeshinii Itoophiyaa sirna beekamtii idiladdunyaatti beekamtii argate diriirsuufi hojiirra oolchuun alergiifi daldala biyya keessaa guddisuufi meeshaaleefi tajaajilootaaf ragaan beekamtii sadarkaa idiladdunyaatti fudhatama qabu akka kennamu taasisa.
Istaandaardii biyyaalessaafi idiladdunyaatti fayyadamuun tajaajila beekamtii kennuu gahumsa qabu kennuudhaan fayyaa hawaasaa, nageenya fayyadamtootaa, naannawaafi dorgommii gabaa haqaqabeessa mirkaneessuuf gaheesaa niba’ata. Murtee biyya keessaa gahumsaafi bu’aqabeessummaa ummata bal’aa biratti fudhatamaafi amantaa qabu guddisuuf gaheesaa nigumaacha.
Adeemsi beekamtii kennuu sadarkaalee shaniini kan milkaa’u. Inni jalqabaa sanadoota beekamtii argachuuf dhiyaatan hundi dandeettii dhaabbatichi ulaagaalee istaandaardii dhimmi ilaallatu guutuuf qabu bal’inaan ibsu, maanuwaalii qulqullinaa wajjin kan dhiyaatu ta’a.
Lammaffaan osoo adeemsi beekamtii kennuu idilee hinjalqabamiin dura, dhaabbileen beekamtii barbaadan madaallii duraa gaggeessuun qophii beekamtii argachuuf qaban madaaluu danda’u. Madaalliin duraa filannoo ta’us qaawwa haala qophiisaanii amma jiru adda baasuuf kan gargaaruudha.
Kanaafuu qaawwi kun madaallii jalqabaa dura bakka barbaachisaa ta’etti riqicha godhachuun nidanda’ama. Sadaffaan madaallii jalqabaati. Madaalliin jalqabaa dandeettii dhaabbileen hojiiwwan adda addaa beekamtii barbaadan raawwachuuf qaban kan madaaluudha. Madaalliin jalqabaa gama hundaan daangaa hojii dhaabbilee ta’eefi beekamtii barbaadamu kan hammatuudha.
Murteen beekamtii kennuufi kennuu dhiisuu odeeffannoo madaallii kana keessatti walittiqabamerratti hundaa’a. Afraffaan madaallii hardoffiiti. Dhaabbanni tokko erga beekamtii argatee booda madaallii hordoffii yeroo yeroon akkaataa imaammatasaa keessatti kaa’ameefi ulaagaalee wajjin walsimuun ni gaggeessa.
Shanaffaan irra deebiin madaaluudha. Kun dhuma marsaa madaallii tokkoorratti gaggeeffamuudha. Marsaan madaallii tokko akka idileetti laabraatooriidhaaf waggaa afuriifi ji’a jaha, beekamtii qaamolee inispeekshiniifi mirkaneessaaf immoo waggaa lamaafi ji’a jaha hincaalu.
Guyyaan akkiriditeeshinii addunyaa Itoophiyatti mataduree, “Intarpiraayizoota xixiqqoofi jiddugaleessa humneessuu” jedhuun tibbana kabajameera. Guyyaan akkiriditeeshinii addunyaa waggaa waggaadhaan Waxabajjii 6, sadarkaa addunyaatti kabajama.
Kaayyoonsaas qulqullina, nageenyummaafi dhaqqabummaa gabaa addunyaa babal’isuu keessatti shoora guddaa qaba jedhan saganticharratti haasaa kan taasisan Daarektarri Olaanaan Tajaajila Akkiriditeeshinii Itoophiyaa Obbo Boonsaa Baay’isaa. Dhimmi akkiriditeeshinii dhimma jiraachuu dhala namaafi duubdeebii misooma waaraa addunyaa deebii ittiin argatu isa ijoodhas jedhan.
Akkiriditeeshiniin dhaabbileen sirna raawwii fooyya’aa akka hordofan akkasumas osoo adeemsasaanii addaan hinkutin akka madaalan, fooyyessaniifi dorgommii gabaa addaan hincinne keessatti dorgomtoota gahoomoo ta’anii akka turan gargaara. Dhaabbilee ciccimoo dhalootaaf ceesisuufi ijaaruufis akkasuma.
Tajaajilli Akkiriditeeshinii Itoophiyaa tajaajiloota akka qajeelfama akkiriditeeshinii dhaabbilee dhuunfaaf qopheessuu, raawwachiisuu, mallattoolee akkiriditeeshinii idiladdunyaa bu’uura adeemsi hayyamuun waliigalee akka dhaabbileen beekamtii argatan gochuufi raawwiisaas nihordofa.
Dhaabbilee akkiriditeeshiniin kennameefii irraa haqame galmeessuufi ummataaf ibsuu akkasumas qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuuf beeksisuunis qooda hojiisaati. Dhaabbileen akkiriditeeshinii argatan hunda akka tasaa nisakatta’a. Dhaabbileen akkiriditeeshinii argatan karaa seeraan alaatiin akka hinfayyadamnes nihordofa.
Guyyaa akkiriditeeshinii akka biyyaatti kabajame sababeeffachuun dhaabbileen hojii hojjataniin ulaagaalee Tajaajilli Akkiriditeeshinii Itoophiyaa baase guutaniif beekamtiin kennameeraf. Dhaabbilee kanneen keessaa Wiirtuun Qo’annoofi Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Laabraatoorii Naqamtee isa tokko. Wiirtichi tajaajila qorannoo laabraatorii qulqullina qabuufi ulaagaalee madaallii tajaajilichaan bahe darbuun waraqaa beekamtii argateera.
Wiirtichi qorannoo fayyaa qulqullina qabuun hawaasa bal’aa tajaajilee sadarkaa beekamtii kana argachuu danda’aniiru.
Wiirtuun Qo’annoofi Qorannoo Fayyaa Hawaasaa Laabraatoorii Naqamtee akka lixa oromiyaatti darbees naannolee Gambeellaafi Beenishaangul Gumuziif tajaajila laabraatoorii meedikaalaa kennuun ulaagaalee Tajaajilli Akkiriditeeshinii Itoophiyaa kaa’e darbuudhaan beekamtii kana goonfateera. Samuudota riifaraaliidhaan ergaman qorachuun sadarkaa ulaagaalee Tajaajilli Akkiriditeeshinii Itoophiyaa kaa’e darbuun badhaafameera.
Qorataafi maaykiroobaaylojistiin wiirtichaa Obbo Iisaa Kadiir samuuda erguufi fudhachuu, hanqina humna namaa, Tajaajila Akkiriditeeshinii Itoophiyaarraa fageenyarratti argamuufi kkf akka rakkootti eeranii; tajaajilichi dameewwan babal’ifachuun rakkoo fageenyaa kana osoo furee gaariidha jedhan.
Hospitaalli Qiddus Laallibalaa, Naannoo Amaaraa, Godina Walloo Kaabaatti argamus tajaajila qorannoo daranyoo sombaatiin ulaagaalee madaallii darbuun beekamtii gonfateera.
Tamaam Abdulleetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017