
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana ogeessota aartii guutummaa Itoophiyaarraa babahan wajjin marii bal’aa taasisaniiru.
Maricha ilaalchisuunis ergaa ittaanu karaa miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniiru. “Aartiiwwan eenyummaafi guddina biyyaaf furtuudha. Qabeenya aadaa eeganii tursiisu. Tokkummaa hawaasummaatiif cimsanii hojjechuudhaan hawaasa danummaa qabuuf sagalee nita’u. Gama barnootaatiinis, aartiiwwan kalaqaafi sababarratti hundaa’anii yaaduu guddisu. Gama dinagdeetiinis, aartiiwwan kalaqa, turizimiifi hojii uumuu gaggeessuuf humna qabu.
Hawaasa aartii naannolee Itoophiyaa hundaafi bulchiinsota magaalotaarraa walittibabahan waliin mari’anneerra. Bakka buutonni kunneen sagantaa marii sadarkaalee garagaraarratti gaggeeffamaa dhufeefi dhimmoota ijoo adda baasuu dandeessiserratti kan hirmaataniidha. Waltajjiin kun yaadota mariiwwan kanneenirraa argaman cimsuudhaan, akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo hoggansa olaanaa barbaadan adda baasuudhaan qaamoleen damicharratti bobba’an gaheesaanii akka bahan adda baasuurratti kan xiyyeeffateedha” jedhan.
Hirmaattonni waltajjichaas, yaadotaafi gaaffii adda addaa dhiyeessaniiru. Mootummaan waggoota muraasa darbanitti damee aartiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuun waantota baay’ee hojjeteera. Kanatti niboonna, mootummaas nigalateeffanna.
Rakkoo guddaa keessatti waantota baay’ee hojjettanii nutti agarsiistaniitu ammas Waaqayyo humna isinii haa ta’u. Aadaawwan xabboof otoo eegumsi taasifamee, hojmaanni dhaabbilee faayinaansii wajjin hojjennuun otoo mijatee, hammattoon jaarmiyaalee dijitaalaayizeeshiniin hojjechuu dandeessisu otoo jiraatee.
Mirga koppii raayitiitiin walqabatee kaffaltiin rooyaalitii otoo hojiirra oolee, sirni waldaalee ogummaa aartii ittiin to’ataman otoo diriiree, wiirtuulee hawwata turizimiif hojjetamanitti bu’aalee aartii dhiyeessuu akka dandeenyuuf otoo haalli mijatee, imaammanni aartii biyyaalessaa otoo jiraatee, barnoota aartiif xiyyeeffannaan otoo kennamee, ogeessotaaf leenjii gaggabaabaan otoo kennamanii, kanaafis wiirtuuleen leenjii otoo babal’atanii jedhaniifi kkf dhiyeessaniiru.
Waltajjii marichaarrattis mootummaan aartiin badhaadhinaa biyya tokkoof bu’uura ta’uu ni amana. Seenessa waloo bu’uuressuun dhaloota boruu ijaaruu keessatti gaheen aartii olaanaadha. Aartiin boo’ichaafi naannummaa keessaa bahuun hojii miira kakaasuu, hubachiisuufi barsiisuurratti xiyyeeffachuu akka qabu dubbatan.
Aartiin hawaasa keessatti miira xiiqii, abdiifi mul’ata horachuu barsiisuu akka qabu yaadachiisanii; tokkummaa, jaalala biyyaafi dhaloota mul’ata qabu horachuu keessatti gaheesaa bahuu qaba jechuun ibsan.
Mootummaan indaastirii aartii guddisuuf deggarsa barbaachisu hunda nitaasisa jedhanii; aartiin aadaa, duudhaa, safuufi barsiifata gaarii babal’isuun ijaarsa biyyaa keessatti gaheesaa sirnaan bahuu akka qabu hubachiisan.
Ogeeyyiin aartii hojiilee walitti bu’iinsaafi seenessa qeenxee leellisan keessaa bahuun dhimmoota sabdaneessummaafi badhaadhina biyyaa dhugoomsanirratti xiyyeeffachuu akka qabus ibsan. Indaastiriin aartii imaammataan deggaramuu akka qabus dubbataniiru.
Wiirtuulee aartii ammayyeessuufi babal’isuuf xiyyeeffannaan addaa kennameera jechuun ibsanii; yaadama dhaabbileen Itoophiyaa yeroo kamuu ijaaraman miidhaganiifi jabaatanii ce’uu qabu jedhuun wiirtuulee aartii yeroo addaa addaatti ijaaraman haaressuun bal’inaan hojjetamuus kaasaniiru.
Wiirtuulee dullooman haaressuu bira darbee naannawaansaanii miidhaguu akka qaban kaasanii, Amfii Meeggaafi naannawasaa dabalatee invastimantii guddaan miidhagfame akka fakkeenyaatti hubachiisan.
Wiirtuulee duraan turan diiguun gamoowwan guguddoo ijaaruu caalaa duudhaalee seenaa wiirtuulee kanneeniif xiyyeeffannaa kennuun bakkuma jiranitti miidhagfamaniirus jedhan.
Dhaabbilee aartii buleeyyii haaressuu qofti ga’aa waan hintaaneef wiirtuulee konfaransii akka Godambaa Addaa, akkasumas paarkota naannoleetti ijaaraman galmawwan tiyaatiraafi siniimaa akka hammataman ta’uus ibsan.
Dameen aartii callifamee bira hindarbamne kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi, wiirtuulee finfinneefi bakkawwan adda addaatti ijaaraman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ta’us hojiiwwan hojjataman ga’aa waan hintaaneef sadarkaa guddinaafi dammaqina biyyaa wajjin guddachaa akka ittifufu mirkaneessaniiru. Adeemsa kanaan akkuma dameewwan biroo hirmaannaan damee dhuunfaa murteessaa tahuus hubachiisaniiru.
Yeroo rakkootti bu’aa dhuunfaa caalaa ogeeyyiin aartii bu’aa biyyaalessaaf hirmaatan maqaansaanii ashaaraa warqiin barreeffamee jiraata jedhan. Ogeeyyiin aartii haala kamuu keessatti kabajama faayidaa biyyaalessaaf kutannoo qabaachuu akka qabanis eeraniiru.
Ogeeyyiin kunniin hojiilee misoomaa hojjetamanirratti muuziqaa, fiilmii, konsartiifi taateewwan aartii hawaasatti argisiisuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa keessa akka jirtu kaasanii, guddina dinagdee kana ogeeyyiin ogaartii qophaa’ummaa dinagdee irratti agarsiisuu akka qabanis eeraniiru. Warra yeroo rakkinaatti biyyasaanii gananiifis dhiifama gochuu ibsan.
Industiriin aartii Itoophiyaa sadarkaa Afrikaatti dhiibbaa uumuu akka danda’u hubatamee xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjetamu ta’uus Doktar Abiyyi ibsaniiru.
Marichaan gaaffileen artistoonni kaasan hunduu sirrii ta’uu eeruun gaaffiilee duraa duubaa deebisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsuun, ilaalchi naannawa aartii jiru jijjiiramuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ilaalchi jijjiiramuu qaba yoo jennus ilaalchi keenya jijjiiramuun ilaalcha ummataa jijjiiruu akka qabu dhaamuun, aartiin seenessa qeenxee diiguun seenessa waloo ijaaruu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Artistoonni ogummaa qabaniin seeneessa waloo ijaaruun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.
Artiin bu’aa olaanaa fiduu kan danda’us artistoonni of kennanii qooda yoo fudhatan ta’uu kaasuun, seektarri aartii bu’aa olaanaa akka fiduu danda’uuf artistoonni, industiriin aartiifi mootummaan qindoominaan hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Kanaaf artistoonni nama dinqisiisuu keessaa bahuun dhimmoota ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qaban dhaamuun, mootummaan seektarri aartii ijaarsa biyyaa keessatti gahee leencaa qabaachuu isaa hubachuun seektarichaaf deggarsa barbaachisu taasisaa kan jiruufi ammas cimsee kan ittifufuu ta’uu himaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 21 Bara 2017