Waldaan Dubartootaa Oromiyaa fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojjechaa jira Miseensota miliyoona 1.8 ol qaba

Finfinnee: Hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jiraachuu Waldaan Dubartootaa Oromiyaa beeksise.

Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaa qorannoo hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaasaanii dhaabbilee dhimma dubartiirratti hojjetanii cimsuuf gaggeesse tibbana ifoomseera.

Dura teessuun Waldaa Dubartootaa Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa workishoppii bu’aa qorannoo Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa dhiyeesserratti Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, bu’aan qorannoo dhiyaatee waldasaaniifis ta’ee dhaabbilee fayyadamummaa dubartootaa cimsuurratti hojjetan ga’oomsee hirmaannaafi fayyadamummaasaanii cimsuuf shoora olaanaa qaba.

Keessumaa waldaasaaniifi Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immaniif galtee guddaa ta’a. Dubartoonni hirkattummaa dinagdee jalaa ba’anii siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuu qabu. Kanaafis, waldichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii bal’aa hojjechaa jira.

Akka ibsasaaniitti, Waldaan Dubartootaa Oromiyaa waldaa dubartootni naannichaa utuu qabeenya, ilaalcha siyaasaafi amantaan adda hinqoodamiin ittigurmaa’niidha. Kaayyoon waldichaas hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuufi.

Keessumaa akka dubartoonni barmaatilee miidhaa geessissaniif hinsaaxilamneef hawaasa keessatti hubannoo uumuufi sosochii akka biyyaatti gaggeeffamu keessatti humna dubartootaa cimsuuf hojiilee guguddaan waldichaan hojjetamaa jira.

Dinagdee dubartootaa cimsuuf miseensotni waldichaa miliyoona 1.8 ol qusachuudhaan waldaalee hojii gamtaan ijaaramanii baadiyyaafi magaalaatti hojiiwaan qonnaarratti hirmaachaa jiru jedhan.

Inisheetivota mootummaa qonna qamadii, horsiisa lukkuu, horsiisa re’eefi hoolaa, qonna boroo manaarratti hirmaachuudhaan fayyadamummaan dinagdee dubartootaa akka mirka’aanuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hojii geejjibaa keessatti geejjiba fardaafi baajaajii walta’anii bituudhaan tajaajila geejjibaa kennaa fayyadamoo dinagdee akka ta’an taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Magaalaatti IMXn gurmaa’uun biddeena qopheessanii gurguruu, mana hodhaa huccuu, rifeensaafi nyaata aadaa banatanii hojiilee garagaraarratti akka bobba’an taasifamuu jiraachuu kan himan Aadde Roozaan; dubartootni hojii idilee qaban waldicha keessatti hirmaatanii galii dabalataa akka hojjetamu eeraniiru.

Dabalataanis, aadaa boodatti hafaa miidhaa dubrtoota irraan ga’u hambisuuf hojii ummata hubachiisuufi akka leenjii argatan taasifamuu himanii; dandeettiisaanii cimsachuuf godinaalee tokko tokkotti manneen barnootaa bu’uura boruutti barachuu eegalaniiru jedhan.

Miidhaan fayyaa dubartootarra akka hinqaqqabneef dhibee kaansarii fiixee gadameessaarratti qorannoon akka gaggeeffamuuf sochii bal’aa waldichi taasiseen dubartootni baay’een qorannoo dhibee kaansarii fiixee gadameessaa biiroo fayyaa naannichaa waliin ta’uun akka gaggeessan ta’eera jedhan.

Tajaajlli lammummaa bal’aan waldichaan hojjetamuun dubartoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu himanii; hojicha caalaatti milkeessuuf Biiroo Dhimma Dubartiifi Daa’immanii, Federeeshinii Waldaalee Dubartoota Oromiyaafi Gurmuu Dubartootaa waliin ta’uudhaan karoorri qophaa’ee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Miseensonni waldichaa mana harkaqal’eeyyii ijaaruufi suphuu, meeshaalee deeggarsa barnootaa daa’immaniif sassaabuufi raabsuu, ashaaraa magariisaarratti hirmaachuu, ayyaanota waggaarratti maaddii qooduun raawwatamuus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You