
- Qonna gannaarraa callaa kuntaala miliyoona 16 oltu eegama
- Biqiltuuleen miliyoona 300 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Finfinnee: Qonna ganna baranaatiin lafa hektaara kuma 159fi 816 sanyii akaakuuwwan miidhaanii garagaraatiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannoo Sidaamaa beeksise.
Hogganaa ittaanaan damee misooma qonnaafi qabeenya uumamaa biirichaa Obbo Baanguu Baqqalaa ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichatti lafa hektaara 159fi 816 sanyiidhaan uwwisuudhaan midhaan callaa kuntaala miliyoona 16 ol argamsiisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira. Hektaara kuma 50 ol kilaastraan qotama.
Milkaa’ina hojii kanaafis mariin gandaa hanga biirootti qaamolee dhimmichi ilaallatu hundaa waliin gaggeeffameera. Marichaanis ciminniifi hanqinni bara darbee adda baafamuun hojii fooyya’aa raawwachuuf sosochii bal’aan taasifamee kallattii tokko qabachuun hojii keessa galamuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, naannichatti erga wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf inisheetiviwwan saddeetiifi paakeejonni 68 bocamanii hojiirra ooluu eegalee bubbuleera. Inisheetiviifi paakeejota hojiirra oolaa jiran keessaas inisheetiviin tokkoofi paakeejonni 19 qonna tibboota sadan (arfaasaa, gannaafi bonatti) ni eeramu.
Ammaan tanas qonna gannaatiif qophii lafaarraa eegalee hanga galtee omishaa dhiyeessuufi raabsuutti hojiilee bal’aan hojjetamaniiru. Hanga ammaattis lafti hektaarri kuma 10 marsaa jalqabaaf qotameera jedhan.
Dhiyessii xaa’oon walqabatee waggaatti naannichaaf kan barbaachisu kuntaala kuma 300 ta’uu kaasanii; kan qonna arfaasaarraa hafe dabalatee qonna gannaatiif kuntaalli kuma 150 qophaa’uu eeraniiru.
Rooba gannaatiin walqabatee geejibsiisuurratti akka rakkoon hinmudanneef wiirtuu kuusa xaa’oo naannichaarraa gara wiirtuu kuusaa gandootaatti fe’amaa jira jedhanii; hanga ammaattis %80n wiirtuu kuusa xaa’oo gandaa ga’uu himaniiru. Dabalataanins, biyyee asiidummaan miidhame wal’aanuuf nooraanis fe’amaa jiraachuu ibsaniiru.
Sanyii filatamaan kuntaala kuma 105 qonna gannaaf barbaachisu kan naannichi qabu, Dhaabbata Sanyii Filatamaa Itoophiyaafi Dhaabbata Sanyii Filatamaa Naannoo Kibbaarraa qonnaan bulaaf akka dhiyaatu kan eeran Obbo Baanguun; mootummaan naannichaa sirna raabsa guddistuu callaarratti xiyyeeffannaan nihordofa jedhaniiru.
Qonnaan bultootni hanga baay’ina hektaara qabaniin kaffaltii raawwachuudhaan wiirtuu raabsa xaa’oo gandasaaniirraa fudhatu jedhaniiru. Naga’een bittaa elekitiroonii Sidaamaa jedhamu waan qophaa’eef qonnaan bultootni rakkoo tokko malee kaffalanii akka fudhatan ibsaniiru.
Wabii midhaan nyaataa akka naannootti mirkaneessuuf hojiin ganna keessa hojjetamu murteessaa waan ta’eef gatii nukaffalchiisu hundumaa kaffaluudhaan hojii qonna gannaa milkaa’aa taasisuun callaa barbaadamu argamsiisuuf ciminaan hundumtuu ga’eesaa ba’uu qaba jedhaniiru.
Dhaabbii biqiltuu baranaatiif biqiltuulee miliyoona 300 qopheessuuf karoorfamee karooraa ol qophaa’uu eeranii; kanneen keessaa biqiltuuleen miliyoona 146 biqiloota bosonaa yoo ta’an; warri hafan biqiloota miliyoona 156 nyaataaf kan oolan ta’uun hubatameera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017