Oromiyaatti industiriiwwan 5000 ol hojii omishaa keessa jiraachuun ibsame

Bishooftuu: Magaalaa Bishooftuutti Dhaabbanni Daldalaa Fiqaaduu Tsaggaayee jedhamu warshaalee istoovii, huccuufi konkolaattotaa abbaa qabeenyaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaayeetiin kaappitaala qarshii biiliyoona 3.7 oliin ijaarame eebbifame. Oromiyaatti industiriiwwan 5000 ol hojii omishaa keessa jiraachuun ibsame.

Industiriiwwan omishaa babal’isuuf gaheen abbootii qabeenyaa guddaafi olaanaadha kan jedhan Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idiris mootummaan kana hubatee gaheen isaan dinagdee biyyaa keessatti qaban akka babal’atuuf haala mijaawaan uumuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaafis mootummaan seerota danqoo sirreessee, hojmaatawwan badoo dhabamsiisee abbootiin qabeenyaa industiriiwwan omishaa keessa galanii akka humni omishaafi omishtummaansaanii dabaluu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa industiriiwwan 8000 keessaa 5000 ol Oromiyaatti hojii omishaa keessa jiraachuufi carraan hojii bal’inaan uumamuu, ce’umsi teknolojii babal’achuufi alergii cimsuufi omishoota alaa galan bakka buusuurratti hojiilee guguddoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Humni omisha industiriiwwaniis dhibbantaa 63 irra gahuu dubbataniiru.

Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabalis gamasaaniitiin mootummaan industiriiwwanirratti hojiiwwan guguddoo shan alergii guddisuu, omisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu, carraa hojii heddumminaan uumuu, humna omishaasaanii guddisuufi invastimantiiwwan haaraa hawwachuurratti hojjetamaa jira jedhan.

Jijjiiramaa as humni omisha warshaalee gara dhibbantaa 62tti guddachuufi carraa hojiis heddumminaan uumaa jiraachuu himaniiru. Abbootiin qabeenyaas humna guutuun akka omishaniif mootummaan deeggarsa akka taasisu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas Bishooftuun magaalaa jieenyaaf mijattuufi jiddugala industiriiwwaniiti jedhan. Warshaalee 1968 akka qabduufi carraan hojii namoota kuma 60 oliif uumamuus dubbataniiru.

Warshaaleen dheengadda eebbifaman istooviiwwan, konkolaattota elektiriikii qindeessuufi kanneen huccuu omishaniidha. Warshaaleen kunneen carraa hojii namoota 500 oliif uumuus ibsaniiru.

Eebba warshaalee kanneeniirratti Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabal, Ministir De’eetaa Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa, Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idiris dabalatee abbootiin qabeenyaa, abbootiin Gadaafi keessummootni garagaraa argamaniiru.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

 

Recommended For You