Nageenyi waaraan hirmaannaa lammiileetiin dhugooma

Oromoon “Kan nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi, namaa sa’aa nagaa nuu kenni, qilleensa hamaa tulluu duuba nuu qabi” jedhee uumaa kadhachuun nageenyi waa maraa ta’uu ibsa.

Kan wallole gaaddisa jala taa’ee walitti araarsa. Uumaa malkaa yookiin tulluutti ba’ee marga jiidhaa qabatee araara kadhata. Sabni nageenya akka hafuurasaatti ofitti dhiyeessee jiraatu qe’eensaa goolamee nageenyi irraa fagaachuun waggoota lakkoofsise.

Sabni nagaa jaalatu nagaa dhabee abdii kutuun waantota hunda dhiisee nagaa abjoochuufi dheebochuu jireenyasaa godhate. Dararama seenaa keessatti suukanneessaafi akka sabaatti nama qaaneffachiisu qe’ee Oromoofi dhala Oromoorratti raawwatame.

Yeroo dhiyoo dura godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti carraa argameen yoo gadiba’an deebi’anii galuun yaaddessaa ture. Qotanii makarachuun, daldalanii buufachuun, horanii bobbaafachuufi hojjetanii jiraachuun hundi yaaddoo guddaa ture.

Kan balleessaa malee lafeensaa cabe, lubbuunsaa badeefi achi buuteensaa dhabame manni lakkaa’ee hinfixu. Oromoon jiraa namaa mitii reeffa namaafuu kabaja guddaa qabaatus du’aa awwaalachuunuu rakkoo ture.

Har’a garuu tumsa hawaasaafi qindoomina qaamolee nageenyaa sadarkaan jiraniin dachee Oromiyaarra qilleensi nagaan bubbisuu eegaleera. Hawaasni milishaafi gaachana sirnaatiin ijaaramee nageenyasaa halkanii guyyaa tikfachaa jira.

Qaamoleen nageenyaa bosona isaan hinsakattaaneefi bakka shakkiin jiru hunda hindhaqne hinjiru. Konkolaattonni, keessumattuu manneen hojii mootummaan walqabatan kan duraan waa’elchaman malee hinsochoone amma akka fedhanitti bakka fedhanitti socho’aa jiraachuu tibbana wayita hojiif godinaalee Oromiyaarra naanna’aa turre mirkaneeffanneera.

Sochii hawaasni taasisaa jiruun qilleensi nageenyaa bubbisuu eegaluu taajjabneerra. Kana jechuun namni rogawwan maraan yaaddoo nageenyaa keessaa ba’ee guutummaatti hojiilee isa ilaallaturratti duuleera jechuu osoo hintaane har’i kaleessarra daran fooyya’aa ta’uun garuu dhugaa lafa jiru ta’uu hubanneerra.

Waldhabbiin taatee uumamaa waan ta’eef yoomuu ittisuun hindanda’amu. Ta’us rakkoo guddaan gaaga’ama waldhabbiin fidu xiqqeessuu yookiin dhabamsiisuu dadhabuudha. Wanti dachee Oromiyaafi Oromoo gidduutti mudates kanuma. Silaa, sabni afaan tokko dubbatuufi aadaa araaraa bareedaa qabu waldhaga’uu dhabuun gaaga’ama hanganaa qe’eesaarratti fiduu hinqabu ture.

Lubbuun badeefi qabeenyi manca’e Oromoofis ta’e biyyaaf kisaaraa guddaa malee bu’aa fide tokkollee hinqabu. Har’arra taa’amee garuu badiiwwan raawwatanitti garaarraa gaabbaa gochi akkasii gara fuulduraatti akka irrahindeebi’amneef isa si’achiitiif waadaa cimaa seenuun garaagarummaa yaadaa kamuu ilaafi ilaameen qofaan furuutu murteessaadha.

Waa’een nageenyaa nama dhuunfaarraa kaasee sadarkaalee maatii, hawaasaafi biyyaatti kan guddatu waan ta’eef hunduu mirkanaa’uu nageenya waaraatiif qoodasaa bahachuu qaba.

Nageenyi waaraan hirmaannaa lammiileetiin waan dhugoomuuf qeenxeedhaanis ta’e gurmuudhaan qe’ee ofii tikfachuu, hiikaa nageenyaa gadifageenyaan hubachuufi hubachiisuu; qaaccessuufi jireenya guyyuu keessatti qabatamaan agarsiisuu, raawwachuufi raawwachiisuun barbaachisaadha. Qilleensi nageenyaa akkuma biyyaattuu bubbisuu jalqabe kun bal’atee gara boqonnaa nageenyaa waaraatti ce’amuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

 

Recommended For You