KEENYAA: Deebii gaaffii waggootaa Warraaqsa Dinagdee Oromoo

Torban har’aa, Waxabajjii 7 bara 2017 dacheen Gincii daran ko’ammattee oolte. Keessummoota hedduu kaayyoo guddaaf walitti qabaman simattee bifa bareedaadhaan keessummeessiteetti.

Guyyichi Oromoo biratti hawwiidhaan eegamaa kan tureefi gaaffii barootaa saba guddaa kanaa kan deebise ture. Warshaa mootummaafi ummanni waliin ta’anii yeroo jalqabaatiif ijaarsiisantu eebbifame; Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa.

Warshichi Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandiitti lafa hektaara 110 irratti, abbootii aksiyoonaa kuma shan, qonnaan bultoota qooda bitatan 300n baasii qarshii biliyoona 22 oliin kan ijaarame yoo ta’u, teknolojii sadarkaa idila addunyaatti dorgomaa isa taasisu kan qabudha.

Keenyaan guyyaatti dhugaatii liitira miliyoona sadii, waggaatti ammoo liitira miliyoona 300 ykn dhugaatii qaruuraa biliyoona tokkoo ol omisha. Hojii babal’ifannaa warshicharratti hojjetamu dabalateemmoo waggaatti dhugaatiiwwan hanga liitira miiliyoona 600 omishuu danda’a. Kana malees, qonnaan bultoota kuma 60-70 akkasumas lammilee kuma lamaafi 500 carraa hojii uumeera.

Eebba warshichaarratti Pirezidaantii Itoophiyaa Taayyee Asqasillaasee, Pirezidaantii Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Ministira Indastirii Malaakuu Allabal dabalatee aanga’oonni sadarkaa naannoofi federaalaa jiran, abbootiin gadaafi hawwan siinqee, artistoonni, namoonni beebbeekamoofi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Sirnicharratti haasaa kan taasisan Obbo Shimallis akka jedhanitti, Warshaan Dhugaatiiwwan Keenyaa dhugoomuun, mul’ata waloo qabatanii, irree gamtoomeen socho’uun yoo danda’ame raajii guddaa hojjechuun akka danda’amu eeranii, invastimantii olaanaan kun, humna jabaa Walta’iinsa Mootummaafi Dhuunfaa (Public Private Partenership ‘PPP’)tiin dhugoome ta’uu himu.

Waggoota muraasa dura yaada Warraaqsa Dinagdee Oromoo jedhu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad burqisiisan utubaalee afur irratti bu’uureessuun ta’uu himanii, Isaanis: hoggansaafi mootummaa dinagdee hogganu ijaaruu; seera, imaammata, tarsiimoofi hojmaata sochii dinagdee danqan sirreessuu; ummata daangaadhaa hanga daangaatti sochoosuun dinagdee keessa galchuu; akkasumas dhaabbileefi warshaalee adeemsa kana si’oomsan hundeessuu kanneen jedhamaniidha.

Warshaan Dhugaatiiwwan Keenyaa, cancala sonaa guutuu keessatti carraa hojii kuma dhibbaan lakkaa’amu keessattuu dargaggootaafi dubartootaaf kan uumu ta’uufi dabalataanis, galteewwan omishaa biyya keessaa bal’inaan kan fayyadamu ta’uu qofa osoo hintaane, qulqullinaafi dhiyeessii irratti omishtoota waliin kan hojjetu ta’uun qonnaan bultoota kumaatama hedduun lakkaa’aman addatti fayyadamoo akka taasisuu ibsu.

Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Warshaa Keenyaa Etaan Roozh gamasaaniin, pirojektiin kun hojiin waloomaa kan itti mul’ateefi gareen irratti hirmaates imala gara fuula duraaf dhagaa bu’uuraa kan kaa’e ta’uu himu.

Walittiqabaan Boordii Warshichaafi Pirezidaantiin Baankii Siinqee Obbo Niwaay Magarsaas, qaama warraaqsa dinagdee Oromoo kan tahe Warshaan Dhugaatiiwwan Keenyaa waggaatti dhugaatii qaruura biliyoona tokkoo omishuun, guddina dinagdeef gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, warshichi keessumaa qonnaan bultootaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf bakka guddaa akka qabu kaasu.

Warraaqsi Dinagdee Oromoo ka’umsarraa eegalee, dhiibbaawwan jiran hunda dandamachuun pirojektiin Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa as bahuu, jijjiirama biyyaaf gumaachaa jiraachuu akka agarsiisu eeranii, keessattuu weerara dhibee Koronaa dabalatee, dhiibbaawwan qaala’insa gabaa akka addunyaatti mudatan irra ce’uun ‘’Keenyaa Beverage’’ qabatamaa ta’uu dubbatu.

“Faayidaa dinagdeen walqabatee jireenya hawaasaa jijjiireera; carraa hojii uumuun warraaqsa dinagdee biroo qabatee dhufaa jira. Warshaalee Biqilaafi Cuunfaa garagaraa ijaaruun akka omishuun danda’amu daandii saaqeera.

Kun ammoo Warraaqsa Dinagdee Oromoo utubuu keessatti Warshaan Keenyaa, ‘’Nuti ni dandeenya” kan jedhu itti agarsiisneera. Waliigalatti, ji’o mekaanikaalaa madaqseera; ogeeyyii Oromoo tahan Warshaa kanatti hojii elektiroo keemikaalaa baraniiru; kanaanis ce’umsa teknolojii agarsiiseera; ogeeyyii injiinaraa 300 ol horachuunis danda’ameera” jedhu.

Keenyaan kan hunda keenyaa kaampaanii teknolojii ajaa’iba hidhate, Afrikaarraa dhaabbata guddaa dhugaatii omishu, galtee omishaa biyya keessaa kan fayyadamu, walitti hidhamiinsa gabaa guddaa kan uumuu, qulqullinaafi dhiheessii sanyiirrattis omishtoota waliin kan hojjetuufi teknolojii dhugaatii Itoophiyaatti kan fide waan ta’eef hunduu warshicha guddisuuf tumsuu akka qaban dhaamu.

Waggoota saddeet dura Warraaqsi Dinagdee Oromoo utubaa cimaarratti wayita dhaabbatu, abdii guddaa ummata Oromoo irraa qabuu bu’uureffateeti kan jedhan ammoo Gorsaa Sivilii Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa Doktar Injinar Massalaa Hayileeti.

Dhiibbaawwan keessaafi alaa dandamatee, warshaan jiruufi jireenya hawaasaa jijjiruu danda’uu dhaabachuun tajaajilaaf qophaa’uu himanii, keessattuu, rakkoo nageenyaa mudataa ture dabalatee dhibee weerara koviid-19, qaala’insa gatii addunyaafi walwaraansaa Raashiyaafi Yukireeniin, gatii meeshaalee alaa dabalaa ture dandamatee warshaa omishaaf gahee ta’uu himu.

Kanaaf Pirojektiin Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa, jireenya hawaasaa jijjiruu cinaatti humni guddaan kan itti horatameefi dinagdee biyyaa utubuufillee kan itti abdatamee tahuu eeranii, wayita ammaa namoota hedduuf carraa hojii uumuusaafi warraaqsa dinagdee biroos qabatee dhufaa jirachuu kaasu.

Kaayyoo mootummaafi ummanni waliin tahuun hanga humni danda’een dinagdeen guddisuu qabu jedhus qabatamaan kan mul’iseedha jedhu.

Warshaan namoota kuma 300f carraa hojii uuma jedhamee hundaa’e kun iddoonsaas kan filatameef kuufama bishaanii guddaa waan qabuuf, garbuun baay’inaan waan omishamuuf, akkasumas lallaafaa omishuufillee bakka mijataa waan ta’ef ta’uu eeru.

Eegeereensaas warshaa biqilaa (malt) omishu dhaabuu; dhugaatii lallaafaa, ‘’power drink water’’fi warshaa walfakkaatu dhaluu akka danda’us nikaasu.

Waldaan Aksiyoonaa Warshaa Dhugaatiiwwan Keenyaa, jiraattota Magaalaa Ginciif hirkoo tahaafi jiraattota naannawichaaf carraa hojii bal’aa qabatee kan dhufe, namoota biroof ammoo rakkoo nyaata beeladaaf mudataa tureef gumaata hin yaadamne tahuu jiraattonni magaalichaa ni ibsu.

Jiraataan Magaalaa Gincii Obbo Abarraa Warquu horsiisa loon aannaniirratti maatiisaanii waliin gurmaa’uun, omisha aannanii gabaaf dhiheessaa jiru. Haata’u malee omisha kana qixa barbaadamuun gabaaf dhiheessuuf nyaanni beeladaa dhiheenyatti dhibuun rakkoo ta’uu himu. Kanaafis nyaata beeladaa bituuf Finfinnee hanga Bishooftuutti imaluun baasii hinmalleef saaxilamaa turuu kaasu.

Wayita ammaa kana garuu Warshaan Dhugaatiiwwan Keenyaa qe’eesaaniitti ijaaramuun rakkoo gama nyaata beeladaatiin isaan mudachaa ture akka fureef himanii, omisha haftee warshicha keessaa argamuun nyaata beeladaaf oolfachaa jiraachuu dubbatu. Omisha haftee warshicha keessaa argataniis kan dura ji’aan hanga qarshii kuma 23 baasaa turan wayita ammaa qarshii kuma sagalittitti akka hir’ateef himaniiru. Guyyaattis omisha aannanii hanga qarshii kuma lamaafi 509tti gurgurataa jiraachuufi namoota shaniif carraa hojii uumuu eeru.

Warshaan Dhugaatiiwwan Keenyaa akkuma maqaasaa keenya tahu mirkaneeffanneerra; qabeenya dhalootaaf dhaalamuu tahuus hubanneerras jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017

Recommended For You