
Dirree Dhawaa: Itoophiyaa keessa raabsa hanqinaalee bu’uuraan walqabatu malee hanqinni humna ibsaa akka hinjirre Ministirri De’eetaan Ministeera Bishaaniifi Inarjii Doktar Injiinar Sulxaan Walii Ahmad ibsan.
Doktar Injiinar Sulxaan, waltajjii waa’ee Itoophiyaa bu’uuraalee misoomaarratti xiyyeeffatu kan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin tibbana Dirree Dhawaatti qophaa’erratti wayita yaada ka’umsa marii dhiyeessan akka jedhanitti, Itoophiyaa keessa hanqinni humna ibsaa hinjiru; garuu raabsaan walqabatee rakkoon bu’uuraalee misoomaa addaan ciccitiinsa humna ibsaaf ka’umsa ta’eera. Itoophiyaan maddawwan humna anniisaa garagaraa qabdi. Humna bishaaniirraa qofa potenshaalli anniisaa giiggaa waattii 45 yommuu ta’u; hidhaa haaromsaa dabalatee humni bishaanirraa madde %11 hincaalu.
Humna bubbeerraa potenshaalli anniisaa madduu danda’u giiggaa waattii 100-130 yommuu ta’u; anniisaa Itoophiyaan hanga ammaatti humna bubbeerraa maddisiiste daran gadaanaa ta’uu eeraniiru. Humna hurka lafa jalaarraa ka’umsa sulula qinxamaa Affaarii eegalee anniisaa giiggaa waattii 10 maddisiisuu akka danda’amu ibsaniiru. Ammaan tanas hurka lafa jalaarraa anniisaa giiggaa waattii shan maddisiisuuf yaalii eegaluun dhimma jabaatee ittifufuu qabuudhas jedhaniiru.
Akka isaan jedhatti, ummatni humna anniisaa qulqulluu fayyadamu %10 qofa. Kanneen hafan qoraaniifi baayoogaaziitti fayyadamu. Kun ammoo faalama naannawaafi fayyaa hawaasaarratti dhiibbaa guddaa uuma.
Tiraakoomaafi dhibeewwan sirna argansuutiin walqabatan hedduun sababa humna qulqulluu fayyadamuu dhabuurraa maddu. Anniisaa Itoophiyaan fayyadamaa jirtu keessaa %94 humna bishaaniirraa kan maddeedha. Osoo filmaatiwwan garagaraa jiranii madda humna ibsaa tokkorratti xiyyeeffachuun yoo balaan tasaa (fakkeenyaa ongee) mudate rakkoo waan uumuuf anniisaa maddawwan garagaraa gabbisuun barbaachisaadha jedhan.
Itoophiyaan anniisaa qofa osoo hintaane potenshaala bishaan qulqulluu meetir kuubiii biliyoona 122 ol qabaachuu dubbatanii; yeroo ammaa humna ibsaa qofa osoo hintaane bishaan qulqulluu biyyoota biroof dhiyeessuun eegalameeras jedhaniiru.
Itoophiyaan ummatashee miliyoona 65 ta’uuf humna ibsaa qulqulluu faalama naannawaarraa bilisa ta’e dhiyeessuuf hojjetaa jirti. Kana milkeessuuf ammoo baasii doolaara Ameerikaa biliyoona 10 gaafata. Anniisaa maddisiisuu qofa osoo hintaane diriirsi bu’uuraalee misoomaa humna ibsaa hojii bal’aa gaafata jedhan.
Ammaan tana Itoophiyaan biyyoota ollaa hunda humna ibsaatiin walitti hidhaa jirti jedhanii; Afrikaa qofa osoo hintaane biyyoota Awurooppaafuu humna ibsaa dhiyeessuuf karoorri jiraachuu eeraniiru. Hundaa ol, garuu qisaasama anniisaa hanbisuuf humna ibsaa qixa sirriin fayyadamuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017