
Jimma: Eenyummaan ummata biyya tokkoo caalaatti kan ittiin ibsamu walitti dhufeenya, tokkummaa, jaalalaafi jagnummaa dirreewwan adda addaarratti galmeessisaniini.
Kunis kan beekamu ummanni addaan fagaatee jiraatu lagaafi tulluun, bosonaafi hurufaan osoo addaan hincitiin gaaddisa tokko jalatti walitti dhufuudhaan aadaafi gootummaasaa yoo waljijjiireedha. Akkasumas dhaloonni har’aa aadaafi seenaa abbotiisaarraa dhaale kunuunsee qabuudhaan dhaloota dhufutti yoo dabarsuu danda’eedha.
Aadaan kun dagaagee akka guddatu taasisuuf ammoo mootummaan, ummanni, dhaabbileen mootummaa, abbootiin qabeenyaafi ogeeyyonni adda addaa tokko ta’uudhaan rogawwan garagaraatiin sochii olaanaa gochuutu irraa eegama.
Kanumarraa ka’uun Ministeeri Aadaafi Ispoortii Taphawwan Itoophiyaa guutuu qopheessuudhaan bara 1999 dargaggoota biyya keenyaa dirree ispoortii tokkorratti walitti fiduudhaan taphawwan ispoortiitiin akka waldorgoman taasiseera. Taphichi hanga bara 2006 marsaa 5ffaaf adeemsifamuudhaan addaan citee ture.
Kaayyoon taphawwan kanneeniis dargaggoota biyyattii dirree tokkorratti, gaaddisa ispoortii jalatti walittiqabuudhaan obbolummaasaanii caalaatti cimsuufi muuxannoo ispoortiidhaan qaban akka waljijjiiran gochuu madiitti dargaggoonni qaama cimaa, sammuu ifaafi horataa akka qabaatan gochuufi.
Kana malees dargaggoota akaakuwwan ispoortii ittiin hirmaataniin mo’atan filachuudhaan dorgommiiwwan sadarkaa biyyoolessaatti adeemsifamaniifi biyya keenya bakka bu’uudhaan hirmaachuu akka danda’aniif qopheessuudha.
Seenaa ispoortii Itoophiyaa keessatti bara 1999 jalqabamee marsaawwan shaniif adeemsifamuudhaan bara 2006 addaan citee kan ture taphni guutuu Itoophiyaa kun barana marsaa 6ffaaf Waxabajjii 10 bara 2017 jalqabameera.
Tapha qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Federaalaatiin, keessummeessummaa Oromiyaatiin Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jiru kanarratti Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhaawaa ,naannoleen marti hirmaachaa jiru.
Ministirri Muummee Ittaanaan RFDI Obbo Tamasgeen Xurunaa haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, ispoortiin dorgommii qofa miti. Hawaasa gidduutti walitti dhufeenya cimaa uumuun yaadama biyyaalessummaa ijaaruu keessatti ga’ee guddaa qaba. Akkasumas hawaasa biyya keenyaa keessattuu, dargaggoota walitti fiduun michoomina biyya keessaa uuma. Karaa biraatiin ispoortiin, guddatootarratti hojjechuun haqummaa guddisuu keessatti ga’ee olaanaa qaba.
Taphni ispoortii guutuu biyyaalessaa mataduree, “Ispoortii Sabboonummaa Itoophiyaaf” jedhuun adeemsifamaa jiru kun tokkummaa sabootaa cimsuu bira darbee waltajjii dargaggoonni waa’ee biyyaafi aadaasaanii itti baratan ta’ee kan tajaajiluudha jedhan.
Pirezidaantii Ittaanaan Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiis gamasaaniitiin akka jedhanitti, cabiinsa damee ispoortiin mudate furuuf mootummaan naannichaa imaammata baasee hojiirra oolchaa jira. Hojii kana keessaa tokko bakki oolmaa ispoortii gandatti hektaarri tokko akka jiraatu taasisuun sadarkaalee adda addaattis ijaaramaa jira.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Aaddee Shawiit Shaankaas riifomii misooma ispoortiirratti taasifameen akka biyyaatti iddoowwan oolmaa ispoortii kuma 14 qophaa’aniiru. Istaadiyoomota sadarkaa addunyaa eeggatan ijaaruurratti argamna jedhan.
Taphni Ispoortii Guutuu Itoophiyaa Magaalaa Jimmaa misooma koriidariitiin daran miidhagdetti akaakuuwwan ispoortii 26n ispoortessitoota kuma shaniifi 98 hirmaachisuun adeemsifamaa jiru kun guyyoota 19f tura.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017