
Finfinnee: Nageenya waaraa Shaggar mirkaneessuuf caasaaleen nageenyaa teknolojiin akka deeggaraman gochuuf hojjetamaa turuu Waajirri Bulchiinsaafi Nageenyaa Shaggar beeksise.
Ittigaafatamaa Ittaanaan waajjirichaa Obbo Dassaalany Siyyum turtii addatti dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin waajjirasaaniitti taasisaniin Shaggaritti nageenya waaraa mirkaneessuuf ittifayyadamni teknolojii hojiirra akka oolu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, reediyoo walqunnamsiistuu dabalatee teknolojiin nageenya waaraa mirkaneessuuf oolu guutummaa Shaggaritti hojiirra oola jedhaniiru.
Teknolojiin kun waggaa haaraarraa eegalee hojiirra oola jedhanii; ittifayyadamasaan walqabatee leenjiin barbaachisu akka kennamu himaniiru. Shaggar magaalaa guddoofi olaantummaan seeraa keessatti lafa qabate taasisuuf cichoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Nageenya waaraa mirkaneessuun sochii hawaas dinagdeefi siyaasaa mijataa gochuuf akka gargaaru himanii; dhimmi nageenyaa hojii ijoo ta’ee xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Shaggar magaalaa karroota Finfinnee shanan marsitee jirtuufi nageenya waaraa handhuura biyyaaf bu’uura kan jedhan Obbo Dassaalany alseerummaa alaa galus ta’e gadi bahuuf ittigaafatamummaa olaanaan hordofmaa jiraachuu dubbatu.
Dhimmi nageenyaa deeggarsa waloo kan gaafatu ta’uun hubatamee caasaan nageenyaa Finfinneefi Shaggar waltumsuun tokkummaan hojjetaa jiraachuu eeraniiru.
Dhimma nageenya waaraa mirkaneessuu gahee caasaa nageenyaa qofa taasisanii ilaaluun sirrii miti jedhanii; hawaasni gaachana sirnaa keessatti hiriiruurra darbee dabareen nageenya naannawaasaa akka eeggatus taasifamuu kaasaniiru.
Humnoota nageenya Magaalaa Shaggar booressuuf socho’anirrattis hordoffii walirraa hincinne taasifameen kanneen to’annoo jala oolan jiraachuu himanii; kanaanis bu’aa guddaan galmaa’aa jiraachuu kaasaniiru.
Humni milishaa heddu bobba’ee qaxalummaan hojjetaa jiraachuus eeranii; gahumsasaanii dachaan dabaluufis leenjiin yeroo yeroon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 14 Bara 2017