“Shaggar magaalaa egeree dhalootni har’aa eegalee kan ittaanu dabareen ijaaruudha” – Obbo Gugsaa Dajanee, Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Shaggar

Hundeeffamni Magaalaa Shaggar murtoo seenaqabeessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa murteesseefi dhaloota ittaanu biratti akka fakkeenyaatti leellifamu ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa irra deddeebiin ibsaa turuun ni yaadatama.

Gama biraan ammoo tarkaanfii ijaarsa seeraan alaarratti fudhatameen walqabatee Shaggar magaalaa egeree jechi jedhu akka waan dhalootni har’aa dagatameetti kanneen qeeqanis ni jiru. Magaalaan kun hundeeffamashee yeroo gabaabaa keessatti saamicha lafaa, buqqaatii qabeenyaafi eenyummaa hambisuun guddina hundagaleessa mirkaneessuuf imala xiiqii eegalteetti.

Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaan Kilaastara Bulchiinsaafi Tajaajilaa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee misoomaafi kenna tajaajilaa, egeree qonnaan bultootaafi sirni bulchiinsa lafaa ilaalchisee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Mee walhaabarruu, maqaafi gahee hojii keessanii nutti himaa.

Obbo Gugsaa: Maqaan koo Gugsaa Dajaneen jedhama. Kantiibaa Ittaanaa. Qindeessaa Kilaastara Bulchiinsaafi Tajaajilaa Magaalaa Shaggari.

Bariisaa: Jechamni Shaggar magaalaa egereeti jedhu namoota muraasa biratti ija shakkiin ilaalama. Maalummaan magaalaa egeree maali?

Obbo Gugsaa: Magaalaas ta’e biyya dhalootatu dabareen ijaara. Magaalaan Shaggar ijaarsa magaalota biyyattiif haala fakkeenya ta’uun dhawaataan kan ijaaramtuudha. Ijaarsa magaalaa kanaa dhalootni har’aa yoo eegale dhalootni lafaa dhufu dabareen xumura.

Magaalaan kun magaalaa ammayyooftuu dhalootni dabareen ijaaree xumuru waan taateef magaalaa egeree jedhamte malee akka jedhamu kan dhaloota har’aa moggeessitu miti. Tarii burjaajiin kun tarkaanfii ijaarsa seeraan alaarratti fudhatameen kan walqabatu ta’uu mala.

Ta’us guutummaatti rakkoo hinqabu jedhamuu baatus tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatame wayita ilaalamu irrajireessaan rakkoo mana jireenyaatiin kan walqabatu osoo hintaane lafa daldalaaf bifa weeraraan qabamerratti. Biyyuma kamittuu lafaafi manni namoota muraasaan saamamee magaalaa ammayyaa dhugoomsuun dhimma abjootamu miti.

Yaadrimeen magaalaa egeree magaalaa dhalootni har’aa ijaaree dhalootni boruu diigu osoo hintaane dabalataan ijaaraa deemuudha. Kana jechuun fedhii dhaloota har’aa qofa osoo hintaane fedhii dhaloota lafaa dhufuu ilaalcha keessa kan galcheedha. Kana giddugaleeffachuun weerara lafaa ittisuuf sirna bulchiinsa lafaa ammayyaawaa diriirsuu cinatti dhiyeessii mana jireenyaa hawaasni sadarkaan jiru hundi irraa fayyadamurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Bariisaa: Haalli hundeeffama Magaalaa Shaggar kaleessaa har’a akkamiin ibsama?

Obbo Gugsaa: Magaalaan Shaggar magaalota ja’a bulchiinsa magaalaa mataasaanii qabaniifi gandoota baadiyyaa 41 walitti fiduun magaalaa tokko, kan kutaalee magaalaa 12fi aanaalee 36 qabachuun bara 2015 hundeeffame.

Magaalotni bifaafi humna bittinnaa’een jiraachaa turan walitti dhufanii magaalaa jabaa hundeessuun seenaa keessatti ijaarsa magaalota ammayyaaf bifa fakkeenya ta’uu danda’uun kan hundeeffamedha.

Shaggar magaalaa halkan tokkotti hundaa’e osoo hintaane qorannoo gadifagoodhaan kan deggerameedha. Hundaa ol, Shaggar magaalaa qonnaan bulaa hammateefi hawaasni sadarkaan jiru keessa jiraachuu danda’udha.

Bariisaa: Hundeeffamni Magaalaa Shaggar maalfaarratti kan xiyyeeffatuudha?

Obbo Gugsaa: Hundeeffamni Magaalaa Shaggar waantota sadiirratti xiyyeeffata: Tokkoffaa, sirna lafa ammayyeessuufi magaalomsuu jechuunis lafa magaalaa maastar pilaaniin hogganuu, pilaaniiwwan xixiqqoo haala istaandardii eegeen hojiirra oolchuu akkasumas faayidaa lafaa ol guddisuufi faalama naannawaa xiqqeessuu. Lammaffaa, ummata magaalessuu jechuunis ummata ogummaawwan garagaraa gonfate horachuu. Inni sadaffaan ammoo sirna bulchiinsa magaalaa ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa dijitaalessuudha.

Bariisaa: Shaggar pirojektota guguddoo hojjetaa jiruun walqabatee qonnaan bulaan misoomaaf kaafamuu mala. Walumaagalatti, Shaggar hojii hojjetu hunda keessatti haala kamiin qonnaan bultoota keessummeessa?

Obbo Gugsaa: Qonnaan bulaan sababa misoomaatiif akka kana duraa lafasaarraa kaafamu hinjiru. Warshaalee dabalatee misoomawwan garagaraa lafasaarratti misoomu keessatti bifa sheeriin abbaa qabeenyaa ta’ee akka hirmaatu taasifama. Bu’uuraaleen misoomaa kanneen akka daandiifi ibsaafaa akkasumas dhaabbilee tajaajila hawaasaa yoo lafa qonnaan bulaa keessa oolan beenyaan gahaa itti quufiinsa qabutu kennamaaf.

Bariisaa: Shaggar magaalaa dizaayinii addaatiin ijaaramaa jirtu keessatti qonnaan bulaan haaluma amma jiruun qe’umasaarra tura jechuudhaa?

Obbo Gugsaa: Magaalaan kamuu bakka daldalaa, qonnaa, fayyaafi industiriifaa addatti qaba. Magaalaan Shaggaris eessatti maal akka hojjetamu pilaaniin deggeramee adda ba’eera. Fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf kutaalee magaalaa hundatti giddugalli qonnaan bulaa kan hundeeffamu ta’a.

Qonnaan bultoonni duudhaalee qonnaan bulummaasaaniifi hawaasummaasaanii eeggataniifi qabatanii akka waliin jiraatan giddugalli kun gumaata guddaa qaba. Bu’uuraalee misoomaa dabalatee fayyadamaa dhaabbilee tajaajila hawaasummaa salphaatti akka ta’uuf qonnaan bulaa walitti fiduun murteessaadha.

Lafasaa bakkuma kamittuu qabatee akka turuufi misoomsuuf kaartaafi pilaaniin dursamee hojjetamee jira. Haa ta’u malee, qonnaan bultoota bakkawwan tulluufi qarqara laggeenii jiran tokko tokko bakkuma jiran akka turaniif haalli itti maastar pilaaniin hammatamanis nijira.

Bariisaa: Qonnaan bulaan haala kamiin mandara tokkotti walitti dhufa? Tarii qonnaan bulaarratti dhiibbaa uumuu hindanda’uu?

Obbo Gugsaa: Shaggar hawaasa daldalaa, industirii, bakkawwan bashannanaafi qonna ilaalchisee pilaanii hunda xumureera. Qonnaan bulaan duudhaasaa qabatee giddugala qophaa’e kanatti walitti dhufa. Maatiin tokko hariiroo duraan qabaniin walitti dhufuun jiraachuu cinatti jireenya mijataa akka jiraatan taasisuuf kan yaadamedha.

Shaggar jireenya qonnaan bulaa ilaalchisee Finfinneerraa waa hedduu barateera. Magaalaan qonnaan bulaa dhiibee guddatu akka hinjirre waan hubatameef jireenya qonnaan bulaaf xiyyeeffannoon addaa kennameera.

Bariisaa: Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa, keessattuu ijaarsi daandii magaalattii sadarkaa maaliirratti argama?

Obbo Gugsaa: Shaggar ijaarsa magaalota ammayyaawoof bu’uura akkuma jedhame ijaarsi bu’uuraalee misoomaa magaalattii fakkeenyummaa guddaa qabu. Ijaarsi daandii qubeelaa kan kiiloomeetira 150 fagaatuufi bal’ina meetira 250 ta’e qabu eegalameera.

Daandiin kun qulqullinaafi bal’ina qabuun daandii sadarkaa Afrikaatti dorgomaa ta’eedha. Ijaarsi daandii kanaa marsaan jalqabaa kan kiiloomeetira 38 fagaatuufi qarshii biliyoona 4.5n hojjetamaa jiru ammaan tana dhibbantaa 20 irra ga’eera. Daandiin kun bajata Magaalaan Shaggar ramadeen kan hojjetamaa jiru yommuu ta’u; wayita xumuramu sochii tiraafikii Finfinneefi Shaggar daran kan salphisu ta’a.

Bariisaa: Ijaarsa daandii qubeelaatiin ala daandii keessoof hoo xiyyeeffannaan kenname maal fakkaata?

Obbo Gugsaa: Dhugaa dubbachuuf rakkoon daandiifi dhiyeessii bishaan dhugaatii Shaggaritti rakkoo hamaadha. Funyaan Finfinnee jala taatus uwwisni daandii Magaalaa Shaggar dhibbantaa sadii gadi. Daandiiwwan jiraniyyuu kan daran dulloomaniifi manca’aniidha.

Akkuma magaalattiin hundoofteen dhimmoota xiyyeeffannoo argatan keessaa daandiin isa tokko. Haaluma kanaan barana daandii kiiloomeetira 80 ijaaruuf karoorfame keessaa kan Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo hanga Keellaatti jiru saffisaan hojjetamaa jira.

Daandiin Nook hanga Sabbataa jirus yeroo dhiyootti ijaarsisaa kan eegalamu yommuu ta’u, daandiin Keellaa hanga Sulultaa akkasumas Xaafoo hanga Finfinnee ijaarsisaa xumuramee tajaajilaaf banameera.

Kana malees, bu’uuraaleen misoomaa bakkawwan garagaraa walqunnamsiisan jechuunis mandaraafi mandara, bilookiifi bilookii walquunnamsiisan kiiloomeetirri 380 ta’an baay’eensaanii ijaaramanii xumuramaniiru. Kun hojii ajaa’ibaa yeroo gabaabaa keessatti firii gaarii naqachuu jalqabeedha.

Bariisaa: Kenniinsi tajaajilaa malaammaltummaarraa bilisa ta’ee bakka ittiquufiinsi maamilaa hinmirkanoofnetti Shaggar magaalaa ammayyaati jechuun ni danda’amaa?

Obbo Gugsaa: Dhugaadha, ammaan tanatti kenniinsa tajaajilaa Magaalaa Shaggar baasii qusataa, si’ataafi haqaqabeessa jechuun nama rakkisa. Rakkoo kana hundeerraa furuuf dhimmoota ijoo ta’anirratti hojjetaa jirra.

Haaluma kanaan hojiifi hojjetaa sirrii walitti fiduun dandeettii qabeenya namaa gabbisuun hojjetaan miira tajaajiltummaa akka uffaty taasisuu; tajaajila dijitaalessuuf Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa, Tika Nageenya Biyyaalessaafi Itiyoo Teleekoom waliin hojjetamaa jira.

Fakkeenyaaf invastimantii onlaayiniin karaa dijitaalaa simachuu eegaluun hiriira dheeraa hanbiseera. Yaalii gaarii jiru gabbisuu barbaada. Kenniinsa waraqaa eenyummaarratti komii bal’aan turus amma kenniinsasaa dijitaalessuun furamaa jira. Kana jechuun jalqabbii gaariin jiraachuusaati malee ittiquufiinsi maamilaa mirkanaa’eera jechuu osoo hintaane jalqabbii bu’aqabeessi milkaa’ina boruu akeeku jiraachuusaati.

Bariisaa: Guyyootni sadeen hoggansi waajjiratti argamuun akka abbootii dhimmaa keessummeessan mootummaan naannichaa diriirse Shaggaritti haala kamiin hojiirra oolaa jira?

Obbo Gugsaa: Guyyoota Wiixata, Roobiifi Jimaataa hoggansi dirqama waajjira taa’ee abbaa dhimmaa akka keessummeessuuf mootummaan qajeelfama addaa haa baasu malee, hoggansi guyyoota hundayyuu abbaa dhimmaa keessummeessuuf dirqama qaba.

Shaggaritti qajeelfamni kun hojiirra oolaa jira. Ta’us yeroo baay’ee hoggansi sadarkaan jiru hundi hojiin dabalataa itti kennamee dirree ba’ee hanga hojjetutti waan ko’oommatuuf qaawwi ni mul’ata. Hundaa ol garuu waajjiratti argamuu qofti ittiquufiinsa maamilaaf galtee waan hintaaneef hojii firiinsaa mul’atu hojjechuun barbaachisaadha. Gama kanaan Shaggar hoggansi waajjiratti argamee tajaajila firii qabu kennuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.

Bariisaa: Shaggar kenna tajaajilaa guutummaatti dijitaalessaa yeroo hangamii keessatti xumuree hojiirra oolcha?

Obbo Gugsaa: Shaggar magaalaa ammayyaa /’Smart city’/ kan taasisan keessaa tokko kenna tajaajilaa ammayyeessuudha. Haaluma kanaan waggoota shanan dhufanitti Shaggaritti sektaroota hundatti kenna teknolojiin deggerameefi tuttuqaarra bilisa ta’e hojiirra oolchuuf ciminaan hojjetamaa jira.

Bariisaa: Rakkoo bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa manneen jireenyaa waliiniifi dhiyeessii mana jireenyaan walqabatan furuuf maaltu hojjetame?

Obbo Gugsaa: Komii dhiyeessii bishaan dhugaatiifi daandii manneen jireenyaa waliinii Koyyee Facceen walqabatee ka’uuf jalqabummattuu ijaarsa manneen kunneenii kan raawwate Bulchiinsa Magaalaa Finfinneeti. Akkuma jedhamee rakkoon daandiifi dhiyeessii bishaan dhugaatii jiraachuu Shaggaris quba qaba.

Bu’uura waliigaltee jalqaba raawwataniin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa akka fiixaan baasaniif Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin mariin taasifamaa jira. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kana yeroo dhiyoo keessatti akka xumuruufis itti adeemamaa jira.

Bariisaa: Daddabarsa manneen waliiniifi dhiyeessii lafa mana jireenyaa, keessumaa barsiisota biratti komii kaasaa jirurratti maaltu hojjetame?

Obbo Gugsaa: Manneen Waliinii Koyyee Faccee kan hojjechiise bulchiinsa magaalaa Finfinneeti. Manneen 5000 ol abbaa itti taasisuun faayilasaa Shaggariif dabarseera. Kanneen hafan ammoo waan idaa baankii ofirraa qabaniif Shaggar Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin walharkaa fuudhiinsa hintaasifne.

Kun ammoo alseerummaaf karra saaquun manneen akkasumaan cufamanii taa’an kanneenitti namni cabsee galuu eegale. Boodarras qaamolee nageenyaa bobbaasuun alseerummaan kun akka dhaabatu taasifameera.

Hanga idaan baankii xumuramutti Bulchiinsi Magaalaa Shaggar karaa iftoomina qabuun hawaasa harkaqal’eeyyii, keessattuu hojjettoonni mootummaa galii gadaanaa qaban akka kiraan itti galan taasiseera.

Kunis yeroof rakkoo mana jireenyaa furuuf qofa osoo hintaane manneen kunneen akka eegamaniif yaadameeti. Namootni kiraan manneen kana keessa jiraachuuf carraa argatanis sektaroota hundarraati. Wayita idaan baankii kaffalamee dhumu manneen kunniin karaa iftoomina qabuun ummataaf kan darban ta’u.

Dhiyeessii lafaa mana jireenyaa barsiisotaa ilaalchisee Shaggar akka godinaaleefi magaalota biroo lafa gahaa barsiisotaaf qoodu hinqabu. Barsiisota hundaaf lafa kan dhiyeessu yoo ta’ee lafa argachuuf qonnaan bulaa buqqisuuf dirqama.

Kun ammoo kaayyoo hundeeffama magaalaa Shaggariin qonnaan bulaa qe’eesaarratti itichuu jedhuun faallaadha. Kanaafuu, gaaffiin mana jireenyaa barsiisotaa kan ummata magaalatti waliin kan furmaata argatu malee akka Shaggaritti karaa addaa furuun rakkisaadha.

Gama biraatiin erga Shaggar hundaa’ee as manneen harkaqal’eeyyii hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramanirraa kan hafe manni jireenyaa walinii ummataaf Shaggar ijaaree dabarse hinjiru. Haaluma kanaan manneen dursanii ijaaramanii jiran 12 ta’an Kutaa Magaalaa Furii jiran karaa iftoomina qabuun ixaadhaan hojjettoota mootummaa mindaansaanii qarshii 4000 gad ta’eef dabarfamaniiru. Kana malees, manneen 500 hirmaannaa ummataatiin ijaaraman namoota harkaqal’eeyyiif karaa haqaqabeessaan dabarfamaniiru.

Bariisaa: Shaggaritti galiin maalummaansaa hinbeekamne sababoota garagaraan ummatarraa guuramaa jira. Alseerummaa akkasii babal’isuu keessatti qoodni milishaa olaanaadha jedhama. Rakkoo kana quba qabduu? Tarkaanfiin fudhatan hoo maal fakkaata?

Obbo Gugsaa: Galii funaanuuf qaamni aangoon seeraan kennameef waajjira galiiti. Ta’us, rakkoon ka’e kun darbee darbee kan mul’atu ta’uu Shaggar quba qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas galiin sababaafi nagahee hinqabne akka hinfunaanamne dhorkuun walqabatee milishoota dabalatee namoota yakka akkasii keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin fudhatameera.

Wanti dagatamuu hinqabne garuu milishaan qaama fedhii ummataan ijaaramee mindaa malee halkanii guyyaa naamusaa gaariin hawaasa tajaajilaa jiruudha. Bobbii milishaan walqabatee ummatni nagaan ba’ee akka galu taasisuu cinatti nageenya magaalattii waaressuun danda’ameera.

Ta’us akkuma milishaan kaayyoofi dirqama lammummaaf mudhiisaa hidhatee hawaasa tajaajilu jiru kanneen fedhii dhuunfaa giddugaleeffachuun hawaasa rakkisan hinjiran jechuu miti. Bulchiinsi magaalattiis tarkaanfii milishoota akkasiirratti eegale eeruu ummataan faana dha’ee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: Shaggar gama ijaarsa magaalaa ammayyaatiin akkuma biyyaattuu fakkeenya taati jechuun maal jechuudha?

Obbo Gugsaa: Shaggar pilaanii ammayyaan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, kenna tajaajilaan, qabeenya humna namaafi galii maddisiisuun magaalaa fakkeenya taatuudha. Kanaaf ammoo yeroo gabaabaa keessatti hojiileen hojjetaman ragaadha. Guddina magaalaafi bal’ina lafaan akka biyyaatti kan Shaggar gitu hinjiru.

Waa’ee magaalaa hubachuuf sadarkaa guddina magaalaan biyyi keenyaafi addunyaan irra jiru ilaaluun barbaachisaadha. Ardii Awurooppaatti ummatni magaalaa jiraatu dhibbantaa 78 yommuu ta’u; dhibbantaan 22 baadiyyaa jiraata.

Ardii Afrikaatti ummatni magaalaa jiraatu giddugaleessaan dhibbantaa 43 yommuu ta’u; Itoophiyaatti garuu ummatni magaalaa jiraatu dhibbantaa 22 qofa. Kana jechuun ummatni hedduun baadiyyaa jiraachuu qofa osoo hintaane waa’een guddina magaalaa gaaffii guddaa jala jiraachuu agarsiisa. Dinagdeen magaalaa biyyoota guddatanitti omisha biyya keessaa waliigalaa “GDP” gumaatnisaa dhibbantaa 80 Itoophiyaa keessatti garuu hojii bal’aatu hafa.

Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa gara Shaggar dhufanii akka misoomsaniif haalli mijataan jiru akkamiin ibsama?

Obbo Gugsaa: Shaggar karaa malaammaltummaarraa bilisa ta’eefi si’ataa ta’een abbootii qabeenyaa onlaayinii simachaa jira. Namootni ulaagaa kaa’ame guutan bakka fedhe taa’anii qisaasama yeroofi qabeenyaa malee galmaa’uu danda’u. Shaggar abbootii qabeenyaa omishasaanii alatti erganiif daandii xayyaaraa idiladdunyaa Booleerraa fageenya gabaabaarratti argamuu cinatti daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii magaalattii keessa qaxxaamura.

Ummatni Magaalaa Shaggar matumtisaa miliyoona sadii ol waan ta’eef abootii qabeenyaaf carraa gabaa bal’aadha. Shaggar qabeenya lafa keessaafi lafa jalaatiin badhaatuu waan taateef hojjetanii jijjiiramuuf carraa guddaadha. Magaalaa nageenyishee amansiisaa ta’eefi humna namaa gahaa qabdu ta’uunshee hojii invastimantiif filatamtuu taasisa.

Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gochuun turtii na waliin taasiftaniif galatoomaa.

Obbo Gugsaa: Isinis galatoomaa.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You