
Sirnoonni darban dhagaa bu’uuraa kaa’uun ala pirojektii dhaloota egereef bu’uura ta’e lafa qabsiisuufi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuranii tajaajilaaf oolchuurratti hanqinniifi komii guddaan tureera.
Harkifannaa pirojektotaatiin walqabatee fedhiin misoomaa lammiilee haalaan mirkanaa’uu dhabuun, hawaasni hawaas dinagdeen gaaga’ama keessa akka seenu mootummarratti akka ka’u isa taasisaa tureera.
Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee hojmaanni dhagaa bu’uuraa qofaan uummata daguu hafee pirojektonni yeroo qabameef keessatti xumuramaa jiru.
Mootummaan jijjiiramaa dhagaa bu’uuraa kan kaa’u osoo hintaane pirojektii qabame haalaafi qulqullinaan misoomsuun rivaanii kutee tajaajilaaf oolchaa jiraachuu Pirezidaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii kaasu.
Akka Oromiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii waggoota shanii qabame ibsametti pirojektonni waggaa waggaan jechuunis bara 2013 hanga 2016 qabaman yeroo qabameefi bajata ramadameefiin, baay’inaafi qulqullinaan dabalaa deemuun fedhii misoomaa lammiilee milkeessaa jiru.
Akka kanaan duraa dhagaa bu’uuraa kaa’uun baroota lakkoofsisuun hafee pirojektonni yeroon xumuramaanii akka tajaajila kennan taasifamaa kan jiru yoo ta’u; ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka mana barnootaa, mana barsiisotaa, daandii, bishaan dhugaatii, mana yaalaa, suphaa mana harkaqal’eeyyiifi haaraa ijaaruufaa kan of keessatti hammatuudha.
Haaluma kanaan pirojektonni akka naannootti qabaman waggaa waggaan dabalaa qulqullinaafi yeroon xumuramaa kan jiran yoo ta’u; kan bara 2017 bifa addaatiin xiyyeeffannoo argatanii tajaajilaaf oolaa jiru.
Bara bajataa 2017 kana keessatti pirojektonni akka naannootti qabamanii hojiitti seename 34,922 yoo ta’an; hedduunsaanii xumuramanii tajaajilaaf akka oolan taasifamaniiru.
Pirojektonni kunniin marsaawwan lamaan eebbifamanii tajaajilaaf kan oolaa jiran yoo ta’u; marsaa lammaffaa eebbi waliigalaa pirojektota baranaa kuma 27 ji’a Waxabajjii kana keessa gaggeeffama.
Raawwii pirojektota kanaan walqabatee hordoffiifi deggersi walirraa hincinne taasifamaa kan ture yoo ta’u; hirmaannaa ummataa, mootummaafi dhaabbilee gara garaaatiin kan milkaa’eedha.
Pirojektota akka naannootti qabamanii misoomaa turan 34,922f tilmaamni qarshii biliyoona 240 ol baasii yoo ta’u irri jireessisaa hirmaannaa ummaataan kan lafa qabatedha jechuun nidanda’ama.
Tilmaama qarshii misooma pirojektiif baasii ta’e biliyoona 240 kana keessaa hirmaannaan hawaasaa qarshii biliyoona 180 kan haguugudha.
Kana jechuun dibbantaan 73 (biliyoonni 180 hirmaannaa hawaasaan kan misoome yoo ta’u; kunis kaka’umsa ummanni misoomaaf qabu olaanaa ta’uusaatiif agarsiistuu guddaadha. Baay’ina pirojektota barana hojjetamaa jiran 34,922 kanneen keessaa kumni 24 hirmaannaa hawaasaatiin kan haguugamanidha.
Hirmaannaan mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa addatti yoo ilaalame dhibbantaa 27 qofa yoo ta’u; hawaasni fayyadamummaasaa mirkaneessuuf kaka’umsa guddaa qabachuu kan agarsiisu humna guddaas kan qabu ta’uu raawwiin jiru agarsiistuu guddaadha.
Warraaqsichi dhaloonni tulluu hiyyummaa diiguuf tattaafataa jiru daran olaanaa ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u; pirojektonni hedduun fayyadamummaa hawaasaa kan giddugaleeffataniifi carraa hojiillee uumaniidha.
Keessumaa ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu, mana barsiisotaa, mana harkaqal’eeyyii suphuufi haaraa ijaaruu, daandii keessoo, oolmaafi tursiisa daa’ammaniif kan hammatuudha.
Bu’uura Boruun walqabatee manneen barnootaa 4078, sadarkaa tokkoffaan 876, suphaan mana harkaqal’eeeyyii 21500, ijaarsa mana harkaqal’eeyyii haaraa kuma 100fi 18 ijaarsa daandii magaalaa kiiloo meetira 369, daandii baadiyyaa kiiloo meetira 6455 ijaaruun akka tajaajilaaf oolan taasifamaniiru.
As keessatti wanti hubatamuu qabu pirojektonni dhibbantaa 73 hirmaannaa hawaasaan kan misooman yoo ta’u; hirmaannaan mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa gadaanaa ta’uusaati.
Egaa pirojektota akka naannootti barana misoomaa jiran keessaa kumni 27 ji’uma kana keessa guutummaatti eebbifamanii tajaajilaaf kan oolan yoo ta’u’ barana karoorri qabamee ture haalaan milkaa’aa jiraachuu, fayyadamummaa hawaasaa kan giddugaleeffate ta’uu raawwiin jiru agarsiistuu guddaadha.
Rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa furuun walqabatees komii ka’aa ture maqsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan ture yoo ta’u; manneen jireenyaa 11,668 hirmaannaa ummataan ijaarsisuun tajaajilaaf oolchuun danda’ameera.
Tarkaanfichi sochii hawaas dinagdee barsiisotaaf sadarkaa baadiyyaatti haala mijeessuu keessatti shoora guddaa kan taphate yoo ta’u; kanneen magaalaa jiraniif ammoo bakki mana jireenyaa akka kennamu ta’aa jira.
Kun ta’us rakkoo mana jireenyaa kana furuuf tarkaanfiin fudhatame kun gahaadha jechuu waan hintaaneef ammallee ciminaan kan irratti hojjetamuu qabuudha.
Pirojektonni kunniin bifa hordoffii qabuufi baay’inaan yeroo qabameef keessatti xumuramanii tajaajilaaf ooluunsaanii gaaffii misoomaa deebisuun ala gama carraa hojii uumuunis shoora guddaa taphataniiru.
Injifannoowwan gaama pirojektotaan galmaa’aa jiran kunniin daran kan nama onnachiisan yoo ta’u; akka naannoottis ta’e biyyaatti qormaatilee garagaraa keessa ta’uun milkaa’uunsaanii daran kan nama gammachiisudha.
Rakkoo nageenyaan walqabatee iddoowwan garagaraatti sakaallaan mudataa tureera, kanas waamicha nagaa mootummaan taasisaa jiruun furaa kanneen didanii hawaasa hataa qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisaa turanis faana dhahuun buqqisaa nageenya waaraa naannoo mirkaneessuun misooma pirojektotaa saffisiisuun danda’ameera.
Bakka nageenyi hinjirretti waa’ee misoomaa yaaduun hindanda’amu kan jedhan Obbo Awwaluun; farreen misoomaa bosona keessa naanna’uun ummata saamaa dinagdee lammiilee golgoleessaa jiran sakatta’uun tarkaanfii laalessaa irratti fudachuun imala badaadhinaa qabame galmaan gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsu.
Karaa nagaan ala waraanaan aangoo qabachuuf sochiin taasifamu filannoo duubatti hafaafi yeroon kun hinkeessummeessine yoo ta’u; dimokraatawaafi misoomawaa ta’anii ofis biyya ofiis fayyaduuf waamicha nageenyaa fudhachuun murteessaadha.
Kanaan ala gola lammiilee golgoleessaa dinagdee qisaasessaa, ijaarsi waan hinjirreef warreen farra misoomaa ta’uuf wixxirfatanirratti tarkaanfii laalessaafi barsiisaa fudhachuun cimee ittifufa.
Sadarkaa amma irra jirru kanatti nageenyi Oromiyaa bakkatti deebi’aa jira. Pirojektonni misoomaa jiranis gufuu tokko malee waan milkaa’aa jiraniif caasaan gaaraa kaasee hanga dakaatti irratti bobbahee hojjetaa jiru galata qaba.
Imalli badhaadhinaa wabii midhaan nyaataan of danda’uu hiyyummaafi eeggattummaa seenaa gochuu badhaadhina waloo mirkaneessuu hamma ta’etti qaxalummaan hojjechuun bu’aan galmaa’e kan nama onnachiisudha.
Mootummaanis aadaa dhagaa bu’uuraa kaa’anii waggoota lakkoofsisuu komii ummataa ammmeessuu kanaan dura ture kutannaa siyaasaan cabsuun pirojektonni ergama tajaajila hawaasaa kennuu qaban akka kennaniif xiyyeeffannoon taa’ee bu’aan galmaa’aa jiru jajjabeessaadha.
Bu’uuruma kanaan murteessitoota imalaa badhaadhinaa ta’an sadan nageenya waaraa mirkaneessuu, hojii misooma baadiyyaafi magaalaa si’eessuu inisheetiivota garagaraa bal’inaan irratti hojjechuun badhaadhina waloo mirkaneessuun xiyyeeffannoo isa ijoodha.
Eeggattummaa seenaa gochuufi gabaa tasgabbeessuun walqabatee misoomni inisheetiivota garagaraa sadarkaa mana dhuunfaatti gadi bu’uun hojiirra ooluunsaa dinagdee hawaasaa waaltessuu keessatti shoora guddaa taphateera.
Har’a hawaasni keenya wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee alergiif qaqqabuu dandahuunsaa daran kana nama onnachiisu yoo ta’u; imalli badhaadhinaa daandii milkaa’inaarra jiraachuusaaf agarsiistuu guddaadha.
Walumaagalatti nageenya waaraa Oromiyaa mirkaneessaa pirojektota qulqullinaan, baay’inaafi yeroon xumuraa tajaajilaaf oolchuun kanamalees hirmaannaa hawaasaatiin bu’aan galmaa’aa jiru olaanaa ta’uunsaa dheebuun misoomaa xiiqiin milkaa’aa akka jiru kan ragaa bahu waan taa’eef borus ciminaan irratti hojjetama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017