
Finfinnee: Oromiyaatti haga ammaatti hojiileen qarshii biliyoona 656fi miliyoona 18tti shallagamu tajaajila lammummaatiin hojjetamuu Biiroon Maallaqa Oromiyaa beeksise. Akaakuun tajaajilli lammummaa ittikennamu yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuunis ibsameera.
Hogganaa ittaanaa biirichaafi ittigaafatamaan damee tajaajila lammummaa Doktar Mahamadnaasir Abbaajamaal Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, bara 2012 irraa eegalee hanga ammaatti hojii tajaajila lammummaa naannichatti hojjetameen baasii baajata mootummaa qarshii biliyoona 656 tuqaa 18 oolchuun danda’ameera. Akaakuun tajaajila lammummaa kennamaa jiruu 10 irraa eegalee 58 irra ga’eera.
Akka ibsa isaaniitti, tajaajilli lammummaa labsiidhaan hundaa’ee hojmaata diriirfatee utuu hojii hineegalin dura tola ooltummaa jedhamee bifa bittinnaa’een hojjetamaa ture. Haata’u garuu bara 2012 labsii Caffeen naannichaa raggaasiseen hojimaata diriirfatee tajaajila lammummaa jedhamuudhaan hojiiwwan tajaajila lammummaa garagaraa naannicha keessatti raawwachaa jira.
Misooma ashaaraa magariisaa, daandii cirrachaa haaraa ijaaruufi suphuu, ijaarsa manneen barnootaa bu’uura boruu, manneen jireenyaa barsiisotaa ijaaruu, mana harka qalleeyyii ijaaruu, daree barnootaa dabalataa ijaaruufi suphuu, arjooma dhiigaa hojiiwwan tajaajila lammummaa hojjettamaa jiran keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaluma kanaan bara 2017tti manneen barnootaa bu’uura boruu kuma afuriifi 78, manni jireenyaa barsiisotaa kuma 11fi 668, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 876, dijitaal laayibirarii 320, mana harka qalleeyyii kuma 118fi107, iddoo turtii daa’imman hawaasaafi hojjettoota mootummaa 889, keellaa fayyaa 22, mana qorichaa hawaasaa 25 ijaaruun danda’ameera. Hojii misooma bu’uuraalee misoomaatiin daandii cirrachaa haaraa kilomeetirri kuma sadiifi 479 ijaarameera. Kiloomeetirri kuma ja’aafi 455 suphameera. Gama hojii fayyaan walqabatee arjooma dhiigaatiin dhiigni yuunitii kuma 82fi 767 baankii dhiigaatti galii ta’eera. Inshuraansii fayyaan abbootii warraa kuma 357fi 551 argataniiru.
Waliigala hojiiwwan tajaajila lammummaa bara 2017tti hojjetameen qarshii biliyoona 329 tuqaa 76tti shallagamu argamsiisuun baasii bajata mootummaa gaafatu oolchuun guddina dinagdee naannichaaf akka oolu ta’eera.
Bu’aan tajaajila lammummaan argamaa jiru baajata mootummaan bara 2018tti qabateen ol ta’uun bu’a qabeessummaa tajaajilichaa akka agarsiisu himanii; haala qabatamaa jiruunis hawaasni tajaajila lammummaa aadaa taasifateera.
Hojiin tajaajila lammummaa baay’eensaa yeroo boqonnaa barattootaafi amala hojii tajaajila lammummaaan walqabatee waan deemuuf, misooma ashaaraa magariisaa, harka qalleeyyiif lafa qotuufi mana ijaaruufii, ujummoo lolaan keessa yaa’u qulqulleessuu, daree barnootaa ijaaruufi suphuun hojii xiyyeeffannaa ganna bara 2018 ta’uu ibsaniiru.
Hojiin tajaajila lammummaa qabeenya, beekumsaafi humna qabuun namni hundi yeroo hundaa kan raawwatu waan ta’eef ga’ee hojii nama hundaati. Kanaaf, namni hundi bakka jiru hundatti rakkoon mul’atu furmaata akka argatu taasisuun dirqama hawaasummaa ba’uun akkuma baratametti cimsanii akka ittifufan dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017