“Oromiyaatti barana pirojektotni bishaanii kuma lamaafi 645 xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru” – Injinar Miliyoon Baqqalaa

Asallaa: Inisheetivii Imala miidiyaa Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaafi Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa qopheessaniin pirojektotni bishaan dhugaatii ijaarsisaanii xumuramaniifi ijaarsarra jiranii kanneen Godinaalee Arsii Lixaa, Arsiifi Baaleetti argaman Caamsaa 19-23 bara 2017tti daaw’atamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaa akka jedhanitti, Inisheetivii Imala Miidiyaa torban darbe Godinaalee Arsii Lixaa, Arsiifi Baaleetti adeemsifameen sadarkaa pirojektotni bishaanii ijaarsarra jiraniifi tajaajila pirojektotni bishaanii kanaan dura xumuraman hawaasaaf kennaa jiran ilaaluun danda’ameera.

Godina Arsii Lixaatti sochiin tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa Heeban-Nagallee-Siraaroo namoota kuma 500 oliif tajaajila kennaa jiruufi pirojektota bishaanii qindoomina Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, Dhaabbata Tajaajila Bishaaniifi Dhangala’aa Magaalaa Shaashamanneefi hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman ilaalamaniiru. Hanqinni bishaan dhugaatii Magaalaa Shaashamannee keessa ture yeroo ammaa sadarkaa olaanaan furamuu eeru.

Pirojektota bishaanii buleeyyii Godina Arsii Lixaatti argaman keessaa pirojektonni bishaan dhugaatii Halacha Arbatee, Arsii-Siraaroo-Shaallaa, Godina Baaleetti ammoo pirojektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Roobee kan ilaalaman ta’uu himanii, ijaarsa pirojektii bishaanii magaalaa Roobee barana xumursiisuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Pirojektonni bishaanii magaalaa Kofaleefi Maraaroo Sirbuu ammoo xumuramanii tajaajilaaf oolanis tajaajila kennuurratti hanqina guddaa kan qaban ta’uu himanii, komii ummatni tajaajila bishaanii kanarratti qabu furuun dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uus ibsaniiru.

Daaw’annaa Godina Arsiitti adeemsifameen ammoo tajaajilli bishaan dhugaatiifi pirojektiin balfa dhangala’aa ittimaqsuuf Magaalaa Asallaatti ijaarsarra jiru qabatamaan ilaalamuu himu.

Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa pirojektoota bishaan dhugaatii xixiqqaafi gurguddaa kuma sadiifi 600 ol barana hojjechuuf karoorfate keessaa kuma lamaafi 645 xumuree tajaajilaaf kan oolche ta’uu eeranii, pirojektoonni bishaanii kunneen ummata miliyoona tokkoo oliif tajaajila kennaa jiraachuu himu.

Pirojektota bishaanii guguddoo hojjetamaa jiran keessaa %90 irra kan gahaniifi barana xumuruuf hojjetamaa jiraachuufi isaan keessaa pirojektota bishaanii Hallacha Arbatee, Qunnee, Dadar, Qondaalaa akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Pirojektonni bishaanii Walisoo, Fincaa’aa Gujee, Qindaalaa (Wallagga Lixaa), Laga Xaafoo, Innaangoo, Haroo Waaccuu (Gujii) haala gaariin deemaa jiraachuu kan himan Injinar Miliyoon, pirojektota bishaanii kunneen ji’a tokko hafe keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, barana Oromiyaatti pirojektotni rakkoo hawaas dinagdee ummataa hiikuun kuma 14 ol ni eebbifamu. Isaan keessaa pirojektotni bishaan dhugaatii adda durummaan eeramu. Waliinga’iinsa bishaan dhugaatii naannichaa mirkaneessuuf pirojektotni bishaan dhugaatii guutummaa Oromiyaatti hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektota buleeyyiifi haaraan dafanii xumuramanii tajaajilaaf akka oolan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, jijjiiramaa as Oromiyaatti ijaarsi pirojektotaa waggaa tokkoo hanga lamaa keessatti xumuramanii tajaajilaaf oolaa jiraachuus eeraniiru.

Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Abdullaahii Hammuu akka jedhanitti, rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii furuuf pirojektiin bishaanii guddaan tokko bara darbe qarshii biiliyoona 1.5n hojjetamee tajaajilaaf ooleera. Pirojektiin bishaanii kun hawaasa magaalattii kuma 300 ta’uuf tajaajila kennaa jiraachuufi rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii furuus himaniiru.

Pirojektiin bishaan dhugaatii kun naannawa Luquccee jedhamurraa fageenya kiiloo meetira 50 ta’u irraa kan dhufe ta’uufi waggoota 30 ittaananiif haala tajaajila kennuu danda’uun kan hojjetame ta’uus himaniiru. Rakkoo bishaan dhugaatii magaalattii guutummaatti furuuf pirojektonni bishaanii biroon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Magaalaa Asallaatti Maanaajarri Hoteela Qananiisaa Obbo Yoonaas Tsaggaayee akka jedhanitti, dhiyeessiin bishaan dhugaatii magaalattii yeroo ammaa kan duraaniirra daran fooyya’aadha. Bishaan duraan dabareedhaan argachaa turan bara darberraa kaasee guyyaa guyyaan argachaa jiraachuu himu.

 

Dhiyeessi bishaan magaalattii yeroo ammaa sadarkaa daran fooyya’aarra kan jiru ta’uu himanii, tajaajilli bishaanii darbee darbee yeroo addaan citu kenna tajaajila hoteelichaarratti dhiibbaa qabaachuu eeraniiru.

Turistoonni, keessummoonniifi atileetonni bebbeekamoon gara Hoteela Qananiisaa dhufan bishaan dhabanii akka hinmufanneef bishaan roottootti guutuun of eeggannoo barbaachisu akka taasisan himu.

Jiraattuun Magaalaa Asallaa Aadde Laaqach Gaashaawu akka jedhanitti, duraan bishaan lagaa waraabanii ittifayyadamaa turan. Isa booda bishaan dhugaatii qarshiin bitanii fayyadamaa turan. Yeroo ammaa garuu bishaan dhugaatii qulqulluu ujummoo bishaaniitiin hanga manaatti diriireefitti fayyadamaa jiru. Ganda 09 keessa jiraatanitti bishaan darbee darbee kan baduufi halkan erga namni rafee booda dhufaa kan ture ta’uufi rakkoon kun waggaa tokkoo as bal’inaan kan hinmul’anne ta’uu dubbatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

Recommended For You