Ogummaa loltummaa labata sadiitti ce’e

Kaleessa oggaa Wiirtuun Koomaandoo Leenjisa Duulawwan Addaa Bilaattee marsaa 43ffaaf leenjitootasaa eebbisiisu abbaafi ilma jaalalli ogummaa loltummaa dhaloota sadii itti ce’e argine.

Eebbifamtoota keessaa dargaggoon booneetii diimaa keewwate, ogummichas abbaasaarraa dhaale isa tokko.

Obboleessa hangafaa malee abbaasaa kan hinfakkaanne Komaandara Ittaanaa Moosisaa Xiyyees hirmaataa sirnichaa turan.

Komaandara Ittaanaa Moosisaan loltuu kan ta’an abbaasaanii arganii ta’uu dubbatu. Abbaansaanii kanatti gammadanis imaanaa biyyaa morma Komaandara Ittaanaa Moosisaarratti kudhaamaniif.

Har’ammoo Komaandara Ittaanaa Moosisaan dabareesaanii imaanaa biyyaa abbaasaaniirraa fudhatan deebisanii ilmasaaniif dabarsanii kudhaamaniiru.

Ani ilma loltuuti kan jedhan Komaandara Ittaanaa Moosisaan, abbaansaanii yeroo sirna Dargii miseensa raayyaa Itoophiyaa Warraaqxittii ta’anii akka tajaajilan dubbatu.

Abbaansaanii addawwan waraanaa adda addaatti daangaa kabachiisuuf akka qabsaa’an yaadachiisuudhaan; “Anis mootuummaa ADWUI irraa kaasee loltuu dafee qaqqabaa ta’ee tajaajileera” jechuun yaadachiisaaniiru.

Madaa’uu salphaa dirqamarratti isaan mudateenis bara 1995 irraa eegalee gara poolisummaatti jijjiirramanii tajaajilaa jiraachuu ibsu.

Loltummaan abbaakoorratti jalqabamee kan dhaabatu miti kan jedhan Komaandara Ittaanaa Moosisaan; har’as kunoo imaanaan abbaakoorraa fudhadhe ilma kootti dabarsuun ogummichiifi jaalalli biyyaa otoo addaan hincitiin hanga labata sadaffaatti akka fulla’u ta’eera jedhu.

Abbaasaanii duras maatiisaanii keessa loltoonni akka turan eeraniiru. Egeres ijoolleen ijoollee kootii loltuu ta’anii biyyasaanii eeguuf ittigaafatamummaa qabu jedhaniiru.

Eebbifamaa Yoonaas Moosisaa ilmasaanii hangafaa ta’uufi garaarraa akka isa jaalatan ibsanii; ilmisaanii kun daa’imummaasaarraa kaasee loltuu ta’uun booneetii diimaa keewwachuuf hawwaa turuu ibsaniiru.

Yeroo guddattummaasaatti ilmasaanii Yoonaas wajjin ispoortii hojjetaa akka turan; oggaa kanas akka abbaafi ilmaatti otoo hintaane obbolaa fakkaachaa akka turan himu.

Oggaa ilmisaanii loltuu ta’uun barbaada jedhuun haadha warraasaanii wajjin eebbisanii gammachuudhaan akka gaggeessan dubbatu.

Ilmi koo faana koo bu’ee imaanaa ummataafi biyyaa fudhatee booneetii diimaa hawwaa ture uffachuusaatti daran gammadeera jedhu.

Nagaa malee waa’ee jaalala biyyaa dubbachuun hindanda’amu kan jedhan Komaandara Ittaanaa Moosisaan; kanaafis ilmi koo ajaja hoggansi kennuufirratti hundaa’uun dirqamasaa ciminaan bahatee nagaa biyyasaa akka kabachiisuuf har’a imaanaa kenneeraaf jechuun ibsaniiru.

Bakkawwan deeme hundatti Waaqni Itoophiyaa akka isa eegun hawwa jechuun hawwiisaanii gaarii ilmasaaniif dabarsaniiru.

Faana abbaasaa bu’ee loltummaatti kan makame Yoonaas Moosisaas ogummaasaatti gammadaa ta’uu dubbata.

Yeroo jalqabaatiif loltummaa bu’uuraatiin achuma Bilaateetti kan eebbifame waggaa har’aa ta’uu eeree; firii gaarii galmeessisuun leenjii komaandootiif filatamuu eera. Ammas yeroo lammaaf eebbifamuusaatti gammaduu dubbata.

Ijoollummaasaarraa kaasee fedhii loltuu ta’uu akka qabu kan dubbatu Yoonaas; uffannaa loltuu abbaasaa uffachuun isa gammachiisaa turuu yaadachiiseera.

Booneetii diimaa ijoollummaa kootti hawwaa ture keewwadheera jechuunis gammachuusaa ibseera.

Kana booda nagaafi dhimma tikaa biyya koorratti dirqama sadarkaasaa eegee naa kennamu fudhadhee raawwachuuf qophiidha jedheera.

Itoophiyaan anaaf waa hunda kan jedhu Yoonaas; har’a tajaajiluuf ga’oomuu koo akka carraattin ilaala jechuun ibseera. Akkuma ani imaanaa abbaa koo fudhe ilma egere imaanaa koo fudhatee ittifufu qabaachuun barbaada jedheera.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You