Naannoo Harariitti lafti hektaarri kuma torbaafi 416 sanyiidhaan uwwifame

  • Biqiltuuwwan miliyoonni tokko tuqaa shan qophaa’aniiru
  • Xaa’oon kuntaalli 11fi 315 qophaa’eera

Finfinnee: Naannoo Harariitti hojii qonna gannaa hanga ammaatti gaggeeffameen hektaarri kuma torbaafi 416 sanyiidhaan uwwifamuu Biiroon Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Waliigala omisha gannaa irraa callaan midhaan akaakuu garagaraa kuntaala 320 aragachuuf karoorfamuun ibsame.

Biirichatti daarektarri qonna damee ekisteenshinii Obbo Mahaammad Reeduwaan Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qonna gannaa lafa hektaara kuma 11fi 956 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame irraa hojii hanga ammaatti hojjetameen lafti hektaarri kuma torbaafi 416 sanyiidhaan uwwifameera. Kan hafes yeroo hafe keessatti akka xumuramu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, hojii qonna gannaa gaggeessuuf qophii lafaa irraa eegalee hanga guddistuu callaa dhiyeessuuf raabsuutti hojii bal’aan hojjetameera. Hanga ammaatti hojii hojjetameen qophiin lafaa %98 xumuramuu himanii; dhiyeessiifi raabsiin walqabatee xaa’oo kuntaala kuma 12fi 500 barbaachisu keessaa %50 qonnaan bultoota qaqqabeera. Dabalataanis, xaa’oo umamaa (kompostii) metirkiyubii kuma 70 barbaachisu keessaa metirkiyuubii kuma 64fi 673 (%92) qopheessuun ittifayyadamuun danda’ameera.

Gama sanyii filatamaa dhiyeessuun sanyii boqqolloo BH61fi Malkaasaa kuntaala 140, bisingaa dafee ga’u kuntaala 300fi qamadii kuntaala 475 waliigala kuntaala kuma tokkoofi 315 dhiyaateera. Waliigala haalli raawwii hojii qonna gannaa qophiirraa kaasee hanga ammaatti jiru gaarii ta’uu himanii; tibba arfaasaa roobni ture hanqina qabaachuu irraa kan ka’e yeroo kanatti lafa sanyiidhaan uwwisuuf malu uwwisuun hindanda’amne. Kana bakka buusuufis, akkuma raaga Inistitiyuutii Metiworolojiitti roobni idileen olii roobuu waan danda’uuf ganna keessaa bakka buusuuf qophii ga’aan taasifamaa jira. Kana milkeessuufis, qonna kilaastarii bara darbe bu’aa gaariin itti argame Bisingaa Malkaam ji’a sadiitti ga’u facaasuuf qophiirra jiraachuu ibsaniiru.

Ashaaraan magariisaa hojii ganna keessa hojjetaman keessaa isa ijoo ta’uu himanii; bara kanatti biqiltuu miliyoona tokko tuqaa saddeeti qopheessuuf karoorfame keessaa biqiltuun miliyoona tokko tuqaa shan dhaabbiif qophaa’eera. Biqiltuu barana dhaabbatan keessaa maangoo, abokaadoo, dishxaa waliigala %80n nyaataaf kan oolan yoo ta’u kanneen hafan biqiltuu bosonaa sululaafi gaarreen irraa kan dhaabbataniidha.

Hektaara kuma ja’aafi 337 bisingaa, kuma lamaafi 359 boqqolloo, kuma lamaafi 521 lawuzii, dhibba afuriifi 75 qamadii, 264 boloqqee akaakuwwan midhaan naannichatti ganna kana omishaman keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Qonnaan bulaan lafa sanyiidhaan hinuwwifamne sanyiin uwwisuuf carraa roobaa argatetti qophii ta’uun midhaan dafanii ga’u jedhamanii adda ba’an facaasuun fayyadamaa akka ta’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

Recommended For You