Miidhaa atileetotarra ga’u qolachuuf hojmaatni ‘Safeguard’ jedhamu hojiirra ooluufi

Finfinnee: Miidhaa gama hundaan atileetota Itoophiyaarra ga’u qolachuf Boordiin Atileetiksii qooda fudhattoota sadarkaan jiran hirmaachisuun hojimaata ‘Safeguard’ jedhamu hojiirra oolchuuf karoorfachuu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksise.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa rakkoo Galatee Burqaarra ga’eefi kallattii fuulduraa ilaalchisee wayita Kibxata darbe miidiyaaleef ibsa kenneetti, Pirezidaantiin Federeeshinichaa Atileet Silashii Sihiin akka jedhetti, Atileetota biyyatti gama hundaan biyyaaf utubaa ta’anirratti miidhaan dhaqqabu yeroo gara yerootti dabalaa dhufeera.

Miidhaan kun koorniyaa lameenirrattuu kan raawwatamu yoo ta’u; kanneen miidhaa hamaa keessummeessan kan akka Atileet Galatee ba’anii osoo hinhimatin callisanii taa’an hedduudha.

Federeeshinichi rakkoo Atileet Galateerra gahe itti dhiyeenyaa beekus waan dhimmichi seeraan qabameef yeroof callisuu ibsee; kana booda federeeshinichi miidhaa Galatees ta’e atileetota biroorra ga’u qolachuufi haqasaanii barbaaduurratti ummata Itoophiyaan walta’uun tattaaffii kan taasisu ta’uu hubachiiseera. Federeeshinichi gorsaa seeraa qabaachuufi mirga atileetotaaf hanga abukaatummaa dhaabbatutti kan hojjetu ta’uus eereera.

Federeeshinichatti ogeessi fayyaa olaanaan Doktar Ayyaalewu Xilaahunis, hojmaatni ‘Safeguard’ hojmaata haaraa yoo ta’u; hojiirra oolmaansaa addunyaarratti bubbulus Itoophiyaan waggoota lama duubatti hafuun amma eegaluuf haalduree hunda xumuruu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, turtii waggoota 30f federeeshinichatti taasisaniin atileetonni hedduun miidhama keessummeessaniiru. Miidhaa isaanirra ga’eef hunduu qooda waan qabuuf dhiifama gaafachuun miidhaa ittisuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Galateen Atileetii cimtuu yeroo mara mo’ichaaf ifaajjuufi toora qaxaleewwaniitti ramadamtu ta’uus ibsanii; miidhaa isheerra ga’eef gaddi guddaan ittidhaga’amuu ibsaniiru. Kana booda hojmaata mirga atileetotaa kabachiisu hojiirra oolchuu qofa osoo hintaane qooda fudhattoonni sadarkaan jiran tumsa barbaachisu akka taasisanis gaafataniiru.

Pirezidaantii Ittaantuun Federeeshinichaa Atileet Masarat Daffaar akka jettetti, Galateen Atileetii cimtuu baadiyyaatti haala hinmijataa hin taane keessatti guddatteedha. Bakka rakkoo hamaa keessaa dhuftee milkooftetti qabeenyashee  dhabuu qofa osoo hintaane hanga ammaatti daa’ima tokkollee dhabuunshee daran ishee gaddisiisuu ibsiteetti. Haqa Atileet Galateef hoggansi sadarkaan jiruufi ummatni Itoophiyaa marti tumsa barbaachisu akka taasisu gaafatteetti.

Gama biraan miidhaafi darara atileetotarra ga’uu qolachuurratti Waldaan Atileetotaafi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa hanqina guddaa akka qabanis waltajjiirratti ibsamaa tureera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You