Magaalaan Asallaa gama misoomaatiin maalirra jirti?

Asallaa: Dhiyeenya kana wayita dhimma hojiitiif Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti argamnetti hojiilee misooma koriidariifi kana ilaalchisuun kantiibaa Ittaanaa magaalattii Obbo Abdullaahii Hammuu dubbisee isaanis ibsa gabaabaa ittaanu Gaazexaa Bariisaatiif kennaniiru.

Asallaa

Asallaan magaalaa jiddugaleessa biyyaatti argamtuufi Finfinneerraa kiiloo meetira 175, Adaamaarraa ammoo kiiloo 75 faggaattee argamtuudha. Magaalattiin teessoo Godina Arsii taatees tajaajilaa jirti. Kanaaf Asallaan magaalaa caalaatti misoomuuf carraa bal’aa qabduudha.

Magaalattiin bifa misoomuu dandeessuun guddina dinagdee biyya keessatti dhufu keessummeessuu akka dandeessutti kan amma hojjetaa jirru. Waggoota darbanitti xiyyeeffannaa mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalattiif kenneen hojiileen babal’aan hojjetamaniiru, hojjetamaas jiru. Akka magaalaattis hojiilee hedduun hojjetamaniiru.

Magariisummaa

Keessumaa magariisummaan walqabsiisee misooma qarqara lagaa bara 2013 irraa jalqabnee hojjetaa jirra. Laga Kombolchaa jedhamurratti boqonnaawwan sadiin waggoota afran darbanitti hojjenneerra. Kun kiiloo meetira sadii dheerata. Bal’innisaa hektaara kudhani.

Koriidarii

Baranas hojii misooma koriidarii akka mootummaatti jalqabame magaalaa Asallaatti bal’inaan ittideemamaa jira. Kanaafis dursinee hubannoo ummataa gabbisuurratti hojjenne. Ijaarsi kanaan dura ture haala pilaaniin magaalattii eeyyamuun akka abbootiin qabiyyee duubatti siqan taasisne. Misoomasaa ammoo abbaan qabeenyaafi mootummaan akka irratti hirmaatan goone.

Abbootiin qabeenyaa guguddoon humna qaban fuuldurasaanii gamaa gamanaa akka misoomsan taasisne. Fakkeenyaaf Daraartuurraa kaasee hamma Gamoo Hayileetti kan jiru abbootii qabeenyaatu misoomse. Kan hafe ammoo bajata mootummaatiin misoomfame.

Hirmaannaa bajataa

Kanneen abbootii qabeenyaatiin misooman qarshii miliyoona 250 ta’u. Kan mootummaa ammoo ibsaafaa dabalatee gara miliyoona 300tti siqa. Waliigalaan barana pirojektota 32 qabna. Kanneen keessaa 12 buleeyyiidha. Pirojektonni kunniin qarshii miliyoona 500n hojjetamaa jiru.

Gamoo waajjira kantiibaa

Fakkeenyaaf gamoo guddaan waajjira kantiibaa abbaa darbii afuriifi beezimantii qabu bara darbe eegalame qarshii miliyoona 285 ijaarame barana xumuramee tajaajila kennaa jiru qaamuma hojii kanaati. Pirojektonni keenya kaanis kanuma waggaa tokkooti.

Gamoo buufata fayyaa G+3 ijaarsisaa jirra. Gamicha buufaticha gara hospitaalaatti guddisuufis karoora qabna. Magaalaan keenya hospitaala hinqabu. Kan jiru federaala jala kan jiruufi kanitti barsiifamuudha (‘teaching hospital’). Gamoon ijaaramaa jirus kanuma yaada keessa galcheeti.

Gama misooma koriidariitiin kiiloo meetira 25 ni misoomsina jennee karoorfachuun kiiloo meetira 20 hirmmaannaa abbootii qabeenyaafi mootummaatiin misoomsaa jirra. Kun hojii magaalaa keenyaaf jijjiirama guddaa fideedha.

Hirmaannaa jiraattotaa

Jiraattonni magaalattiifi abbootiin qabeenyaa diiguudhaanis ta’e deebisanii misoomsuudhaan gammadoofi adda durummaan hirmaachaa jiru.

Warri humna qaban ofumaa diiganii bu’uura dizaayinii kaa’ameetiin akka ijaaraniifi warra humna hinqabneef ammoo bajanni ramadamee hojjetameef.

Asallaan gaararra qubachuunshii biskileetota peedaaliidhaan hojjetaniif mijattuu taasiseera. Daandii biskileetota elektirikiidhaan hojjetaniif mijatu hojjechuufis qo’annoon adeemsifamaa jira.

Kaafamtoota misoomaa

Hanga ammaatti namoonni 100 misooma koriidariitiin kaafamaniiru. Kanneen keessaa 75f manni akka hojjetamuufi manneen kaayyoo birootiif hojjetamanis kennamaniiru. Namoonni otoo mana jireenyaa ofii qabanii mana gandaa keessa jiraataa turan mana ofiitti akka galan taasifamaniiru.

Carraa hojii

Misoomni koriidarii hojii diiganii ijaaruu waan ta’eef namoota kuma sadiif 500f carraa hojii baneera. Hojichi halkanii guyyaa hojjetamaa waan tureef aadaa hojii haaraas uumeera.

Hudhaa

Hojii misoomichaatiin bu’uuraalee misoomaa daandiirraa kaasisuuf qarshii miliyoona jaha gaafatamuufi bajanni ramadame xiqqaa ta’uun hudhaalee mudataniidha. Garuu hudhaalee kanneen darbuun bu’aaqabeesa ta’eera.

Karoora

Bara bajataa ittaanutti misooma koriidariitiin dizaayiniin kiiloo meetira 20 misoomsuu dandeessisu raawwatameera. Hojiin misoomaa kun magaalota kaanirra boodatti hafee waan jalqabameef kunis muuxannoo qindeessuudhaan hojjechuuf carraa nuu kenneera.

Galata

Jiraattonniifi abbootiin qabeenyaa Magaalaa Asallaa hirmaannaa hojiilee misoomaa adda addaafi misooma koriidariirratti taasisaa turaniifi jiraniif nan galateeffadha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You