
Kitaabileen ABC Tuurizimii Itoophiyaafi Oromiyaa Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan Komishinara Ittaanaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajootiin qophaa’an Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti Dilbata darbe eebbifameera.
Obbo Naggaan sirnicharratti akka jedhanitti, kitaabileen kunniin ijoolleen afaansaaniitiin seenaafi qabeenya tuurizimii biyyasaanii akka beekaniif kan gargaaraniidha.
Kitaabota kunniin qabeenyawwan tuurizimii naannoleefi bulchiinsota magaalaa hundatti argaman qabataniiru.
Ministirri Tuurizimii Aadde Salaamaawwiit Kaasaa gamasaaniitiin kitaabileen kunniin hir’ina damichi qabu kan guutuufi qabeenya tuurizimii biyyattii ijoollee hubachiisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Hogganaan Waajjira Pirezidaantii BMNO Doktar Abulaaziiz Daawudis, kitaabileen kunniin qabeenya damichaan akka biyyaatti jiru dhalootatti dabarsuudhaan faayidaa olaanaa qaba jedhan.
Kitaabileen amma afaanota sadiin qophaa’an kunniin yeroo ittaanutti afaanota dabalataatiin qophaa’anii biyya keessaafi alatti akka dhiyaatan ibsameera.
Sirnicharratti Kominishara Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa dabalatee keessummoonniifi dhimmamtoonni adda addaa argamaniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017