Ji’oota saglan darbanitti humni elektirikaa giiggaawaattiin 6.8 omishame

  • Roobni idileen olii guutiinsa hidhichaaf carraa gaarii uuma

Finfinnee:Ji’oottan saglan darbanitti humna elektirikaa giggaawaattii 6.8 omishamuun akka danda’ame Ministeerri Bishaaniifi Inarjii beeksise. Ganna bara 2018tti Inistitiyutiin Metiworolojii Itoophiyaa roobni idileen olii roobuu malu guutiinsa hidhichaaf carraa gaarii akka uumu ibsameera.

Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa Kibaxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ji’ottan saglan darbanitti humna elektirikaa giggaaawaattii 6.8 omishuun danda’ameera. Raagni rooba idileen olii ganna bara 2018tti roobuu mala jedhamee Inistitiyutiin Metiworolojii Itoophiyaan raagame hojii guutiinsa hidhichaaf gumaacha olaanaa qabaatus yaa’a laggeen birootti balaa lolaa dhaqqabsiisuu waan danda’uuf hawaasni ofeeggannoo akka taasisu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, hidhi Laga Abbayyaa yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra ga’uun bishaan baay’ee qabachuu danda’a. Tarbaayinootni hidhichaa guyyaa hojii eegalanirraa ka’ee humna elektirikaa maddisiisaa jiru. Kanneen ijaaramaa jiranis gaafa xumuraman humni caalu akka omishamu himanii; ji’oota saglan darbanittis giggaawwaattii 6.8 omishuun danda’ameera. Dabalataanis, bakka bashannanaa, horsiisa qurxummii, qonna jallisii nannawaa hidhichaatti gaggeeffamuufis bu’aa buusuu eegalee jira.

Raagni Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaa hidhi xumuramaa jiru bishaan baay’ee qabachuu akka danda’uuf carraa gaarii qabatee akkuma dhufu laggeen biroorratti balaa lolaa dhaqqabsiisuu waan danda’uuf ofeeggannoo barbaachisaadha. Kanaafis, akkaataa roobni ittiroobu dursanii hubachuudhaan sirnaan ittifayyadamuuf of qopheessuudha. Roobni ulfaataan roobee qabeenyaafi lubbuu namaarratti balaa akka hinqaqqabsiifneef biiroofi waajjiraaleen qonnaa sadarkaan jiran hordofuudhaan of eeggannoon barbaachisaan akka taasifamuuf hojjetamaa jira.

Keessumaa, laggeen balaa lolaa dhaqqabsiisuudhaan beekaman kanneen akka Laga Awaash, Omoofi kanneen biroo balaa akka hindhaqqabsiisfneef hojiin lageeniifi bo’oo bishaanii qulqulleessuu eegalameera.

Gama biraatiinis rooba gara lolaatti jijjiiramu akka balaatti ilaaluu qofa utuu hintaanee tooftaan gara carraa gariitti jijjiiruudhaaf gamanumaan hawaasni qophii barbaachisaa taasisuu qaba. Utuu roobni hinroobin bakka bishaan ittiqabamu qopheessuun carraa gaariitti jijjiiruuf qophiin taasifamuu qaba jedhaniiru.

Akka nama dhuunfaattis hundumatuu manasaa biratti bakka bishaan qabatu qopheeffachuu akka qabu himanii; akkuma ganni ba’aa deemuun midhaan dafee ga’u qarqara lageenii facaasuun jiidha aragametti fayyadamuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Ijaarsi hidha Laga Abbayyaa ummata Itoophiyaa birattis pirojektii waloofi mallattoo tokkummaa ta’uurra darbee mancaatii qaqqabsiisaa ture utuu hiqaqqabsiisin akka yaa’u taasisuun injifannoo guddaadha. Yeroo ammaa hidhichi sadarkaa xumuramuurra waan jiruuf xiyyeeffannaan gara fuulduraa hawaasni akkamitti irraa fayyadamuu akka danda’amu qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin hojjechuuf qophiin barbaachisaan xumuramaa jira.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

Recommended For You