Hojifi hojjataa walitti hidhuuf hojjatamaa jira

Adaamaa: Carraa hojii uumuu hojiifi hojjataa walitti fiduurratti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.

Xumura marii paanaalii boqonnaa lammaffaa marsaa 5ffaa “Carraa hojii uumuu, waa’ee Itoophiyaa” jedhuun Adaamaatti Kibxata darbe adeemsifameratti Doktar Xilaaahun akka dubbatanitti, hojiiwwan hedduun hojjattoota hinqaban.

Ministirri Hojiifi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin, Itoophiyaan erga ministeerichi hundeeffamee kaasee dameewwan misooma ogummaa, carraa hojii uumuufi hariiroo hojjechiisaafi hojjataa waliin walqabatan qindeessuun bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuu, akkasumas ijaarsa dhaabbileerrattis bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Utubaawwan jijjiiramaa keessaa tokko, carraa hojii uumuun, yaada baramaarraa kan jijjiiramedha kan jedhan Aadde Mufarihaat, yaadni duraan ture baay’inaan fedhii guyyuufi nyaataa guutuurratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisaniiru.

Kanaaf waajjirri ministeerichaa hojii hojjattoota akkasumas hojiifi ogummaa walitti hidhuuf pirojektota hedduu hojjachaa jiraachuu beeksisaniiru. Faayinaansiin yaada kalaqa haaraafi bu’aaleen kalaqaa ittiin madaalamu faayidaa yaadicha sanaatiin ta’uus ibsaniiru. Qaamolee yaada kalaqaa qabaniif gatii faayinaansii madaaluufi wabii kennuuf hammattoon seeraa qophaa’uus ibsaniiru.

Pirezidaantii Ittaanaan Baankii Misooma Itoophiyaa Obbo Getaachoo Waaqee akka jedhanitti, labsiin yaada kalaqaaratti invasti gochuu dandeessisu raggaasisuuf hojjatamaa jira jedhan. Obbo Getaachoon mataduree, “Galtee maallaqaa carraa hojii uumuuf” jedhuun yaada ka’umsa mariif ta’u kan dhiyeessan yoo ta’u baankiinsaanii hojii misoomsitoota damee qonnaa, industirii maanufaakcharingii, misooma albuudaafi anniisaa maddisiisuurratti bobba’aniif faayinaansii dhiheessuuf akka hojjatu eeraniiru.

Intarpiraayizootaafi dhaabbilee daldalaaf deeggarsa maallaqaa kennuuf ulaagaalee ijoon: omishaafi omishtummaa, omisha, omisha biyya keessaan bakka buusuu, ce’umsa teknoolojii, carraa hojiifi dhimmoota biroo ta’uus ibsanii; Itarpiraayizoota guddisuuf, hojiin qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjachuufi imaammataafi hojmaata haaraa bocuun bal’inaan hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dargaggoo Izaddiin yaada ka’umsa marii mataduree “Carraa hojii uumuu Itoophiyaatti” jedhuun dhiyeesseen carraa hojii uumuun rakkoolee karaa haaraa ta’een furuufi yaada daldalaa maddisiisuu akka ta’u ibsee; Itoophiyaatti wiirtuuwwan inkuubeshiniifi dhaabbilee kaan carraa hojii uumuuf gumaachan dargaggoonni hedduun hubannoon akka taasifamu hubachiiseera.

Gama biraatiin Intarpiraayizoota keessatti misooma humna namaatiif xiyyeeffannaan kennamuun nihojjatama kan jedhan ministirittiin, kunis gufuulee leenjii, teknoolojii, faayinaansiifi dhimmoota biroorratti mul’atu furuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You