Halaabaatti omisha barbaree kuntaala kuma 120 ol argachuuf hojjetamaa jira

Halaabaa: Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti kan argamu Godinni Halaabaa omisha barbateetiin beekama. Barbareen godinichaa gabaarratti daran barbaadamaafi filatamaadhas.

Qajeelcha Qonnaa Godina Halaabaatti, Ittigaafatamaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Qonnaa Obbo Huseen Roobaa turtii dheengadda waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti; Halaabaafi barbareen walitti hidhamiinsa cimaa qabu. Barbareen ibsituu godinichaati. Godinichatti barbareen waqtii arfaasaafi gannaa omishamaa jiraachuu himu.

Hojiin sanyii barbaree omisha fooyya’aa kennu baay’isuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuus himanii, biqiltuu barbaree dhaabuun dura bakki filatama; erga dhaabamees yeroo sadii hanga afurii shooggarama; barbareen akka omisha fooyya’aa kennuuf xaa’uu yuuriyaafi daappii dachaadhaan barbaada jedhan.

Qulqullina barbaree eeguuf qonnaan bultoonni oobdii simintoodhaan hojjetame ykn cichaa lafarra ol kaafamee hojjetamerratti qoorsuu akka qabanis eeraniiru.

Godinichatti barana lafa heektaara kuma sagaliifi 270 omisha barbareetiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, kanarraas barbaree kuntaalli kuma 120 ol eegamuu ibsu.

Lafa heektaara tokkorraa barbaree kuntaalli 14 hanga16tti argamaa jiraachuu dubbatanii; lafa heektaara tokkorraa giddugaleessaan kuntaala 11 argamaa jiraachuus eeraniiru.

Dhukkubni barbaree omisha barbareerratti dhiibbaa uumaa jiraachuus ibsanii; dhukkubichi yeroo bokkaan baay’inaan roobutti akka mudatuufi babal’atu himaniiru. Dhukkuba kana ittisuuf ammallee qo’annoofi qorannoo bal’aa barbaada jedhan.

Omishaafi omishtummaa barbaree guddisuuf yuuniyenota waliin ta’uun sanyii fooyya’aa baay’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Huseen, qonnaan bultoonni godinichaa omisha barbareerraa bu’aa guddaa argataniin jireenyasaanii fooyyeffachaa jiraachuu eeraniiru.

Qonnaan bulaan waggaa tokko keessatti omisha barbareerraa qarshii miliyoona tokkoo ol argatan eeranii; barana godinichatti barbareen kuntaalli tokko hanga qarshii kuma 600tti gurguramaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti barana alergii barbareefi roozmariirraa galii doolaarri miliyoona 12 ol argamuufi kana keessaa barbareen harka caalu akka qabu beeksisaniiru.

Lafti godinichaa %90 ol makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuuf kan mijatu ta’uufi waqtii arfaasaa lafti %80 caalu tiraaktaraan qotamaa jiraachuu eeranii; godinichatti boqqoolloon, boloqqeen, daagujjaan, qamadiin, xaafiin, dinnichiifi raafuunis bal’inaan akka omishaman ittigaafatamtichi himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

 

Recommended For You