
Finfinnee: Hidhattoonni ABO Shanee Gujii keessa socho’aa turan daandii nageenyaa filachuun guyyaa guyyaatti deebi’aa jiraachuu Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Nageenyaafi Bulchiinsa Godinichaa Obbo Jaarsoo Goobanaa ibsan.
Obbo Jaarsoon ibsa addatti Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, torban kana si’a tokkotti qofa hoggansa garichaa lama dabalatee hidhattoonni karaa nagaatti deeb’aniiru. Hanga oduun kun qindaa’etti hidhattoonni garichaa hidhannoo guutuu waliin guyyaa guyyaan karaa nagaatti deebi’aa jiru.
Qondaala Olaanaa ABO/WBO Zoonii Oromiyaa Kibbaa kan ture Caalaa Habtaamuu ykn maqaa qabsoo Boonaa Barii akkasumas Notee Waaqoo maqaa qabsoo Obboloo Shayii jedhaman dabalatee miseensonnisaanii baay’een karaa nagayaa filachuun deebi’uu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, aanaalee 12fi gandoota 267 godinichi qabu keessaa hojii nageenya kabachiisuu hojjetameen gandoota muraasarraa kan hafee nageenyi waara’eera. Gandoota godinichaa afur shan hincaalle Boorana Bahaafi Gujii waldaangessanitti humni ABO Shanee socho’aa ture ammaan tana guyyaa guyyaan karaa nagaatti deebi’aa jira.
Godinichatti qaamni ABO Shanee ummata nagaa dararuu, qondaaltota mootummaa galaafachuun gama dinagdeefi hawaasummaan gaaga’ama lakkoofsa hinqabne dhaqqabsiisaa tureera. Lammiilee nagaa ukkaamsuun qarshii miliyoonaan lakkaa’amu gaafataa turuu yaadachiisanii; namoota qarshii hinqabne saddeet hidhuun dararuu bira darbee namni isaan ibiddaan gubanii lubbuu dabarsan jiraachuullee ibsaniiru.
Qodaaltotaafi hidhattoonni gara nagaatti deebi’an kunneen wayita hawaasaan simatamanitti yaada kennaniin, qabsoo keessatti injifatamuun matumtisaa galma qabsoo ta’uufi badii dhaqqabsiisaa turaniif gaabbii guddaan ittidhaga’amuu ibsuusaanii Obbo Jaarsoon dubbataniiru.
Kana booda qabsoon hidhannoo Oromiyaa keessatti badii malee bu’aa akka hinqabne qaamoleen gara nagaatti deebi’an warra bosonatti hafaniif waamicha dhiyeessuus ibsaniiru.
Qaamolee gara nagaatti deebi’an kunneen deebisanii dhaabuufi haala isaan gara hojiisaanii idileetti deebi’anirratti mariin qaamolee hunda hirmaachise adeemsifamuus eeraniiru.
Hoggansaafi miseensa WBO bosona keessatti qabsoo gaggeessaa ture waamicha karaa nagayaa filachuun galan bakka Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin Biyyaafi Hoggansi Naannoo, Godinaafi Aanaalee bakka argamanitti simannaa ho’aan taasifameera.
Oduudhuma walqabateen, hoggansi olaanaan Shanee Oromiyaa, godinaalee Gujiifi Booranaatti garee badii gurmeessaafi bobbaasaa turan karaa nagaatti deebi’uusaanii Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.
Kanneen karaa nagaatti deebi’an keessaa ajajaan garichaa Boonaa Bariifi ittigaafatamaan bobbii waliigalaa garichaa Obboloo Saayi Boonsaa kan eeraman ta’uunis ibsameera.
Karaa nagaatti deebi’uun mo’amuu otoo hintaane qaroomina kan jedhe Boonaan; addummaa yaadaa afaan qawweetiin otoo hintaane mariifi karaa qaroomeen furuun furmaata ta’uu hubachuu eereera.
Obboloo Shayiis gamasaatiin, waamicha jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaatiin akkasumas raayyaa ittisaatiin taasifameef fudhatee miseensotasaa wajjin hidhannoo faana karaa nagaatti deebi’uu ibseera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017