Guddina dinagdee biyyaatiif waldaaleen daldalaafi mootummaan walittidhiyeenyaan hojjechuu qabu

Manni Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaa daldaaltotaafi waldaalee Oromiyaa keessa jiraniif tajaajila kennuufi mirgasaanii kabachiisuuf Amajjii 9, bara 1999 hundaa’e.

Mul’annisaaniis bara 2027tti dinagdee biyyaa seektara dhuunfaatiin durfamu dhugoomsuudha jedhan Pirezidaantiin Manneen Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaafi Itoophiyaa Obbo Sabsib Abbaafiraa Abbaajoobir waltajjii marii tibbana Finfinneetti adeemsifamerratti.

Manneen maree 165 Oromiyaa keessa jiraachuu eeranii; isaanis dabaree dabareedhaan muuxannoo waljijjiiru jedhan. Kaayyoon kanaas manneen maree daldalaa muuxannoo hojiiwwan ciccimoo qaban yookiin gitootasaaniif akka qoodaniif ta’uu ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti manni maree miseensota horachuurratti cimaa ta’e, buusii walitti qabachuurratti milkaa’eefi mootummaa waliin hojjachuun maqaa gaarii qabu muuxannoosaa qoodee warra kaanirraa ammoo ni fudhata.

Waljijjiirraan muuxannoo kun bara 2006 kan jalqabame ta’uu himanii, inni kun marsaa 13ffaaf qopheessummaa Magaalaa Shaggariin Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti gaggeeffamuu eeran.

Manni marichaa mirga labsii 341/95n kennameef irratti hundaa’ee kaayyoon Manneen Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaa hawaasa daldalaatiif tajaajilawwan adda addaa kennuu, daldalafi invastimantii jajjabeessuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, mootummaafi hawaasa daldalaa jidduutti akka riqichaatti tajaajiluu, hojiiwwan mirga daldalaa kabachiisuufi miseensotaaf leenjiiwwan nikenna jedhan.

Manneen maree daldalaa naannolee biroos saganticharratti akka taajjabdootaatti hirmaachuu eeranii; isaanis manneen maree daldalaa akka Oromiyaafi magaalotaatti Oromiyaa keessa babahamiidha.

Saganticharratti manneen maree tajaajila hawaasa daldalaa kennuudhaan, tajaajila mana maree daldalaa haala labsiitiin kennan, hojmaata Mana Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Oromiyaa eeganii hojjatan sadarkaa geebaa hanga sartifikeettiitti badhaafamaniiru.

Manneen maree sadii hojmaata mana maree qofa eeguun osoo hintaane buusii miseesummaa guddaa buusuufi leenjiilee guguddoo kennuudhaan badhaafamaniiru.

Haaluma kanaan manneen maree daldalaa Jimmaa, Shaggariifi Naqamtee waancaa badhaafamuu danda’aniiru. Waljijjiirraan muuxannoo manneen maree jidduutti jalqabe kun magaalotas dorgommii keessa galchuu dubbatu.

Gama biraatiin manni marichaa daldaltoota gama teknolojiitti madaqsuuf hojjachaa jiraachuu Obbo Sabsin ni ibsu. Hawaasni daldalaa guddina biyyaa keessatti akka gaheesaa bahatuuf mootummaan shoorasaa bahuu akka qabus dhaamaniiru .

Daldalli biyya keenyaa gabaa bilisaa yoo hordofe seektarri dhuunfaa nijajjabaata, guddina dinagdee biyya keessaafillee hanga yaadamee ol gumaachuu danda’u. Sadarkaa amma jiruun gaheen seektara dhuunfaa gadaanaadha. Rakkoo kana furuuf mootummaan dhaabbilee dhuunfaa jajjabeessuufi gabaa bilisaa kana cimsuu qaba jedhan.

Sagantaa waljijjiirraa muuxannoo kanarratti naannoleen biroos akka taajjabdootaatti hirmaataniiru. Daldalaan hundi miseensa ta’uun mirgaafi dirqamasaa bahachaa guddina dinagdee biyyaa keessatti gaheesaa bahuu akka qabu dhaaman pirezidaantichi.

Saganticharratti haasawa kan taasisan Barreessaan Olaanaan Manneen Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraa Itoophiyaa Doktar Qananiisaa Lammiis, milkaa’inni yookiin kufaatiin dhaabbata tokkoo milkaa’ina yookiin kufaatii gaggeessaarraa madda jedhan.

Kanaaf gaggeessitoonni dhaabbilee kanneeniis gaggeessitoota ciccimoo ta’uu akka qaban dubbatu. Manneen Maree Daldalaafi Waldaalee Seektaraas namoota beekumsa, dandeettiifi muuxannoo qabaniifi haala addunyaa daldalaa xiinxaluu danda’aniin gaggeeffamuu qaba jedhan.

Ilaalchi daldalaa kanaan duraa walmorkii ta’us bara ammaa garuu kan gaafatu waldorgommiidha. Kanaafuu hawaasni daldalaas karaa sirriin waldorgomuu qaba.

Hawaasa daldalaa walbarsiisuufi akka waliin dalagan taasisuunis nibarbaachisa. Kayyoonsaas dhaabbilee dhuunfaa dinagdee biyyaa keessatti dhiibbaa uumuu danda’an akka baasuu danda’aniif ta’uu eeraniiru.

Addunyaarratti dhaabbileen dhuunfaa dinagdee biyyootaa dhibbantaa 70 hanga 90 uwwisu. Biyyi keenyaas gara dinagdee dhaabbilee dhuunfaatiin durfamuutti deemaa waan waan jirtuuf ammumaa kaasee hojjetamuu akka qabu dhaaman.

Kaayyoon manneen maree daldalaafi waldaalee seektaraa dhaabbilee daldalaa dhuunfaafi mootummaa walittifiduudha. Mootummaan haala mijataa dhaabbilee dhuunfaatiif uumuuf gahee guddaatu irraa eegama. Seerotniifi qajeelfamootni bahan dhaabbilee dhuunfaa gara fuulduraatti kan adeemsisan ta’uu qabu.

Kanaafuu mootummaan yeroo seerotaafi qajeelfamoota baasu dhaabbilee dhuunfaa mariisisee akka isaan guddina dinagdee biyyaa keessatti shoorasaanii taphataniif haala mijeessuu qaba. dhaabbileen dhuunfaas seerotaafi qajeelfamoota hordofaniifi eeganii deemuu qabu.

Kana keessatti dhaabbilee seerotaafi qajeelfamoota cabsan seeraatti fiduu keessatti gaheesaa bahachuu qaba. Akka fakkeenyaattis daldaaltotni seeraan alaa dhaabbilee seeraafi qajeelfamootaan gurmaa’an waan quucarsaniif seeraafi qajeelfamoota hojiirra oolchuun kan mootummaati jedhan.

Bu’uura qorannoo Baankii Addunyaa ALA 2023/2024tiin akka biyya keenyaatti dhaabbileen dhuunfaa dinagdee biyyaa keessatti gahee dhibbantaa 40 gadi qofa qabu.

Sababa mootummaan dhaabbilee dhuunfaatiif xiyyeeffannoo kenneef gaheen dhaabbilee dhuunfaa dinagdee biyyaa keessatti qaban fooyya’iinsa agarsiseera. Sirni kanaan dura ture dhaabbilee dhuunfaa duubatti dhiibaa kan tureefi jijjiiramaa as garuu riifoormii dinagdee taasifameen dhaabbileen dhuunfaa gara fuulduraatti dhufaa jiru.

Riifoormii dinagdee taasifameen dhaabbileen dhuunfaa sochiilee dinagdee guguddaa keessa galaniiru. Kunis ta’uu kan danda’eef xiyyeeffannoofi riifoormii dinagdee mootummaan baaseeni jedhu. Kanarraa ka’amee dhaabbileen dhuunfaafi guddinni dinagdee fuula saantima tokkooti jechuun nidanda’ama jedhan barreessichi.

Saganticharratti kan hirmaatan Obbo Abbabaa Tasfaa’alam Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti; sirni waljijjiirraa muuxannoo kun gaggeeffamuun hawaasni daldalaa akka walbaru taasisa, adeemsa hojii mootummaatiif haala mijataa uuma.

Daldaaltonni yoo mari’ataniifi muuxannoo waljijjiiran faddaalaafi daldala seeraan alaaf hinsaaxilaman. Sagantaan kun abbootiin qabeenyaa Oromiyaa keessa jiran akka walbaran taasisa. Barri kan teknolojii waan ta’eef gabaa idiladdunyaa taasisuun nidanda’ama jedhan.

Hirmaatan biraa Obbo Caannee Biitawus, akka himanitti hawaasni daldalaa muuxannoo waljijjiiruufi qaamolee mootummaa waliin mari’achuun daldala biyyattii ammayyaafi teknolojiidhaan deggerame taasisa.

Hawaasni daldalaa osoo carraa akkanaa hinargatin turuun sochii daldalaa bara wajjin deemu uumuuf danqaa ture. Mariifi muuxannoo waljijjiiruun garuu dhaabbilee gurmaa’inaafi teknolojiidhaan hundeeffaman akka ta’an gargaara jedhan.

Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Doktar Kaasaahun Goofee saganticharratti akka jedhanitti; addunyaarratti si’ana sochiin daldalaa gaggeeffamu walitti hidhamiinsa duudhaafi daldalaatiin kan durfamuudha. Walitti dhufiinsi daangaa ce’e kan ittiin gaggeeffamu tokko daldala.

Manni Maree Daldalaafi Waldaalee Sektaraa Oromiyaa hawaasa daldalaa jidduutti waljijjiirraa muuxannoofi marii taasisuun sadarkaa biyyaafi idiladdunyaatti haalota jiran kan hubachiisudha jedhan.

Muuxannoo hawaasa daldalaa waljijjiiruufi mari’achiisuun walitti dhufeenya seektara dhuunfaafi mootummaa jidduu jiru kan cimsu ta’uus dubbataniiru. Manneen maree daldalaafi waldaalee seektaraa lafee dugdaa misooma seektara dhuunfaa, hawaasa daldalaafi riqicha hojiirra oolmaa imaammata mootummaa ta’uus eeraniiru.

Mootummaan hawaasa daldalaa waliin adeemsa qindaa’arra jira jedhanii; biyya keessatti jijjiirama bu’uura seektarri daldalaa fide keessaa omishtootaafi shamattoota kallattiin kan walitti fidu gabaan Sanbataafi Dilbataa tokko ta’uu ibsan.

Kunis garaagarummaa bal’aa dhiheessiifi fedhii jidduu jiru darbees qaala’iinsi jireenyaa madaalesseera jedhu. Itoophiyaan hundeessituufi miseensa Zoonii Daldala Bilisaa Afrikaa ta’uusheetiin yeroo dhihootti yaalii daldala bilisaa Afrikaa nijalqabdi jedhan. Dhumarrattis sagantaan muuxannoo waljijjiiruu 14ffaa qopheessuuf Magaalaan Jimmaa waancaa fudhateera.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017

Recommended For You