
Akkuma kan barachuu danda’e barsiisuu danda’a jedhamu lammiileen Itoophiyaa yoo ciminaafi kufaatii keenya darberraa baranne hirkattummaa gargaarsaarraa walaboomuufi daandii kadhaarraa gara omishtummaatti ce’uuf barbaachisurra imalle warra kaaniif fakkeenya ta’uu dandeenya.
Hirkattummaan gargaarsaa gaalee hiikaawwan adda addaa qabuudha. Ta’us hirkattummaan gargaarsaa gara caalu hiikaa bal’aa of keessatti qabateen amalliifi sababiiwwan gargaarsaa ijoorratti xiyyeeffachuurra oggaa gargaaramtoota qeenxeerratti fuulleffatu hubatama.
Haalota gargaarsaaf nama saaxilanis ta’e gara hammattoo gargaarsaatti seenuuf namoonni kan dirqamaniif isaanirraa gargaarsa barbaaduufi isarratti hirkataa ta’uuf hawwuufi fedhii wajjin kan walqabatu miti.
Namoonni yeroo ta’e tokko gara gargaarsaatti seenanis achi keessa turuuf kan dirqaman filatanii miti. Kanaafuu, hirkattummaan gargaarsaa haala gargaaramtootaa ibsuun ala haalota hedduu gargaarsa keessatti hirkattoota taasisee isaan tursiisu kan ibsuudha.
Oggaa hirkattummaa gargaarsaarraa walaboomuu jedhamus gargaaramtoota gargaarsarraa addaan baasuu otoo hintaane haalota gargaaramuuf dirqisiisaniif furmaata kennuun akka gargaaramtoonni filmaata argataniif bayyanatii misoomatti akka seenan gochuun barbaachisaadha. Gargaaramummaan hirkattummaa siyaasaaf, misoomaaf gufuu, gocha malaammaltummaafi hojmaata badaafis kan saaxilameedha.
Akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana jedhan, mul’anni gargaaramummaafi hiyyummaa jalaa bahuu akka milkaa’uuf Itoophiyaanonni tattaaffii guddaa gochuu qabu jedhan biyyattiin gocha kana keessaa akka baatuuf lammiileen cichoominaan hojjechuu qabu.
Gargaaramuun Itoophiyaaf cabiinsa balaafamaadha. Ofjijjiiruu mannaa kanneen biroo kadhachuufi harka namaa eeganii jiraachuun qaaniifi cabiinsa xiinsammuu kan hordofsiisuudha. Biyyi guddaan kun ofdanda’uu dadhabdee kadhachuunshee gonkumaa fudhatama hinqabu.
Nuyi gargaaramnee dhaloota gargaaramuu dhaalchisuu hinqabnu. Gargaaramuun numarratti dhaabachuu qaba. Mootummaan cabiinsa guddaa gargaaramuun uume suphuun gargaaramuu jalaa bahuu qofa osoo hintaane gargaaraa taanee jijjiirama fiduu qabna. Kanaafis kutannoon halkanii guyyaa hojjechuu barbaachisa.
Kanuma tilmaama keessa galchuun sadarkaa bulchiinsaa gadiitti bu’uun ummata waliin marii bal’aan taasifameera. Deebiin ummata biraa argames gammachiisaafi abdachiisaadha.
Haa daddafnu, haa uumnu, haa hojjennu. Kadhaan haa gahuun sagalee Itoophiyaanotaati. Gargaaramuu jalaa bahuun ejjennoo waloo mootummaafi hawaasaa ta’uu qaba.
Hojii mootummaafi ummanni gargaaramuu jalaa bahuuf hojjetaniin jijjiiramni mul’atu dhufeera. Bara 2012 Itoophiyaatti gargaaramtoonni miiliyoona 27tu turan. Lakkoofsi kun bara 2017tti gara miiliyoona 3.9tti xiqqaachuun akka fakkeenya gaariitti kan eeramuudha.
Mootummaan waggoota muraasa keessatti Itoophiyaa guutummaatti gargaaramuu jalaa baasuuf manii qabatee hojjechaa jiru caalaatti cimsee itifufuu qaba. Gargaaramummaan gocha dhalootatti darbuu hinqabne waan taa’eefis hawaasni bal’aan kanarratti kutannoofi xiiqiidhaan socho’uu qaba.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017