
Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaaffiifi deebii tibbana ‘EBC’ waliin taasisaniin, karaa Itoophiyaan ulaa galaanaa ittidhabde akka isaan gaabbisiisu ibsuun, Itoophiyaan waggoota 30 darbaniif ulaa galaanaa dhabuu yaadachiisanii, gama kanaan badiin biyyoota addunyaa buufata hinqabnerratti hinraawwatamne Itoophiyaarratti raawwatamuu kaasaniiru.
Yaada Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhu utuu ministira muummee hinta’iin dura kaasaa akka turan eeruun, dhimmichi ajandaa yeroo dhiyoo akka hintaane hubachiisaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheetiin miidhaa guddaan irra gahuu, osoo qaama kamiinuu hinmiidhiin miidhaa Itoophiyaarra gahe hir’isuu akka qabnu kaasuun, gaaffiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa dhimma furmaata hatattamaa barbaadu ta’uu ibsaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu ishee mariifi seeraan deebii akka argatuuf tattaaffiin taasiftu cimee kan ittifufu ta’uu kaasaniiru.
Rippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 7 Bara 2017