“Ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan jiran hunda hojiirra oolchuun dirqama” – Hayyoota Siyaasaa

Finfinnee: Haala qabatamaa jiruun Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan jiran hunda hojiirra oolchuun dirqama ta’uu Hayyootni Siyaasaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf yaada kennan ibsan.

Itoophiyaan yeroo tokko ulaa galaanaa qabduun olaantummaan sochii Galaana Diimaarraa to’achaa turte sababa shira siyaasaatiin erga harka dachaafattee waggoota dhibba ta’an gara lakkaa’amuuti. Ummata miliyoona 120 ol ta’u qabatanii guddina dinagdee saffisaa galmeessaa ulaan galaanaa addunyaatti gadiba’aniin dhibuun gaaffii dhaloota har’aa ta’eera.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Walittiqabaan Garee Michummaa Paarlaamaa Itoophiyaafi Gamtaa Awurooppaa Ambaasaadar Diinaa Muftii akka jedhanitti, ulaa galaanaa shiraan miliqe qajeeltoo kennanii fudhatanii gonfachuuf mootummaan jijjiiramaa erga sochii eegalee bubbuleera. Itoophiyaaf gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii qananii osoo hintaane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhiisuu ta’uu hawaasni idiladdunyaa hubachuurratti argama. Shirri gaaffii kana tirachiisuus bal’inaan mul’achaa jira.

Haa ta’u malee, raafamni siyaasaa Gaanfa Afrikaa biyyoota olloota Itoophiyaatti mudateefi mudataa jiru fedhiin Itoophiyaa akka harkifatu taasiseera jedhanii; ta’us Itoophiyaan gama tokkoon raafamni siyaasaa ollaashee akka tasgabbaa’u qooda ba’achaa gama biraan ammoo qajeeltoo kennanii fudhachuun ulaa galaanaa argachuuf yaalii eegalte ittifuftee jiraachuu yaadachiisaniiru.

Itoophiyaan faayidaa biyyaalessaashee kabachiisuuf tarkaanfii humnaa dabalatee filannoo jiru hunda hojiirra oolchuun dirqama ta’uu mala jedhanii; filmaatawwan jiran lafa kaa’uun, garuu ammoo qajeeltoon kennanii fudhachuu haala amma jiruun tirataa fakkaatus hanga dhumaatti itti adeemuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Amma ulaa galaanaa dhabuun mataa qabatanii boo’uufi sababoota garagaraa dhiyeessuu osoo hintaane waan dhaban argachuuf mala soquun eegalame cimee ittifufuu qabas jedhaniiru.

Hayyuun Siyaasaafi Barsiisaan Yuunivarsitii Siviil Sarvisii Itoophiyaa Doktar Mulugeetaa Dabbabaa gamasaaniin, ulaan galaanaa buufata doonii, qabeenya galaana keessaafi buufata humna waraanaa galaanarra deeman ofkeessatti waan hammatuuf guddina biyya tokkoof dhimma murteessaadha. Omishaafi omishtummaa dabalaa jiru alatti erguun guddina yaadan bira ga’uuf ulaan galaanaa Itoophiyaa dirqama.

Itoophiyaan biyya guddoo, gubbaa hanga gadiitti olaantummaan Galaana Diimaa hogganaa turtedha. Fincila biyya keessaa Shaabiyaa, Addda Bilisa Baasaa Ogaadeeniifi kanneen biroon bara 1969 Itoophiyaan filannoo ummataa taasifamerratti hirmaachuu dadhabdee Jibuutii dhabde. Boodarras Ertiraan Shiraan akka foxxoqxu taasisuun Galaana Diimaa hogganuu mitii qooda fudhachuuyyuu dhorkamte jedhaniiru.

Itoophiyaan biyya diinotaan marfamte taatus sochiin qajeeltoo kennanii fudhachuufi hojiin dippiloomaasii taasisaa turteefi taasisaa jirtu fudhatama argachaa jiraachuu eeranii; sochiin dippiloomaasii milkaa’uu baannaan fedhii biyyaalessaashee kabachiisuuf filannowwan jiran hunda fayyadamuuf kan dirqamtu ta’uu ibsaniiru.

Hundaa ol garuu, ulaa galaanaa waggaa 100 ol shiraan dhabame yeroo gabaabaa keessatti harka galfachuun rakkisaa waan ta’eef obsaafi qajeeltoo kennanii fudhachuutti cichuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You