
Finfinnee: Shaampiyoonaan Walakkaa Maraatoonii Itoophiyaa 18ffaan boru, Waxabajjii 1 bara 2017 ka’umsaafi ga’umsasaa Addababa’ii Masqalaa taasifachuun gaggeeffama. Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsa Kamisa darbe kenneen akka jedhetti, federeeshinichi sadarkaa dorgommii kanaa olkaasuuf tilmaamaan qarshii miiliyoona 2.7 ta’u baasii taasisuun qophii barbaachisu xumureera.
Dorgommii biyyaalessaa kiiloo meetira 21n gaggeeffamaa ture kana kan duraanii caalaa haala fooyya’aa ta’een gaggeessuuf hojii bal’aan hojjetamuu Daarektarri Dorgommiifi Sirnoota Federeeshinichaa Obbo Asfaawu Daanyee ibsaniiru,
Fuulduratti dorgommichi idiladdunyaawaa akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuus eeranii; kanaafis koorsiiwwan dorgommichi irratti taasifamu mijataa ta’uu, akkaataa ittimadaalame, baay’ina abbootii murtii idiladdunyaa dorgommicharratti hirmaataniifi kkf akka barbaachisan himaniiru. Kunis ogeessota idiladdunyaatiin kan madaalame ta’uu ibsaniiru.
Yeroo jalqabaatiif sa’aatiin tokko tokkoon atileetotaa haala ammayyaatiin (‘chips timing system’)n akka galmaa’u himaniiru. Abbootii murtii federeeshinichaa sadarkaa idiladdunyaatti leenji’an 60 dabalatee ogeeyyiin 150 dorgommicha akka gaggeessan eeraniiru.
Shaampiyoonaan duraanii Maaraatoonii Addunyaa Goytatoom Gabrasillaasee, Mogas Xi’umaayifi atileetonni bebbeekamoon biroos koorniyaawwan lamaanirraa akka hirmaatan Obbo Asfaawu dubbataniiru.
Hogganaan Waajjira Federeeshinichaa Obbo Yohaannis Ingidaas gamasaaniin akka jedhanitti, kaayyoon dorgommichaa atileetonni naannoleefi bulchiinsa magaalotaa, kilabootaafi dhaabbilee hirmaatanirraa dhufan carraa dorgommii daandiirratti hirmaachuu akka argatan taasisa.
Atileetonni muuxannoo dorgommii biyya keessaa akka horatan gargaaruuf, atileetota bakka bu’oo horachuuf, atileetota dorgommicharratti bu’aa fooyya’aa galmeessisan badhaasa kennuudhaan jajjabeessuunis kaayyoo dorgommichaa ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan atileetota 1ffaa hanga 6ffaa bahanii xumuraniif badhaasni maallaqaafi meeshaalee ispoortii akkasumas injifattoota gareetiif waancaafi qarshiin kuma 80 hanga kuma 16 badhaasaaf qophaa’uu eeraniiru.
Federeeshinichi kanaan dura fiigicha walakkaa maaraatoonii cinatti fiigicha kiiloo meetira shanii kan ummanni irratti hirmaatu gaggeessuuf yaada qabaachuunsaa niyaadatama.
Ta’us sagantaan dorgommii walirratti baay’achuufi sababoota birootiin federeeshinichi dorgommii fiigichaa ummanni irratti hirmaatu kana adeemsisuu akka hindandeenye Obbo Yohaannis ibsaniiru. Gara fuulduraatti garuu federeeshinichi kana milkeessuuf hojmanee fudhachuun nihojjeta jedhaniiru.
Ogeessi olaanaan komunikeeshinii federeeshinichaa, Obbo Mahaarii Nagaashis Pirezidaantii federeeshinichaa Komaandar Silashii Sihinirraa jalqabee miseensonni raawwachiiftuu hojii hundi dorgommicha idiladdunyaawaa taasisuuf akka carraaqan himaniiru.
Shaampiyoonaan baranaa kanneen kanaan duraarraa adda ta’uufi sadarkaadhaanis olaanaa ta’uu ibsanii; kanaafis qophiin barbaachisu taasifamuu himaniiru. Dorgommichi barii sa’aatii 12:00 irraa eegalee kallattiin televizhiniidhaan akka tamsa’u eeraniiru.
Shaampiyoonichi waggoota lamaaf addaan citee turuus yaadachiisanii; barana oggaa yeroo 18ffaaf gaggeeffamus kilaboonniifi dhaabbileen 21, akkasumas bulchiinsi naannoleefi magaalaa sadii nihirmaatu. Walumaagalatti atileetotni 535 dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa 156 dubartoota, 389 ammoo dhiirota jedhan.
Atileetonni beekamoon dorgommii biyyaalessaa hedduurratti maqaa qaban nihirmaatu jedhamee erga ibsamee booda atileetonni nihirmaatu jedhamus oggaa hirmaatan hinmul’atan.
Kanarratti Obbo Asfaawu ibsa kennaniin, “Nuti nihirmaatu jennee kan ibsinu tarree kilaboonni ykn naannoleen nihirmaanna jedhanii nuu erganirratti hundaa’uuni. Nuti atileetonni beekamoon dorgommii biyya keessaarratti akka hirmaatan nibarbaanna, garuu hinhirmaatan. Kanaan walqabatee akeekkachiisa kennineerra, ammas irradeebisnee yaadachiisuu barbaanna” jedhan.
Atileetonni beekamoon dorgommiiwwan akkanaarratti hirmaachuunisaanii dargaggootaafi atileetota lafaa dhufoof kaka’umsaafi hamilee guddaa ta’a jechuun ibsaniiru.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017