Oromiyaatti hektaara miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwisuuf hojjetamaa jira

  • Guddistuun callaa kuntaala miliyoona 2.9 qonnaan bulaa dhaqqabeera
  • Biqiltuu biliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfameera

Finfinnee: Oromiyaatti qonna ganna bara 2017tti hektaaraa miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise. Lafa sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiru keessaa hektaarri miliyoona lama tuqaa torba qamadii ta’uun ibsameera.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, naannichatti qonna gannaa bara 2017tti hektaara miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwifamurraa callaa midhaan akaakuu garagaraa kuntaala miliyoona 368 ol argamsiisuuf hojjetamaa jira. Callaa eegamurraa kuntaalli miliyoona 130 ta’u callaa qamadiitti karoorfamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, karoora hojii biirichaa baranaa milkeessuuf sochiiwwan qonnaa baroota darbanii yaada keessa galchuudhaan qonnaan bulaarraa hanga ogeessota biirootti waliin qophiiwwan adda addaa taasifamaniiru. Hanga ammaatti hojii hojjetameen qophiin lafa hektaara miliyoona saddeetii qophaa’era.

Gama dhiyeessiifi raabsa guddistuu callaatiin guddistuu callaa kuntaala miliyoona 6.2 hanga ammaatti dhiyaate keessaa kuntaalli miliyoona 2.9 harka qonnaan bultootaa ga’eera. Sanyii filatamaan kuntaala miliyoona 1.7 dhiyaachaa jiraachuu himanii; yeroo hafe keessatti dhiyeessiifi raabsiin callaa guddistuu cimee ittifufa jedhaniiru.

Midhaan facaasuutti dabalee misoomni ashaaraa magariisaa hojii tibba gannaatti xiyyeeffannaan kennameefii hojjetamu keessaa tokko waan ta’eef barana biqilltuu biliyoona 5.5 dhaabuuf karoorfameera. Hojii qophii biqilaa hanga ammaatti taasifameen biqiltuun biliyoona 4.6 qophaa’uu ibsaniiru.

Godinaalee Oromiyaa tibbi gannaa dafee eegalu akka Booranaatti dhaabbiin biqiltuu yeroo ammaa eegalameera. Godinaalee hafanitti akkuma ganni seenuun dhaabbiin biqiltuu kan ittifufu ta’a. Biqiltuu bara darbe dhaabbatan tibba bonaatti hordoffiifi kunuunsa taasifameen %90 qabachuu himnii; ganna baranaattis bakka goge bakka buusaa kanneen qabatan kunuunsaa haaraa dhaabuudhaan hojii ittisa dhiqama biyyeefi eegumsa madaala qilleensaa cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Hordoffiifi to’annoo balaa tasaa rooba gannaa (lolaan) hordofee mudachuu danda’u odeeffannoo raaga haala qilleensaa Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaarraa kenname bu’uura godhachuun ofeeggannoon akka taasifamuuf ittifufiinsaan nihojjetama jedhan.

Yeroo ammaa odeeffannoon inistitiyuutichaan darbes qonnaan bultoota bira akka ga’u ta’eera. Kutaalee Oromiyaa raagi inisititiyuutichaa lolaan mudachuu mala jechuun akeeketti ittisa balaa duraa xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Tibbi gannaa tibba hundumtuu dadhabbiin hojii qonnaarratti hirmaatu waan ta’eef karoora ba’e milkeessuuf hawaasi, gaggeessitootni hojii sadarkaa sadarkaan jiran gumaacha irraa eegamu akka ba’aniif Obbo Bariisoon waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You