“Mufattoonni tokko tokko fedhiinsaanii Araat Kiiloo malee nuwaliin hojjechuuf hinturre” – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ijaarsa Itoophiyaa haaraaf koottaa nuwaliin hojjedhaa jennee biyya hambaarraa kan qaamolee adda addaa waamne caalmaa yaadaatiin siyaasa gabaan barbaadu qabatanii akka dorgomaniif malee alkallattiin Araat Kiiloo akka galaniif miti jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad gaafdeebii tibbana Televizhinii Itoophiyaa waliin taasisaniin ijaarsa biyyaa keessatti caalmaa yaadaafi miirri tokkummaa kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Bu’uuruma kanaan mootummaan jijjiiramaa lafa qabachuu hordofee kanneen ilaalcha siyaasaa gara garaa qaban biyya hambaatti ari’amanii turan dhufanii biyyasaanii akka ijaaran taasifamuu kaasu.

Kanneen biyya hambaarraa dhufan kunniin erga biyya gahanii booda ilaalcha dimokraatawaan ijaarsa biyyaa keessatti akka qooda fudhatan kanamalees caalmaa yaadaatiin dorgomaa akka ta’an taasifamanis kan waamame hundi Araat Kiiloo galuuf kaka’aa turuu dubbatu.

Dhugaa dubbachuuf akka namoonni muraasni jedhanitti kanneen biyya hambaarraa deebi’an muraasni ilaalcha faallaa sirnaa kan qaban akkuma jiran kanneen ijaarsa biyyaas ta’e hawaasummaa biyyaa keessatti bu’aa gurguddaa buusuun ofis kan fayyadan hedduun jiraaachuu Doktar Abiyyi nihimu.

Isaan waliin hojjechuurraa kaasee dimokraatawaa ta’anii ijaarsa biyyaa keessatti bu’aa kan buusan baay’eedha jedhanii tarkaanfichi kan nama onnachiisu ta’uu yaadachiisu.

Haata’u garuu erga dhufanii booda waan yaadan sana harka keenyarraa dhabnaan mufatanii imala jijjiiramaa faallessuun daandiirraa kaataniiru. Kun ta’uu hinqabu ture. Ta’us kanneen xiyyeeffannoon nuwaliin bahan ammallee ijaarsa biyyaa keessatti bu’aa buusaa jiru. Kanneen haaloo garaa keewwatanii siyaasa dhokataan socho’uu barbaadan akkaataa yaadan sanaan tarkaanfachuu hindandeenye.

Kan biyyaa ari’atamanii turan biyya keessa seenanii akka hojjetaniif wamichi taasifame kutannoo siyaasaa sirriiti. Ta’us harka wayyaa jalaan ergama dhokataa caalmaa yaadaan osoo hintaane miiraan kan guutameen kan socho’an fagoo hindeemne.

Ilaalchi beekumsan qaba, akkaataa barbaadeen biyya bulchuu danda’a jedhu hedduuttu ture. Ta’us mootummaa ta’uuf hawwuun danda’ama yoo hojjetes hinuma milkaa’a. Haata’u garuu waliindhahuun biyya bulcha yaanni jedhu tarkaanfaachiisaa miti jechuun ibsaniiru.

Harki keenya har’as diriiraadha, balballi keenyas banaadha. Kunis dimokraatawaa ta’anii yoo dhufan, caalmaa yaadaatiin dhiyaachuun osoo jiruu miiraan socho’uun isaanis ta’e biyya keenya miidheera.

Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti yeroo dhufetti biyyattiin biyya liqii hammaataa keessatti dhidhimte, pirojektoonni jalqabamanii kan addaan citan, ijaarsi hidha guddichaa baasii humnaa olii gaafachuun sadarkaa hammaataa keessa seenee ture.

Mindaan hojjetaa sadarkaa kaffalamuu hindandeenyerra gahee ture. Kanarraa kan ka’e biyyi raafama hammaataa keessa turteetti. Waliindhaabatanii hojjechuun osoo maluu fiigichi hunduu gara Araat Kiiloo ta’uun walqabatee haalli ture gaarii miti.

Liqaan alaa argamus kan kanaan duraa hinkaffalamne yaada jedhuun humni biyyattii yaaddoo keessa turuu yaadachiisu.

Kun ta’us mootummaan aangoorra jiru haalota hammaataa kanneeniif kan harka kennatu waan hinturreef tarkaanfii siyaasaa cimaa fudhachuun imala jijjiiramaa ormi diiguuf kaka’aa ture fashaleessuun sadarkaa amma irra jirrurra geenyeerra, kun Itoophiyaaaf injifannoo guddaadha.

Itoophiyaanummaan bu’aafi ida’ama sabaafi sablammiiti. Garaagarummaan afaanii, amantiifi lagaa jiraachuu danda’a. Sun osoo nu hinsakaaliin biyya irree gamtoomeen ijaaraamtedha malee kan saba tokkooti ilaalchi jedhu hinjiru.

Biyyi keenyas bu’uuruma kanaan kan ijaaramte faayidaa waloo lammiileef biyya dhaabattedha malee akka namoonni muraasni kaasan miti. Garaagarummaan jiraachuun beekaamaadha. Duubarra garuu gara tokkummaatti kan nufidu Itoophiyaanummaadha.

Ilaalchi kun ilaalcha madaalawaadha. Sababnisaas ijaarsa biyya keenyaan walqabatee yoo ilaalle ida’ama sabaafi sablammiin kan guutamte, irree gamtoomeen ammoo kan utubamteedha jedhan.

Jijjiiramni sadarkaa biyyaatti dhufe Itoophiyaa jijjiireera fayyadamummaa lammiilee keenyaas mirkaneesseera; injifannoowwan gama hawaasummaan dinagdeenfi siyaasaan galmaa’aa jiru kan nama onnachiisuudha, ammas cimee ittifufa jedhaniiru.

Gabaabumatti jijjiiramichi biyya keenya kan ceessisaa jiruudha. Ta’us kanneen mootummaa faallessuu barbaadan keessaafi ala taa’anii biyya keenya gara barbaadanitti sochoosuuf yaalu. Ta’us ga’umsi akka biyyaatti gama hoggansaan jiru sanaa ol waan ta’eef yaaddoo hinuumu.

Ijaarsa siyaasa dimokraatawaa lafa qabsiisaa waan jirruuf ammas balballi keenya banaadha jedhanii; ilaalcha misoomawaa biyya keenya fuulduratti tarkaanfachiisuufi siyaasa gabaan barbaadu qabatanii kan dhiyaataniif haalli mijataa ta’uu yaadachiisaniiru.

Fooyyessi Dinagdee Gooroo Itoophiyaan beekumsaafi ogummaa hojiirra oolchite bu’aqabeessa ta’uu biyyoota alaa dabalatee dhugaan ba’ameeraaf jedhan.

Fooyyessi Dinagdee Gooroo kan barbaachiseef dhiibbaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaan ykn Baankii Addunyaan osoo hintaane haalonni biyya keessaa dinagdeen banaa akka ta’uuf waan dirqisiisaniif ta’uu hubachiisaniiru

Erga dinagdicha banuun barbaachisaa ta’uun itti amanamee booda haaluma walfakkaatuun fooyyessicha hojiirra oolchuun biyyoonni adda addaa jila erguu dabalatee muuxannoo akka fudhataniif yaaliin bal’aan gaggeeffameeras jedhan.

Fooyyessa kana hojiirra oolchuuf hoggantoota biyyoota garagaraa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa, Baankii Addunyaafi dhaabbileefi waldaalee idiladdunyaa waliin gadifageenyaan mari’achuus ibsaniiru.

Kanaanis mindaa kaffaluufi rakkoolee furuuf fooyyessi dinagdee mandhaleen jalqabaa doolaara biliyoona 10 walitti qabuun hojii milkaa’aa hojjechuu eeraniiru.

Ta’us qabeenya fooyya’iinsa dinagdee 2ffaa hojiirra oolchuuf gargaaru kan jalqabaarraa karaa adda ta’e hordofuun barbaachisaa ture jedhan.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You