Ijaarsi daandii Jimmaa-Aggaaroo-Laga Dhedheessaa maalirra jira?

Finfinnee: Waa’een ijaarsa daandii Finfinnee-Gibee-Laga Dhedheessaa karooraan qabamuun erga dubbatamee bubbuleera.

ALA Onkoloolessa 2018 kan mallatteeffame yoo ta’u; hojiinsaa kan eegalame ALA Amajjii 1 bara 2019 ture. Yeroo sanatti daandichaaf qarshiin 1,306,509,305.58 kan qabame yoo ta’u; yeroon hojicha xumuruuf kennames waggoota sadiifi ji’a jaha ture.

Kontiraaktarri daandicha hojjetu kaampaanii Chaayinaa Reelweey jedhamu yoo ta’u, gorsitoonni ijaarsaa dhaabbilee Injinarootaa Oomeegaafi Piroom jedhamaniidha.

Egaa jiraattonni, konkolaachistoonniifi qaamoleen bulchinsa naannawichaa ijaarsi daandii kanaa harkifachuun dhiibbaa hawaas dinagdee irraan ga’aa akka jiruudha gabaasaa Gaazexaa Bariisaa dhiyeenya naannawichatti argamee turetti kan himan.

Ijaarsi daandii harkifachuun misooma kanneen biroorrattis dhiibbaa akka qabu walnama hingaafachiisu. Daandii malee waan barbaadan geejibsiisanii bakkaan gahuun rakkisaadha. Akkuma irranatti ibsuuf yaalame ijaarsi pirojektii daandii Jimmaa-Aggaaroo-Laga Dhedheessaa Onkoloolessa 14 bara 2011 waliigaltee dhaabbata ijaarsa daandii biyya Chaayinaa ‘Reelweey’ jedhamu waliin mallatteessuun Mudde 23, bara 2011 hojiinsaa eegalame.

Ijaarsa daandii kanaaf baajanni mootummaa federaalaa qarshii biiliyoonni 1.3 ramadameefii hojiitti seename. Ijaarsichi waggaa sadiifi walakkaatti nixumurama jedhamee karoorfame. Kana jechuun daandichi waxabajjii bara 2014 nixumurama jedhamee qabame.

Dheerinni daandichaa naannawa baadiyyaatti bal’ina meetira 10fi magaalota gandaarratti bal’ina meetira 12 akka qabaatu waliigalteerra gahame. Daandiin kun aanaalee akka Maannaa, Gumaay, Gommaafi Magaalaa Jimmaa kan walqunnamsiisudha.

Daandiin kun Aanaa Maannaa, Magaalaa Yabbuutti bal’ina meetira 19; Aanaa Gumaay, Magaalaa Toobbaatti bal’ina meetira 19; Aanaa Gommaa Magaalaa Aggaarootti bal’ina meetira 21.5fi Magaalaa Jimmaatti bal’ina meetira 22.5 hojjechuuf karoorfame. Haa ta’u malee ijaarsi daandichaa harkifachuun komii hawaasa godinichaa ta’aa jira.

Jiraataa godinichaa kan ta’an konkolaachisaa Bashee Faariis yaada nuu kennaniin daandiin  kun kanaan dura aspaaltii ture sababa haaressuutiin qotamee osoo hinhojjetamiin waggoota shanii ol lakkoofsiseera jedhan.

Sababa daandiin kun yeroon xumuramuu dhabuutiin daandii duraan sa’aatii walakkaa deemnu amma sa’aatii lamaa hanga sadii deemaa jirra. Qabeenya keenya kan akka gommaafaarras miidhaan qaqqabaa jira jedhan. Sababa daandiin kun mijataa ta’uu dhabuutiin baalestiraan konkolaataa nujalaa cabaa jira jechuunis komatu.

Jiraataan Aanaa Guumaay, Ganda Xeefoo Yaacii Obbo Zeeynuu Abbaa Simboos rakkoo daandii kanaa yoo ibsan, sababa daandii kanaatiin dhukkeen bona ka’u ija daa’imman keenyaas miidhaa jira. Mana jireenyaa keenyas balleessaa jira. Sababa manca’uu daandii kanaatiin konkolaachistoonni tajaajila geejibaa kennan imaltootarratti taarifa humnaa olii waan dabalaniif hawaasni rakkoo keessa jira. Nutis hojjannee galii argachuuf harkifachuun ijaarsa daandii kanaa rakkoo cimaa nutti ta’eera jedhu.

Konkolaachisaafi jiraataan Magaalaa Aggaaroo Obbo Musiin Jamaalis sababa daandiin kun dafee hojjatamuu dhabuutiin konkolaataan keenya fe’umsa fe’ee karaa dheeraa deemee dhufu salphaatti meeshaan konkolaataa cabee karaa kanarratti rakkanna jedhu.

Qabeenya keenyarrattis miidhaa kana hinjedhamne geessisaa jira. Maallaqa hojjannee argannu deebisnee qaama konkolaataa cabe suphuuf baasna. Keessattuu yeroo gannaa waan garmalee dhoqqaa’uuf daran rakkisaadha jedhu.

Dhimma kanarratti Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatti Raawwachiisaa Hojii Ittaanaa Maanaajimantii Pirojektoota Xixiqqoo Jimmaafi Naannawichaa Injiinar Yoonaataan Caannee kan dubbisne yoo ta’u, harkifachuu ijaarsa daandichaatiif bu’uura gaaffiiwwan hawaasaatiin hojiiwwan baay’een ittidabalaman jiraachuufi keessattuu sararriwwan daandichi keessa darbu misooma koriidariirra jiraachuu akka sababaatti eeraniiru. Ijaarsi daandichaas ammaan tana harka 82.5 irra ga’uus ibsaniiru.

Kana malees naannawichatti rooba cimaafi yeroo dheeraaf roobuun hojiin ijaarsa daandii kanaa harkifachuu danda’eera jedhan. Ittidabaluunis adeemsi kabachiisa daangaa qabeenyaa harkifachuun keessattuu sarara ibsaa bakka isaa jijjiiruufi akka biyyaattis rakkoo hanqina galteewwan ijaarsaa mudachaa jiru keessattuu hanqinni boba’aafi simintoo isaan ijoo akka ta’an himu.

Daandii kana xumuruuf maaltu hojjatamaa jira jechuun gaaffii dhiyeessineefiif deebii kennaniin akka jedhanitti, kontiraaktarichi yeroo ijaarsaa hafe keessatti humna namaa gahaafi maashinoota dhiheessuun inumaayyuu kontiraaktaroota xixiqqaa hirmaachisuun yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu kallattiin kaa’ameera. Adeemsota kabachiisa daangaatiin walqabateemmoo qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun hordoffii cimaa taasisaa jiru.

Dhumarrattis hawaasni iddoofi yeroo hojiin pirojektichaa kun raawwatutti akkasumas raawwattoota pirojektichaafi qaamolee dhimmi ilaaluuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisuufi hanqinni galteewwan ijaarsaa kanneen akka boba’aafi simintoorratti dursi akka kennamuuf gaafataniiru.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You