
Finfinnee: Qaama Waancaa Afrikaa 2029 keessummeessuu kan ta’e hojii garee biyyaalessaa cimaa ijaaruurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksise.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Itoophiyaan ALA bara 2029 waancaa Afrikaa keessummeessuuf karoora qabaachuushee ibsuunsaanii ni yaadatama. Kanuma hordofuun qaama dhimmi ilaaluuf ifatti gaaffii dhiyeessuunshii niyaadatama.
Dhimma kana ilaalchisee, keessumaa garee biyyaalessaa dorgomaa ijaaruuf gama qophiitiin maaltu hojjetamaa akka jiru hogganaan waajjira federeeshinichaa Obbo Baahiruu Xilaahun ibsaniiru.
Gaaffii dhiyaate hordofuun federeeshinichi hojiilee hedduu raawwachaa jiraachuu eeranii, keessumaa karoora biyyattiin waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf qabdurratti hundaa’uun qophii cimaan taasifamaa jiraachuufi garee biyyaalessaa dorgomaafi bu’aqabeessa ta’e ijaaruuf xiyyeeffannaan addaa kennamee sochiitti seenamuu eeraniiru.
Inisheetiviifi pirojektoonni haaraan keessumaa guddattootarratti xiyyeeffatan hojiirra ooluu eegalamuus ibsaniiru. Kanneen keessaas pirojektii “Road to 2029” jedhamu guddattoota abdatamaniifi humna cimaa qaban filachuun madaalliifi leenjii akka argataniif gara kaampii biyyaalessaatti erguun jalqabamuu kaasaniiru.
Hanga ammaatti Finfinneerraa guddattoonni 40 Giddugala Gahumsaa ‘CAF’ seenuun leenji’aa jiraachuu himanii; gara fuulduraattis guddattoonni gahumsa qaban naannolee biroorraa filatamanii akka ittidabalaman himaniiru.
Adeemsa kana keessatti taphattoota dorgommichaaf ga’umsa qaban qopheessuufi ga’oomsuuf karoorfachuus beeksisaniiru. Malli kun muuxannoo idiladdunyaa biyyoonni hedduun ittifayyadamaniifi bu’aqabeessas ta’uu Obbo Baahiruun ibsaniiru.
Itoophiyaan waancaa Afrikaa akka qopheessituuf federeeshinichi ittigaafatamummaa olaanaa akka qabu eeruun, milkaa’inasaatiifis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechuun ittifufa jedhaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite yoo fudhatama argate kubbaa miilaa biyyattii haaressuu qofa osoo hintaane haala gaariishii ijaaruu keessattis gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017