“Bu’aalee wareegama qaaliin arganne garaagarummaa amantaan xiqqeessuu hinqabnu” – Ustaaz Kaamiil Shamsuu

Finfinnee: Oromoo hundi garaagarummaa amantaa malee eenyummaasaaf wareegama qaalii kaffalee jijjiirama fiduun bu’aa har’a argate xiqqeessuu akka hinqabne miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu ibsan.

Ustaaz Kaamiil maalummaafi haala kabaja Ayyaana Arafaa ilaalchisee Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ayyaanichi akka hawaasa Musliimaattis ta’e ummata Itoophiyaa kaan biratti jijjiiramaa as haala kaleessarraa adda ta’een bu’aan lakkaa’amu hedduutu jira.

Keessumaa hawaasni Musliimaa kana dura wayita dirreerratti ba’ee ayyaana waliin kabajuuf ka’u miirri warra kaan biratti uumamu gaarii waan hinturreef asitti hinkabajjan yaada jedhuun jeeqamaafi doorsifamaa tureera.

Hawaasni Musliimaa siyaasaafi dinagdeerraa maggeeffamaa ture har’a hirmaannaan siyaasaasaa dabaluun cinatti baankii mataasaa hanga hundeessuu ga’eera. Bakka sagadaarratti falmiin irratti taasifamaa ture hafee kumaatamaan ba’ee nagaan ayyaanasaa kabajatee galuun waan akka salphaatti ilaalamu miti jedhaniiru.

Haa ta’u malee, har’as namootni ilaalcha dhuunfaa mataasaanii adeemsisan bu’uura seeraa tokko malee kaayyoo mootummaan alatti barattoonni Musliimaa akka hijiibaa hinuffanneefi sagadasaanii ugguraa darbee darbee uumamu qeeqanii; mirgi heerri kaa’e kun akka kabajamuuf itti adeemamaa jiraachuufi furmaatas kan argatu ta’uu abdii qaban ibsaniiru.

Gama kaaniin namootni koolugaltummaan biyyoota garagaraatti taasisan harkaa fashalaa’ee kallattii amantaa ummata tokko gidduutti waldhabbii uumuuf wixxirfachaa jiraachuu eeranii; waldhabbiifi waldhiibuun kallattii amantaan ilmaan abbaa tokkoo gidduutti taasifamu duudhaa amantaas ta’e duudhaa obbolummaa waan hintaaneef irraa of qusachuun barbaachisaadha jedhan. Gumiin dhaabbilee amantaas waa’ee tokkummaafi obbolummaarratti hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Amantaan kan nama dhuunfaafi dhimma hafuuraa waan ta’eef garaagarummaa uumuu mala kan jedhan Ustaaz Kaamiil; Oromummaan garuu dhimma dhiigaa eenyuyyuu haquu hindandeenye, Oromoo hunda tokko taasisu waan ta’eef waa hunda kallattii Oromummaatiin ilaaluun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Akka Ustaaz Kaamiil jedhanitti, Ayyaanni Arafaa utubaawwan amantaa Islaamaa shanan keessaa isa tokko. Ayyaana nageenyaafi gammachuu huccuu adii uffachuun harkaqal’eeyyii hundaaf qalmi qalamee waliin gammachuun ayyeeneffatamuudha.

Ayyaanni kun ayyaana walkabajuufi walii abboomamuu ta’uu mul’isuuf Ismaa’el abbaansaa Ibraahim akka Rabbi isa abboometti aarsaa ta’uuf abboomame. Kanaafuu, xinnaan guddaaf abboomamuu qaba, abboomamuun jiraannaan ammoo nageenyatu jira. Ayyaana araaraafi dhiifamaa waan ta’eef araaraafi dhiifama walii gochuun kabajuun barbaachisaadha jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 30 Bara 2017

Recommended For You